Waraana Yuukireen-Raashiyaa: 'Raashiyaan haleellaa meeshaa waraanaa keemikaalaa raawwachuu malti' - Waayit Haawus

Madda suuraa, SOPA Images/Getty Images
Raashiyaan haleellaa meeshaa waraanaa keemikaalaa ykn baayolojikaalaa Yuukireenirratti banuuf karoorsaa jiraachuu hin ooltu, kanaf "hundi keenya horodofuu qabna,’’ jedhe Waayit Haawus.
Pirees sekireetariin waajirichaa Jeen Saakiin, Raashiyaan Ameerikaadhaan Yuukireen keessaa mana yaalii meeshaa waraanaa baayolojikaalaa fi gabbisa meeshaalee keemikaalaa qabdi jechuun qoosaadha jedhan.
Kunis ‘’tooftaa ifa’’ tahe kan Raashiyaan haleellaa itti qophoofteefi otoo hin tuqamiin raawwachaa jirtuuf sababa kennuuf dubbataa jirtudha jedhan.
Ibsi kuni qondaaloti biyyoota Lixaa biroo haleellaan akka haaraatti jalqabu mala yaaddoo jedhu himachuun booda dhagahame.
‘’Yaaddoo cimaa,’’ waraanichi hammaachuu mala, akkasumas Raashiyaan meeshaa waraanaa hin eeyyamamne fayyadamuu dandeessi jedhu qabu.
Kunis meeshaa waraanaa keemikaalaa, niwukileera xixiqqoo, meeshaa waraanaa baayolojikaalaa fi kaan fayyadamuu fa’i dabalata.
Qondaaloti biyyoota Lixaa, ‘’yaadda’uudhaaf sababa gahaa qabna,’’ jedhan.
Kana kan jedhan michooti Raashiyaa kana dura Siiriyaa keessatti meeshaa waraanaa keemikaalaa fayyadamuu kaasuudhaani
Saakiin, ’’Raashiyaan Yuukireenitti meeshaa waraanaa keemikaalaa ykn baayolojikaalaa fayyadamuu waan dandeessuuf hundi keenya ija irraa kaasuu hin qabnu. Kanaa achi meeshaalee waraanaa kana fayyadamtee kaatee, kaanitti qabachuu dandeessi, adeemsi ishee ifaa dha,’’ jedhan.
Roobiima kaleessaa Ministirri Ittisaa UK, Raashiyaan rookeettii tarmoobaariik jedhamu Yuukireen irratti fayyadamteetti jedhaniirru.
Rokeetiiwwan kunneen qilleensa naannoo keessaa oksijiinii xuuxuun dhohinsa teempireechara olaanaa qabu uumu.
Meeshaan kuni naannoo dhohetti namoota jiran irratti miidhaa hamaa waan geessisuuf akka meeshaalee waraanaa dhohan idileetti hin ilaalamu.
Ameerikaatti embaasiin Raashiyaa , ‘’sanadooti dhiyoo argaman manneen yaalii Yuukireen keessatti meshaaleen waraanaan baayolojikaalaa baasii Waajira Ittisaa Ameerikaan akka tolchamu,’’ jechuun Tiwiitara isaanii irratti barreessaniiru.
Qondaalotiifi miidiyaaleen Raashiyaa, Yuukireen waan ‘’dirty bomb’’ jedhamuufi meeshaalee ‘’radioactive’’ tahan dhabamsiisu danda’u ijaaraa jirti jedhaniiru.
Gama biraan ministeerri hajaa alaa Raashiyaa immoo meeshaalee niiwkileeraa barbaadaa jirtis jedheera.














