Hoggantoonni Awurooppaa sadii Pireezidantii Yukreen arguuf baaburaan Kiyeev galan

Ministiroota muummee Poolaand, Islooveeniyaa fi Cheek Rippaabliik

Madda suuraa, Matiyuuz Moraawiikii

Hogganoota Awurooppaa sadii imala dheeraafi balaa qabuun deeggarsa agarsiisuuf jecha Poolaand irraa Kiyeev galan Yukreen leelliste.

Ministiroota muummee Poolaand, Islooveeniyaa fi Cheek Rippaabliik Kibxata galgala yeroo dhorkaa sochii booda Pireezidantii Yukreen Voloodmiir Zeleenskii argataniiru.

Boodas Ministirri mummee Cheek uummata Yukreeniin,’’qofaa keessan miti,’’ ittiin jedheera.

Gareen kuni erga waraanni jalqabee Yukreen daawwachuun hogganoota Lixaa keessaa kan jalqabaati.

Hogganaan Cheek Peetr Fiyaalaa, ''ola gootummaa kana ni dinqisiifanna,'' jechuun Tiwiitara isaanii irratti barreessan. ''Akka lubbuu keenyaafillee lolaa jirtan beekna. Qofaa keessan miti, isin cinaa dhaabbatu,'' jedhan.

Ministirri mummee Poolaand Matiyuuz Moraawiikii immoo Awurooppaan yoo Yukreen dhabde akka duriishee hin taatu. Inumaa, ''mo’amtuu, salphattuu fi kan gatii hin baasne taati,'' jedhan.

''Daawwannaan keessan Yukreeniif mallattoo deeggarsaa jabaa dha,'' jechuun pireezidantiin biyyattii isaan galateeffatan.

Ministirri mummee Yukreen Deeniis Shamyaal ergaa Tiwiitara irratti barreessaniin ''Raashiyaan shororkeessummaa deeggarti jechuu,'' dabalatee qoqqobbii jajjabaa irra kaa’ame irratti marii’atameera jedhan.

Yeroo marii isaanii dhohiinsi dhagaahame

Yeroo hogganooti kunneen mariitti jiran lola lixa Kiyeeviin geggeefamaa tureen sagaleen dhohiinsaa ni dhagahama ture.

Gamtaan Awurooppaa namooti siyaasaa kunneen ergama addaa qabatanii hin deemne garuu hogganooti Biraasals jiran waa’ee imala isaanii beeku ture jedhe.

Ministirri itti-aanaa Ministeera Hajaa Alaa Poolaand Maarsiin Pirziidaaz imalli isaanii balaa qaba garuu ''qajeelfamaaf dhaabachuurraan kan taasifame dha,'' jedhan. Imala kana akka taasisan Raashiyaattis beeksisanii akka turan himaniiru.

Hogganootni kunneen baaburaan imaluu kan filatan jeettii waraanaan yoo imalan Raashiyaa dubbii biraaf kakaasuu taha jedhaniitii jechuun gaazexeessituun BBC Awurooppaa Kaatyaa Adlar gabaasteetti. Hogganootni kunneen yoom gara biyya isaaniitti akka deebi’an hin baramne.

Yukreen irra deddeebiin daangaa qilleensaa isheerratti akka hin balalii’amne Nato gaafattus, Nato’n garuu ni dide.

Zeleenskiin amma lammiileen Yukreen Nato’tti makamuu akka hin dandeenye baraniiru jedhan. ‘’Waggootaaf balballi isaanii banaa akka tahe nutti himaa turan,yeroo kaan immoo isaaniitti makamuu akka hin dandeenye dhageenye. Dhugaa dha kuni, beekamuu qaba jedhan.

Uummanni biyya keenyaa kana hubachuufi ofitti hirkachuu akkasumas michoota nu deeggara waliin hojjechuu jalqabuun na gammachiisa jedhan.