Baayidan Putiin 'yakkamaa waraanaati' jechuun 'dhiifama kan hinqabneedha' jette Raashiyaan

Putiiniifi Joo Baayidan

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan yeroo jalqabaatiif Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin ''yakkamaa waraanaati'' jedhan.

Haata'u malee deebii battalaa Mooskoon kenniteen, jechaan Baayidan kun ''kan dhiifama hin qabnedha'' jechuun balaaleeffate jirti.

Maddi oduu TASS akka jedhetti, Kireemliin yaadni Baayidan Putiin irratti kennan ''dubbii fudhatamaafi dhiifama hin qabneedha,'' jette.

Hanga ammaatti, bulchiinsichi yeroo kallattiin gaafataman dabalatee, jechaa kanatti fayyadamuu hin barbaadu ture.

Baayidan waligahii Waayit Hawuusi Roobiitiin booda gaazexeessitootatti wayita dubbatanitti, ''akkan yaaduutti Putiin yakkamaa waraanaati'' jedhan.

Akkasumas Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan guyyaa Roobii akka jedhaniitti, Ameerikaan humnootiin Raashiyaa itti yaaduun namoota nagaarratti kan xiyyeeffatan ta'uu murteessuuf yaadaa jirti,'' jedhan.

Yukireen gama isheetiin yakka waraanaatiin Raashiyaa akka qoratu Heegi gaafatte.

Yaada pirezidaantichaa irratti ibsa kan gaafataman Pires Sakreetariin Waayiti Hawuus Jeen Psaaki akka jedhaniitti, Baayidan ''garaadhuma isaaniirra dubbatan. Waan miidiyaa irratti argan irraa ka'uun dubbatan. Kunis tarkaanfii gara jabinaa abbaa hirree hamaadhaan weerara biyya biraa keessatti raawwatameedha,'' jedhan.

Itti dabaluunis, haata'u malees, ''adeemsii seeraa ''himannaawwan yakka waraanaa qoratu Ministeera Dhimma Alaatiin gaggeeffamuu itti fufa,'' jedhan.