Barattootni Afrikaa Yukireen jiran hangami, maaliif Yukireeniin filatan?

Daangaa Yukireeniifi Poolaanditti lammiilee biyya ormaa daangaa ce'uuf dabaree eegaa jira

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Barattootni Afrikaa kanneen Yukireenii gara Poolaanditti baqatan hedduu keessaayi
    • Barreessaa, Soraayaa Aliitiin kan barraahe
    • Gahee, BBC News

Raashiyaan Yukireen weeraruun lammiileen nagaa hedduun akka baqatan kan dirqisiise yeroo ta'u kana keessaa ammoo barattootni biyyoota Afrikaa, Eeshiyaafi gidduugala bahaa ni argamu.

Gabaasa mootummaarraa ragan bara 2020 argame akka agarsiisutti barattootni biyya ormaa 76,000 biyyattii keessaa barnoota qara'u.

Kana keessaa ammoo tokko sadaffaan kan biyyoota Afrikaarraa dhaqaniidha. Barattootni biyyoota Naayijeeriyaa, Morookoofi Masrii harka hedduu akka ta'aniis gabaasaaleen ni agarsiisu.

Biyyoota Afrikaa caala garuu barattoota 20,000 Yukireenii kan leenjistu Indiyaadha.

Barattootni Hakiimummaa, maandisummaafi bizinasa baratan diinagdee biyyattiif gahee olaanaa bahu.

Torban tokko dura Raashiyaan erga Waraana Addunyaa lammaffaatii biyya Awurooppaa weeraruu isheerraa kan ka'e garuu barattootni Yukireen jiran kumaan lakkaawwaman baqataniiru, dhibbaan kan lakkaawwamn ammoo danqamaniiru. Hedduun ammoo hireen barnoota isaanii maal akka ta'u bitaa itti galeera.

Yukireen maaliin nama hawwatti?

Yukireen bara Sooviyeet sanadha damee barnootaa isheerratti investimentii guddaa gochuun biyyoota Afrikaa bara san reefu bilisummaa isaanii goonfachaa turan ofitti hawwachuu kan eegalte.

Amma Yunivarsiitileen Yukireen gabaa hojii Awurooppaatti galuuf hiree bal'isaa jiru. Gatiin barnootaas hedduu qaalii miti. Viizaan kallattiin argamuuniifi dhaabbiin hayyama jireenyaa argachuunis wantoota Yukireeniif hawwattummaa dabalaniidha.

Dhaabbata barattoota Lixa Afrikaa Yukireenitti fedha barnootaa qaban gargaaru keessa kan hojjetu Paatriik Esugunum ''Yukireenitti digiriin argamu sadarkaa barnootaa olaanan waan ta'eef fudhatamummaa bal'aa qaba'' jedha.

Barattootni meedikaalaa hedduun biyyattiin wantoota barbaachisoo gama kanaan hedduu guuttattee waan jirtuuf garas imaluu fedhu'' jedha.

Barataan Naayijeeriyaa magaalaa Yukireen Dnirpo jedhamtu keessa jiraatu Desmond Chinaza Muokwudo Yukireenitti barachuu kan filateef galmeedhaaf wantootni hedduun gaafataman kan hin jirre ta'uufi biyyoota Awurooppaa kaan waliin yoo madaalamu gatiin jireenyaa bushaa'aa ta'uudha jedha.

Yunivarsiitii Customs and Finance jedhamutti erga barnoota eegalee reefu ji'a sadii kan ta'e barataan kun barnootni hundi Ingiliffaan ta'us, jalqaba irratti afaan Yukireen barachuun dirqama waan ta'eef dura koorsiiwwan sana fudhatee gara barnoota hariiroo idila-addunyaatti ce'a.

''Naayijeeriyaatti hojii sibiilaan hojjedha ture. Fedha koo guutuuf barnootan barbaada ture'' jechuun amma waraanicha Poolaanditti baqatee lafa bultii argateerraa BBC'tti himeera.

''Yukireen anaaf filannoo gaarii turte'' jedha.

Barattootni kun amma garam jiru?

Akka gabaasa Gamtaa Awurooppaatti akkuma Muokwudo, barattootni Afrikaa 10,000 ta'an waraanicha dheessanii biyyoota ollaa galaniiru.

Barattootni gurraachi arrabsoo fi qolliffanaan eenyummaa isaaniirratti xiyyeefate daangaa irratti irra gahaa akka jiru gabaafamaa jira. Aaanga'oonni Yukireen gariin daangaa akka hin ceene yeroo dhorkan viidiyoon mul'isu miidiyaalee hawaasaa gubbaatti qoodamaa jira.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Nigerian student in Ukraine: 'They said if you're black, you should walk'

Barattootni dhibbaan lakkaawaman ammallee Yukireen keessa akka jiran amanama. Ta'us lakkoofsa isaanii mirkanaan beekuun ni rakkisa.

Barattaan ganna 23 lammii Kaameruun magaalota Yukireen harka humnoota Raashiyaa galan keessaa tokko kan taate Kherson irraa mana gamoo jalaa keessa bakka dhokate BBC'tti dubbatteera.

''Dhukaasni yeroo eegalu, ol lixne, bool'a baayyee xiqqoodha'' jechuun lafa itti dhokatee jiru hime.

Amma haalli hanga tokko tasgabbaa'uufi uggurri sochii waan jiruuf bakkeetti namni lamaa ol waliinmul'achuun hin hayyamamu jedha.

''Haala akkasii keessatti barnoota xumuruuf yaaduun ni ulfaata'' jedha barataan waggaa tokkoffaa kun.

Giiniirraa dhaqee kutaa biyyattii kan biroo keessatti barnoota Saayinsii Kompiitaraa qara'aa kan jiru Maamaady Dumbooyaa ammoo biyya koottiin deebi'uu barbaada, waraana keessatti barachuun hin danda'amu'' jedha.

Barataan kunis kutaa dukkanaa gamoo jala jirutti hiriyyoota isaa biroo biyyoota akka Gaaboon, Senegaaliifi Kameruun irraa deeman waliin dhokatee jira.

''Bishaan hin qabnu, ibsaa hin qabnu.''

Mootummaan warreen kana gargaaruuf maal gochaa jira?

Yukireen Guraadhala 24 battala waraanichi eegalu balaliin qilleensaa akka adda citu goote.

Mootummoonni Afrikaa gariin atattamaan lammiilee isaanii gara daangaa biyyoota ollaatti ce'aniin biyyatti deebisuuf muddamaa turan.

Gaanaan barattoota hanga ta'an Kibxata biyyatti deebisuun biyya Afrikaa jalqabaati.

Jared Otumfuo Catey biyya isaa Gaanaa erga qubatee booda guyyoota muraasa dura, ammaan tana asittiin argama jedhee hin beeku. Sana keessa darbee, nagaa ta'uu kootiif galatan galcha'' jedhee BBC'tti hime.

Naayijeeriyaanis lammiilee ishee Yukireen keessaa bahanii Romaaniyaa, Hangariifi Poolaand gahaniif balalii xiyyaaraa biyyatti isaan fidu akka qopheesiitu ibsiteetti.

Yukireenitti ambaasaaddarri Afrikaa Kibbaa ofiifuu Yukireen gadhiisuu akka qabu himee, haala lammiileen isaanii achii bahan irratti hojjechaa jiraachuu dubbate.

Ambaasaaddaroonni biyyattii Poolaandiifi Haangaariis gara daangaa imalanii hojii kana hojjechaa jiraachuu dubbatan.

Barattuu Morookoo Yukireenitti barattuufi achii baqattee maatii waliin yoo wal-argitu.

Madda suuraa, AFP

Ministeerri Haajaa Alaa Yukireen akka jedhutti lammiilee Afrikaafi Eeshiyaa baqachuutti jiran gargaaruuf sarara bilbila atattamaa banuun tajaajila kennuu eegaluu beeksiseera.

Nageenya fi sochii lammiilee Afrikaa fi Eeshiyaa mirkaneessuuf aanga'oonni cimsanii hojjechaa jiruu jedhan Dimitroo Kuleebaa.

Barnoota isaanii fixuu danda'uu?

Barnoota isaanii Yukireeniif baasii hedduu baasan ilaalcha keessa galcuun barattootni hedduun BBC'n dubbise biyyattii deebi'uufi Awurooppaa turanii barnoota isaanii xumuruu gidduutti murteessuuf rakkataniiru.

Jessica Orakpo waggoota jaha darbaniif Yukireen Yunivarsiitii Ternopil National Medical University keessatti barnoota hakiimummaa barattee xumuruuf ji'ootni afur yeroo ishee hafu weerarri Raashiyaa jalqabe.

''Danqameen jira, barnoota koo itti fufuu hin dand;'au sababni isaas manni barnootaa koo dookimantiiwwan koo hunda harkaa qaba'' jechuun gara magaalaa guddoo Hangaarii Budaapeest osoo baqattuu BBC'tti dubbatteetti.

''Irra deebi'ee eegaluuf yeroo hin qabu, digirii koon barbaada. Tarii Maasatarsii koo bakka biraattin xumura.''

Barattootni biyya ormaa Yukireen keessa jiran hanga barnoota isaanii xumuranitti hayyama jireenyaa kan yeroo argatu. Kun garuu biyyoota ollaa biroof hin hojjetu.

Biyya kan biraatti barnoota isaa xumuruuf yaada akka qabu Muokwudo ni dubbata.

''Asuma tureen haalli ni wayyaa'a yoo ta'e ilaala.''

Naayijeeriyaatti deebi'uun filannoo koo miti jedha.