Waraanaa Yuukireen: Putiin yakka waraanaaf seeratti dhiyaachuu qabu jedhan Joo Baayidan

Loltuu Yukireen magaala Buchaa keessatti

Madda suuraa, Getty Images

Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan ajjeechaa Buchaan walqabatee hoogganaa Raashiyaatiin ''gaaga'aadha'' jedhanii yakka waraanaaf seera dura akka dhaabatan gaafatan.

Humnoonni Raashiyaa Yuukireen keessatti namoota nagaa irratti ajjeechaa raawwataniif ragaan argamaa jiraachuu ibsuun pireezidant Vilaadimiir Puutiin yakka waraanaan akka himataman pireezidantiin US Joo Baayidan gaafataniiru.

Tibba kana dhiyeenya magaalaa guddoo Yuukireen, Kiyiivitti kan argamtu Buchaatti ajjeechaan namoota nagaarratti raawwatameef ragaan argamuu warra Lixaa Puutiin irratti duulaa jiran dheekkamsiseera.

''Namichi kun ajjeesaadha'' jedhan Joo Baayidan. Itti dabaluunis Putiin ''yakkamaa waraanaati'' jedhan.

Raashiyaan Buchaatti ragaan yakka waraanaa argame jedhame wanna Yuukireen himannaaf tolchite jechuun ragaa biraa osoo hin dhiyeessiin himaticha kufaa gooteetti.

Qondaaltotni US garee abbootii alangaa idila addunyaa Buchaa dhaqanii ragaa sassaaban akka deeggaran himaniiru.

Dhiyeenya magaalaa Kiyeevitti reeffi namoota nagaa humnoota Raashiyaan ajjeefaman 410 argamuu sababeeffachuun mootummaan Yukireen qorannoo yakka waraanaa eegaleera. Reeffii namoota kanaa gariin awwaala jumlaa keessatti argamuu fi namootni ajjeefaman kun harki isaanii boodatti hidhamee fageenya dhiyoorraa itti dhukaafamuun ta'uun gabaafameera.

Hoogganoonni Kiyeev akka jedhanitti hoogganaan gandaa, haati warraa fi ilmi isaanii humnoota Yukireen naannoo san jiraniif deeggarsa gootan jedhamuun humnoota Raashiyaan ajjeefamaniiru.

''Ni yaadattu ta'a Putiiniin yakkamaa waraanaa jechuu kootiin qeeqameen ture'' kan jedhan Baayidan, ''Buchaatti waan ta'e argitaniittu. Inni Yakkamaa waraanaati...garuummoo ragaalee dabalataa hunda sassaabnee himatni yakka waraanaa eegaluu qaba'' jedhan.

Wanti Buchaatti argame nama ''rifaasisa'' Putiin humnoonni waraanaa isaanii Yukireen keessatti ajjeechaawwan raawwataniif ''gaafatamaa ta'a'' jedhan Baayidan.

Raashiyaa irratti qoqqobbiiwwan dabalataa kaahuuf yaadni jiraachuu himan.

Haasaan Baayidan kun kan dhagaahame suuraaleen saatalaayitii haaraan kaampanii addunyaa mil'atu Maxar jedhamuun maxxanfaman magaalaa humnoonni Raashiyaa to'atanii turna Buchaa keessatti reeffii namootaa daandiirra diriiree jiru mul'isuu hordofeeti.

Ney York Times xiinxala suurota kanaa hojjeteen reeffii namoota 11 daandiirratti mula'atu kan gaafa jalqaba humnoonni Raashiyaa maagaalittii qabatan Bitootessa 11'ti jedha.

Ministeerri Haajaa Alaa US dirqiin gudeeduun, dararuufi jumlaan ajjeesuun raawwatamuu isaaf ragaan amanamaan jiraa jedheera. Kunis qaama ''duula bal'aa fi cigaasisaa'' Moskoon eegalteeti jedha.

Amma gaffii Yukireen dhiyeessiteen abbootiin alangaa idila addunyaa abbaa alangaa waliigalaa Yukireen kan yakka waraanaa qoratu ni deeggaru.

Waajirri ittisaa US, Peentaagoon, ajjeechaa jumlaa kana kan raawwate Raashiyaa ta'uun ifa jedhee, garee kamtu kana raawwate kan jedhu sirriitti mirkaneeffamuu qaba jedhera.

Awwaala gamoo mana jireenyaa fuuladuratti mula'atu

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Ajjeechaan namoota nagaa Bucha dheekkamsa kaase

Pireezidantiin Yukireen Voloodimiir Zeleniskii Wiixata galgala ibsa kennaniin yakka waraanaan Raashiyaa himatanii, bulchiinsi Putiin ajjeechaawwan kaan dhoksuuf ni yaala jedhan.

''Tooftaawwan haaraa durii pirooppogaandistootni Raashiyaa walitti fufiinsaan himannaa waraana Raashiyaarratti dhiyaatu fudhatama dhabsiisuu akka beektan shakkii hin qabu'' jedhan.

Ammas sanuma gochaa jiru. Soba walfakkaataa. Dhugaa waliin dhahaa jiru. Akka yeroo sanii garuu hin milkaahan. Addunyaa guutuu burjaajessuu hin danda'an.''

Ajjeechaa Buchaa sabeeffachuun Faransaayifi Jarmaniin dippiloomaatota Raashiyaa biyya isaanii keessaa akka ari'an Wiixata beeksisaniiru.

Ministirri Haajaa Alaa Jarman Anaalenaa Bee'arbook dippiloomaatota Raashiyaa 40 biyya isaanii keessaa kana ar'iin ''ajjeechaa hin amanamne'' Kireemliin Yukireenirratti raawwatteef deebii laachuufi jedhan.

Faransaay tarkaanfii walfakkaatu fudhachuu malee lakkoofsa isaanii hin ibsine. Lituuniyaanis akkasuma Ambaasaadddara Raashiyaa ari'achuu himteetti.

UN'tti ambaasaaddarri Raashiyaa warri Lixaa ajjeechaa Buchaa waliin walqabatee ibsi baasan soba ta'uu ragaa qabatamaa Mana Maree Nageenyaaf akka dhiyeessan himaniiru.

Niiw Yoork irraa ibsa kan laatan dippiloomaatiin Raashiyaa Vaasily Nebeenziyaa Yukireeniifi ispoonsaroota ishee warra Lixaa ragaa sobaa qindeessuun himatan.

Buchaatti wanna raawwate kanneen ijaan argan waraanni Raashiyaa warra ulaa isaan bananiin bahuu didan rasaasaan ajjeesan arguu ragaa bahu.

Kanneen ajjeefamanii reefii isaanii argame madaa heddu qabu, mana sagadaa keessatti kan ajjeefaman jiraachu, gariin ammoo taankiin irra deemeera.

Suurri saatalaayitii Maxar awwaalchi jumlaa meetira 14 ta'u magaalaa Buchaa bataskaana 'church of St Andrew and Pyervozvannoho All Saints' jedhamu cinaatti mul'iseera.