Waraana Raashiyaa - Yukireen: Mariin Tarkiitti dhukaasa dhaabuurratti mari'atame bu'aa osoo hin buusiin xumurame

Madda suuraa, Reuters
Mariin marroo jalqabaa Ministiroota Haajaa Alaa Raashiyaafi Yukireen gidduutti jaarsummaa Tarkiin adeemsifame dhukaasa dhaabuu ilaalchisee bu'aa osoo hin buusiin xumurame jette Yukireen.
Ministirri Haajaa Alaa Yukireen wanti Raashiyaan gaafatte harka kennadhaa jechuun qixxeedha yoo jedhan gitni isaanii Raashiyaa ammoo duulli isaanii karooraan deemaa akka jiru dubbataniiru.
Ministirri Haajaa Alaa Yukireen Dimiytiroo Kuleebaa mariin booda Tarkii irraa ibsa kennaniin wanti Raashiyaan gama Ministira Haajaa Alaa ishee Sargee Laavroov gaafatte, harka kennadhaa jechuu waliin qixxeedha jedhan.
Mariin Ministiroota lameenii pirezidantii Tarkii Tayiip Erdohaaniin abdii dhukaasa dhaabuu qaba jedhamus, marichi eegaluu dura Raashiyaan hospitaala daa'immanii haleeluun ishee dheekkamsa guddoo kaaseera.
Magaala Mariypoolitti haleellaa raawwatame kanaan daa'ima tokko dabalatee namootni sadii ajjeefamaniiru jedhu qondaaltotni Yukireen.
Raashiyaan haleellaa warri lixaa weerara ittiin jedhaniifi isheen ammoo oppireeshinii waraanaatii jettuun Yukireen keessatti erga eegalee torban lama guuteera.
Hanga ammaa lammiileen Yukireen miiliyoona 2.3 ta'an biyya isaanii gadhiisanii bahuuf dirqamaniiru.
Kuleebaan gaaga'amni namoomaa jabaan magaalaa Mariypool mudachuufi qorri jabaan hanqina anniisaa elektirikaafi bishaan dabaalamee jiraattota miidhuu dubbatan.
Itti dabaluunis ''irra deebi'een dubbadha amma dura Yukireen Raashiyaaf hin jilbeeffanne, ammas harka hin laanne, fuula durattis harka hin laattu'' jedhan.
Marii garuu Raashiyaa waliin akka itti fufan dubbatan.
Ministirri Haajaa Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov gama isaaniin ammas irra deebii hidhannoo Yukireen Raashiyaa yaaddessu dhabamsiisuufi Nato'n ala ta'uu ishee gaafatan. Kana ilaalchisee Mooskoon deebii Kiyeev eegaa jirtii jedhan.
Laaviroov itti dabaluunis warri lixaa meeshaa waraanaa Yukireeniif erguun walitti bu'iinsa kana hammeessaa jiruu jechuun komatan.
Raashiyaan qoqqobbii warra lixaa ni dandamatti ''xiinsammuufi hubannoo jabaan rakkoo kana keessaa baati'' jechuunis dubbatan.
Hirkannaa warra Lixaarra jiru gama hundaan keessaa bahuuf waan dandeenyu hunda ni goona, dhiibbaa kana jalaa akka baanu isiniin mirkaneessa jedhan Laaviroov.
Ministirri Haajaa Alaa Tarkii Mevluut Kavusogluu mariin biyyoota lamaanii jalqabbii gaariidha jedhan.
Miidiyaan Tarkii Haberturk misnitirri kun marii tokkorraa raajiin hin eegamu jechuu isaanii gabaaseera.
15 dura Raashiyaan Yukireen erga weerartee mariiwwan lama biyya ollaalameenii Belaruusitti kan gaggeeffamaniin alatti mariin aanga'oota olaanoo hirmaachis ta'uun kun isa jalqabaati.
Danqaawwan jiran hunda cinaatti jechuun, mariin ammayyaawwan gaggeefameera jechuu nan danda'a jedhan Kavusogluu xiyyeeffannoon keenya ulaan namoomaa danqaa malee banaa ta'uu qabu kan jedhudha jedhan
Biyyi miseensa NATO taate Tarkiin waraana kana balaaleffattus, biyyoota lameenuu waliin hariiroo gaarii waan qabduuf ejjennoo hin loogne qabattee argamti.














