Kutaa addunyaa kamiyyu caalaa Tigraay keessa rakkoon fayyaa jira-Dr Teedroos

Madda suuraa, Reuters
Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teedroos Adaanoom yeroo ammaa kana kutaa addunyaa kamiyyuu caala fayyaan namootaa sadarakaa yaaddessaarra kan jiru Tigraay keessa jedhan.
Hogganaan kuni ibsa kaleessa kennaniin, ''yeroo ammaa kana kutaa addunyaa kamiyyuu caala Tigraay keessa fayyaan namoota miiliyoonaan lakkaa’amanii sadarkaa yaaddessaarra jira,'' jedhan.
''Eeyyeen ani dhalataa Tigraayi dha. Rakkoon kuni anaafi maatii koo ni miidha. Garuu akka hogganaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti itti gaafatamummaa fayyaa, warreen yaaddoo eeguufi kunuunsuu qaba. Yeroo ammaa kutaa addunyaa kamiyyuu caala namoonni miiliyoonaan lakkaa’aman fayyaan isaanii sadarakaa yaaddessaarra jira,'' jedhaniiru.
Hogganaan kuni rakkoo naannoo sana jiruuf mootummoonni Itoophiyaa fi Ertiraa qoqqobbii ifa hin taane kaa’uun itti gaafatamoo godhaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa Tigraay irratti qoqqobbii kamiyyuu akka hin keenye ibsaa tureera.
Yeroo dhihootti Ministirri Mummee Abiy Ahimad akka dubbatan yoo taheef karaa Affaar gargaarsi namoomaa akka hin qaqqabne kan danqe haleellaa TPLF taasisu akka tahe himan.
Dr Teedroos ibsa isaaniin Raashiyaan Yukreen waliin nagaa akka buustu akka waamicha dhiyeessaa jirru, ''Itoophiyaa fi Ertiraan illee uggura ifa hin taane akka kaasaniifi lubbuu oolchuuf gargaarsi namoomaa akka qaqqabuuf eeyyama akka kennan gaafanna,'' jedhaniiru.
'Dawaa meetriik toonii 95 Tigraay qaqqabsiisuf eeyyama hin arganne'
Dr Teedroos hooggansa dhaabbata isaaniin qoricha meetriik toonii 95 Tigraay geessuuf eeyyama akka hin arganne ibsa isaaniin himaniiru.
Guyyoota 500 darbanitti mootummoonni Itoophiyaa fi Ertiraan namoota miiliyoona 6 Tigraay jiran uggura ifa hin taane keessa kaa’aniiru jedhan.
''Sadarkaa homaa jedhamuu danda’uun boba’aa, qarshii callaa fi malli wal-quunnamtii hin jiru,'' jedhan.
Qorannoo Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa taasiseen, dhaabbilee fayyaa Tigraay jiran tokko sadaffaan isaanii, ''miidhamaniiru yookiin barbadaa’aniiru,'' jedhan hoggantichi.
Baatii tokko dura Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa qoricha kg kuma 30 namoota kuma 300 gahuu danda’uu fi miyoota biroo Tigraay geessuu himeera. Toban lamaan darban michoota kaan waliin tahuun dhaabota fayyaa 65 tahaniif deeggarsa gochuu himaniiru.
''Kana caala gochuun barbaachisa. Galtee fayyaa meetriik toonii 95 tahu erguuf qophiirra jirra. Haa tahu malee eeyyama hin arganne,'' jedhaniiru.
Tigraayitti tarkaanfiin rakkoo fayyaa atattamaa kennuuf galteewwan meetriik toonii kuma 2 fi 200 barbaachisa kan jedhan Dr Teedroos hanga yoonaa dhiyeessuun kan danda’ame meetiriik toonii 117 qofa dha jedhan.
''Kuni isa barbaadamurraa harka tokko qofa dha,’’ jechuun dhiyeessi deeggarsaa baayyee gad-aanaa akka tahe ibsaniiru.
Dr Teedroos rakkoo boba’aa Tigraay jiru irraa kan ka’e gargaarsa achi gahe gara iddoo barbaadamutti qaqqabsiisuun ‘’ulfaataa yookiin ammoo kan hin danda’amne,’’ taheera.
Dr Teedroos ibsa kaleessa kennaniin,''daangaa Naannoo Affaarittis haalli jiru yeroodhaa yerootti hammaachaa dhufeera,'' jechuun dubbataniiru.
Haala namoonni kuma kudhaniin lakkaa’aman buqqa’anii jiraniin nyaata, dahoofi tajaajila fayyaa barbaachisa, erga jedhaniin booda haala naannoo Tigraay jirurra kan Naannoo Amaaraafi Affaar fooyya’aa dha jedhaniiru.
''Naannoleen ollaa, Affaariifi Amaaran miidhamanillee haala Tigraayi irraa fooyya’aa taheen isaan bira gahuun ni danda’ama,’’ jechuun hoggantichi dubbatan.
''Dhukkubsatoonni sombaa, kaansarii fi sukkaaraa yaalii argachaa hin jiran. Du’aas jiru taha,'' jedhan.
Hanqina boba’aan deeggartoonni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa hojii bal’inaan hojjetan hir’isuuf dirqamuu isaanii kan dubbatan Dr Teedroos, ''Tigraay haalli jiru yaaddessaa dha. Mallii wal-quunnamtii cufamuu, gaazexeessitoonni Tigraayi irraa akka hin gabaasne dhorkamuufi kaan rakkoo dagatamee dha'' jedhan.
Deebii mootummaa Itoophiyaa
Mootummaan Itoophiyaa irra deddeebiin Dr Teediroos TPLF'f looguun deeggarsa barbaadu dhiibbaan hin malles mootummaarra akka ta'u shoora taphatan jechuun qeeqaa ture.
Ibsa isaanii haara kanaan walqabatees Ambaassad Diinaan hoogganni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa kuun loogii qabuu jedhan.
"Akkuma nama kamiittuu mirgi wanta argan sadarkaa isaan itti ilaalanitti ibsuu ni eegama. Haa ta'u malee wanti kun hunda-galeessa akka ta'uf, fakkeenyaaf wanti Tigraay jiru naannoolee Amaaraafii Affaar keessatti raawwatamuusaa kaasuun haqa-qabeessa ta'a. Foo'anii boowuun barbaachisaa miti.''
''Foo'anii gadduunis sirrii hin ta'u. Itti gaafatamni sadarkaa sanirra jirummoo walabummaa gaafata. Isaaniis sadarkaa sanitti osoo itti yaadanii wayya jechuun alatti wantu nuti jennu hin jiru" jedhan Diinaa Muftii.














