Awustiraaliyaa: Reeffi saboota duraa waggoota kuma 42 booda deebi'ee awwaalamuufi

Madda suuraa, Getty Images
Reeffi ummata Aborijinaalaa yookiin warra ganamaa 108 ta’an kan waggootii kuma 42 dura du’anii, erga eeyyama malee reeffi isaanii qotamee ba’ee booda Awustiraaliyaa keessatti deebi’ee awwaalamuufi.
Kunneen keessaa reeffa Mungoo Maan, nama bara 1974’tti seenaan Awustiraaliyaa irra deebi’ee akka barreeffamuuf gargaare keessaa isa tokkodha.
Murteen kun kan dhufe erga mootummaan federaalaa qorannoo deebisanii awwaaluu seeraa waggootii afuriif gaggeessee boodadha.
Ta’us garuu gartuuleen warra durii yookiin warra ganamaa tokko tokko adeemsa kana irratti isaan waliin akka hin mari’atamne himu.
Bara 1960 fi 1980 gidduutti, argannoowwan qorannoo hambaa (arkiyoolojii) hedduutu turani.
Yeroo kanatti qorattoonni reeffa saba Aborijinaal 108 Haroo Mungoo fi Wilaandiraa keessatti argatani Keessaa tokko reeffa nama Mungoo Maan jedhamu ture.
Reeffii isaa ragaa dhala namaa bara durii Awustiraaliyaaa fi ragaa sirna awwaalchaa jalqabaa ture. Kana jechuun bara 42,000 durayyuu seenaan ammayyummaa dheeraan akka ture kan mul’isudha.
Reekordiin kun booda kan cabe yemmuu bara 2017’tti bakki umurii 65,000 lakkoofsise kutaa biyyatti birootti argamedha.

Madda suuraa, Getty Images
Ta’us egereen reeffa namoota durii 108 kanaa ammayyuu mata duree falmii akka ta’etti jira.
Roggeessotni reeffi hedduun eeyyama malee fudhatamee kan gariin godambaaa biyyootii birootti ergame, ammayyuu hin deebine jedhu.
Reeffi Mungoo Maan, fudhatamuun isaa miidhaa guddaa uumeera jedhu sabi duraa Awustiraaliyaa.
Barbaachisummaa dhimmichaa irratti hundaa’uun, boodarra reeffi Mungoo Maan bara 2017’tti bakka jalqaba itti argame, Paarkii Biyyaalessaa Mungootti deebifameera.
Bara 2018’tti garuu mootummaan Awustiraaliyaa fedhii saba Aborijinaal guutuuf jecha, reeffa namoota 108 kana deebisee awwaaluuf murteesse.
Roobii, mootummaan Awustiraaliyaa murtee deebisanii awwaaluu kana raggaasiseee, ji’oottan dhufan keessatti namootni kunneen bakkeewwan ifa hin taasifamne 26’tti paarkiilee biyyaaleessaa keessa jiranitti ni awwaalamu.
“Waggaa kuma 42 dura sabni Aborijinaal qarqara haroo badhaadhaatti – jiraachaa fi guddachaa turani.
''Waggootii afurtaman darban keessattii maqaa saayinsiif jecha reeffii isaanii fudhatamee, ol kaa’amee fi gadi fageenyaan qoratamaa ture,” jechuun Ministeerri Naannoo Federaalaa ibsaniiru.
Mootummaan iyyata hawaasa Aborijinaal dhaga’uu isaa ibsuus, miseensotni hawaasichaa tokko tokko garuu adeemsaa kanaan guutummaatti gammadoo miti.
Gaazexonni nannichaa tokko tokko, jiraattonni murtee ijoo abbootii isaanii ilaallatuu keessatti hirmaachuu dhabuu isaaniin “akka gaddan” gabaasaniiru.
Hawaasicha keessaa namni Paakantiyii ta’e, Mikaa’eel Yaang, akka jedhutti mootummaan murtee kan isaan malee taasise jechuu isaa ABC News gabaaseera.
“Kun bakka keenya. Eenyummaa keenyadha.”













