Waraana Yuukireen: Imbaasiiwwan Raashiyaa fi Jarman Finfinnee jiran Facebook irratti wal-ifatan

Madda suuraa, Getty Images
Imbaasiin Raashiyaa Finfinnee jiru barruu Kamisa ganama fuula Facebook isaarratti baaseen lammilee Itoophiyaa waraanaa Raashiyaan Yuukireen irratti bante irratti Raashiyaa waliin dhaabbatan jedhe jajate.
"Akkuma abbooti keenya wagga 80 dura godhan, Yuukireen keessatti sirna Naazii lolaa jirra," jedhe imbaasichi.
Itti dabaluunis Itoophiyaa fi Raashiyaan michooma jabaa fi bara dheeraa lakkoofsise qabu, yeroo rakkoo waliif birmatu jedhe.
Waraana kanarratti Raashiyaa waliin dhaabachuu keessaniif dinqisiifannaa isiniif qabna jechuun erga galataa barreesse.
Qabiyyeen kun hin argamne
irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.Xumura maxxansa Facebook
Lammileen Itoophiyaa Raashiyaan dhimma waraana Tigraay irratti mootummaa Itoophiyaa waan deeggarteef jecha 'isin waliin jirra' jechuun maxxansa kana jalatti yaada isaanii kennaniiru.
Haata'u malee imbaasiin Jarman Finfinnee jiru maxxansa kana "cal jedhee bira taruu hin dandeenye" jedhe, yaada maxxansicha jalatti kenneen.
Waraanni kun "waa'ee sirna Naazii - kan nuti bareechinee beeknu - loluu miti" jedhe imbaasiin Jarman.
Maqaa 'sirna naaziizimii loluutiin' biyya birmaduu qabdu weeraruu fi daa'imman dabalatee lammilee nagaarratti boombii roobsuun ofitti amanamummaa dhabuu gaddisiisaadha jedhe.
Itti dabaluunis Raashiyaan diimokiraasii, mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu fi sagalee uummata Yuukireen irratti lola bante jedhe.
Fayyadamtoonni facebook irra hedduun yaada imbaasii Jarman kana qeequun, Raashiyaa ammo deeggaruun yaada kennan.
"Erga bara injifannoo Adawaatii hanga ammaa Raashiyaan nu waliin jirti. Amma dabareen keenya, waa'ee keessan ni badadna," jedhe fayyadamaan tokko.
Itoophiyaan waraana Raashiyaa fi Yuukireen kanarratti ejjennoo ifa ta'e hin qabanne.
Biyyoonni Africaa 35 ta'an yaada murti yaa'ii waliigalaa UN kan weerara Raashiyaa balaaleffatee fi humnoonni ishii Yuukireen keessaa akka hatattamaan bahan jedhu irratti sagalee kennuu irraa yoo of qusatan, Itoophiyaan sagalee hin laanne.
MM Abiy Ahimad ibsa turban dura baasaniin biyyoonni lamaan gocha waraanicha hammeessu irraa akka of qusatanii fi mariin rakkoo jiru akka furan waamicha dhiyeessanii turan.
Eertiraan ifatti Raashiyaa deeggaruun yaada murti san mormuun ni yaadatama.















