Waraana Raashiyaa-Yukireen: Raashiyaa qoqqobbii biyyoota Lixaan irra kaa'ame qoqqobbiin deebifte

Raashiyaan al ergii meeshaalee oomisha konkolaataaf oolan erguu dhaabuu beeksifte

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Raashiyaan al ergii meeshaalee oomisha konkolaataaf oolan erguu dhaabuu beeksifte

Yukireen weeraruu isheetiin biyyoonni Lixaa qoqqobbii danuu kan irra kaa'an Raashiyaan isheenis al ergii omishaalee irratti qoqqobbii kaa'uu beeksifte.

Qoqqobbiin kuni al ergii telekomii, medikaalaa, konkolaataa, qonnaa, bu'aalee mukkeeniifi meeshaalee elektirikii dabalata.

Murteen Raashiyaa kuni hanga xumura bara 2022 akka turu beeksifte.

Ministeerri Dinagdee biyyattii akka ibsetti murteen dabalataa biyyattiin fudhattu dooniiwwan alaa buufataalee doonii isheerraa dhorkuu dabalata.

''Tarkaanfiin kuni tarkaanfii Raashiyaarratti fudhatamaniif deebii sirriidha,'' jedha ibsichi.

Akka ministeerichaatti tarkaanfiin kuni dinagdeen ijoo biyyattii osoo adda hin citiin akka itti fufu yaadameeti.

Mootummoonni biyyoota Lixaa Raashiyaarratti keessumaa gurgurtaa boba'aa, akkasumas dureessota Pirezidant Vilaadimiri Puutinitti dhihoo jiru jedhaman irratti qoqqobbii ka'aniiru.

Murteen Raashiyaa kuni biyyoota 48, Gamtaa Awurooppaafi US dabalatee ni huba.

Ministirri Muummee Raashiyaa Mikaahil Mishustiin dhorkaan kuni oomisha dhaabbileen alaa Raashiyaa keessa jiran oomishan dabalata. Oomishaaleen kunniin konkolaattota, konteenarootaafi furgoowwan baaburaa dabalataa.

Murtiin kuni pirezidantiin duraanii Raashiyaa Dimitirii Medvedeev qabeenyi dhaabbilee alaa Raashiyaa keessa hojii dhaaban ni dhaalama jedhanii erga akeekkachiisanii booda dhagahame.

Waraanni eegalu hordofee dhaabbileen gurguddoo dameewwan garagaraarratti bobba'anii raashiyaa keessa dalagaa turan hojii dhaabaniiru.

Gaafa Roobii Moskoon labsii qabeenya dhaabbilee alaa biyyattii dhiisanii bahan dhaaluu dandeessisu raggaasifteetti.

''Dhaabbileen alaa gabaa keenyatti deebi'uun rakkisaa akka ta'u hubachuu qabu,'' jechuun Medvedeev dubbatan.

Dhaabbileen alaa bahuun lammiilee Raashiyaa hojii isaan biratti dalagan 'yaaddoo keessa galchaniiru' jechuun himatani.

2px presentational grey line

Tiwoo Legeet, Xiinxalaa Biiznasii

Murteen Raashiyaa hangam miidhaa geessisuu danda'a?

Meeshaaleen biyyoonni Lixaa Raashiyaarraa bitan meeshaalee dheedhiidha. Garuu boba'aafi gaaziin akkasumas sibiilli akka aluminiyeemii, nikeelii, kan xaa'oo oomishuuf fayyadan potaashiifi fosfetiinis keessa jiru.

Waraanni akkuma eegaleen gatiin omishaalee kanaa ol guddateera. Yoo gatiin ol ka'e akkanumaan itti fufe Awurooppaa keessa rakkoo dinagdee ni fida.

Gurgurtaan konkolaataa Raashiyaa garuu adda cituun hammana hubaatii waan geessisu miti. Gurgurtaan meeshaalee qonnaarratti ka'ames akkasuma.

Meeshaaleen kuni alatti ergamu - gara caalu garuu Belaaruusifi Kazaakistaanitti kan ergamanidha.

Konkolaattonni qoqqobbii keessa ka'amuun abbaa qabeenyaa Vauxhall, Peugeot fi Citroen kan ta'e Stellantis'f rakkoodha.

Walumaagala qoqqobbiin Raashiyaa hammana miidhaa hin fidu. Haa ta'u malee, qoqqobbiin meeshaalee dheedhiirra ka'ame hojiirra oollaan miidhaa jabaa fiduu danda'a.

2px presentational grey line