Waraana Yukireen: Putiin lammiilee ormaa Raashiyaa waliin Yukireen waraanuu fedhaniif waamicha godhan

Madda suuraa, Reuters
Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin lammiilee biyya ormaa Raashiyaaf loluu barbaadaniif waan isaan fedhan dhiyeessanii gara adda waraanaa akka ergan dubbatan.
Marii Mana Maree Nageenyaa Raashiyaa irratti kan dubbatan Putiin namootni fedhaan humna qindaa'aa Raashiyaatti dabalamanii loluu barbaadaniif hayyamni kennamuu qaba jedhan.
Ministirri Ittisaa Raashiyaa Sarjee Shooguu gidduugala bahaatii namootni 16,000 ta'an humnoota Raaashiyaa waliin ta'uun loluuf qophiidha jedhan.
Qondaaltotni US wanti ministirri ittisaa Raashiyaa dubbatan kun loltoota Siiriyaa waraana magaala keessaan muuxannoo qaban dabalataa jedhu.
Mooskoon deeggartuu Siiriyaa yeroo dheeraa yoo taatu, waraana waliinii biyyattii hunkuru keessatti Putiin pireezidantii biyyattii Bashiir Al-Asaadiin jabeessanii warra deeggaran keessaati.
''Maallaqa barbaacha osoo hin taane, fedha isaaniin uummata Donbas jiru deeggaruu namootni barbaadan, nuti waan isaan barbaadan kennineefi gara adda waraanaa akka duulan gargaarra'' jechuun Putiin Ministira Ittisaa isaaniitti himaniiru.
Ministirri Ittisaa Shooguu, misaayeloota farra taankii biyyootni lixaa Yukireeniif ergan kan harka humnoota Raashiyaa galaa jiru hidhattoota Luhaaneskiifi Doneeski keessatti mootummaa Kiyeev mormaniif dabarsuuf yaada dhiyeessaniiru.
''Hadaraa akkas godhi Putiin'' jechuunis hayyama Putiin gaafatan.
Mariin Mana Maree Raashiyaa kun kan dhagaahame humni Raashiyaa Yukireen keessatti naannolee filatamoo hedduutti haleellaa jabaa wayita gaggeessuu eegalanitti.
Qondaalotni US Wall Street Journal'tti yoo dubbatan Raashiyaa siiriyaa keessaa loltoota qacaraa jirtii jedhan. Kaayyoon isaas hidhattoota lola magaalaa keessaan muuxannoo qaban filachuun magaala Kiyeev to'atanii mootummaa Yukireen kuffisuudha.
Gama kaaniin dhaabbileen dhuunfaa hojii nagaa eeguu hojjetan kan US keessa argaman loltoota duraanii deebisanii qacaruun namoota Yukireen keessatti danqaman baasuuf sochii eegaluuf jiru.
Loltootni biyyoota ormaa kan duraaniif ammaa UK irraa dabalatee Yukireeniin deeggaranii loluuf biyyattii qubachuu eegalaniiru.
Pireezidantiin Yukireen kan amma dura michootni isaanii Lixaa meeshaa waraanaafi loltuu akka gumaachan gaafachaa turan loltootni biyya ormaa 16,000 ta'an fedhaan duulaa akka jiran dubbatan. Warri lixaa daangaa qilleensaa Yukireen balaliin ala akka ta'u(no fly Zone) aka labsan gaafatanii didamuu isaaniitti mufachuullee dubbataniiru.
Hanga ammaa biyyootni Lixaa 14 ol ta'an misaayeloota farra taankiifi gosa kaan kumoota kudhaniin lakkaawwamu michuu isaanii Yukireeniif erganiiru.













