Awustiraaliyaan daa’imman ganna 10 maaliif hidhaa buusti?

Awustiraaliyaa

Madda suuraa, Getty Images

Awustiraaliyaatti yakkaan himatamuuf umrii xiqqaan ganna 10. Abukaattoonni, hakimoonni fi kanneen mirga abborjinaalii [kanneen dursanii biyyattiitti qubatan] Awustiraaliyaaf keessa jiraataniif falman seerri kun akka jijjiramuuf sochii eegalaniiru.

Kanneen duula gaggeessan umriin xiqqaan yakkaan himatamuu gara 14 tti akka ol siqu barbaadu.

Seera baastonni Awustiraaliyaa amma bara dhufutti dhimmicha murtessuuf yeroon akka kennamuuf ji’a darbe gaaafataniiru.

Gama biraatiin, bulchiinsa magaalaa guddoo biyyatti keessatti umriin namni tokkoo yakkaan himatamuu danda’u ganna 14 akka ta’u murtaa’era.

Kutaaleen biyyattii biroos murtee walfakkaataarra qaqqabuuf kanneen seerichi akka jijjiiramu barbaadan ni jiru.

Ganna 10'tti yakkaan himatamuun maaliif mormii kaase?

Biyyoota hedduu wajjiin wal bira wayita madalaamu, umriin namni tokko Awustiraaliyaatti yakkaan gaafatamuu isa xiqqaadha.

Daai’mni ganna 10 qabamee, mana murtiitti dhiyaachuufi hidhamuu mala.

Biyya Jarmanii keessattimmoo namni tokko umriin isaa ganna 14 guunnaan yakkaan himatamuu mala.

Biyya Poorchugaalittimmoo seeran himatamuun ganna16 irraa eegala. Biyya Lugzanbarg keessatti garuu namni himatamu ganna 18 guutuu qaba.

Gama biraatiin, Ingilaand fi Weels keessatti umrii xiqqaan namni tokko seeraan himatamuun danda’u ganna 10.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii bara darbe qajeelfamni baase akka ajajutti, umriin namni tokkoo yakkaan himatamuu itti danda’u inni xiqqaan 14 ta’uu qaba.

Awustiraaliyaa keessatti seera ganna 10'tti himatamuu eeyyamuun caalaatti kan miidhaman hawaasa jalqaba biyyatti keessa jiraataa turan/uummata ganamaa Awustiraaliyaa kanneen abborjinaalii jedhamuun beekamanidha.

Qorannoon akka agarsiisutti Awustiraaliyaatti bara 2018-2019tti ijoolleen ganna 10 fi 13 gidduu jiran 600 hidhamaniiru.

Kanneen keessaa %65 hawaasa durumaa Awustiraaliyaa keessa jiraataa turanidha.

Lakkoofsa waliigalaa ummata Awustiraaliyaa keessaa garuu hammi ummata ganamaa Awustiraaliyaa (abborjinaalota) harka sadii qofaadha.

Qorannoon dhimma kanarratti qo’atame tokko akka agarsiisutti, ijoolleen hawaasa jalqaba biyyattii keessa qubatanii keessa jiraatan kaan caalaa carraan hidhamuusaanii harka 17’n dabala.

Kaaba biyyatti keessatti sirumaa gara harka 43 qaqqaba.

‘Mormiin Black lives matter jedhu hawaasa dammaqseera

Biyyattiin seera kana akka jijjirtu gaafatamaa ture. Jalqaba ‘umrii namni yakkaan himatamu olkaasaa’ jechuun duulli eegalame.

Ameerikaatti mirga gurraachootaaf falmiin ‘Black lives matter’ jechuun eegalame biyyoota baay’eetti ce’ee mormii kaaseera.

Awuustiraaliyaattis duutii fi hidhaan qoodinsa sanyummaatti hidhata qabu mormii akka haaraatti kaaase.

Lammileen biyyatti harki caalu seerri kun akka fooyya’u barbaadu.

Bara darbe daa’imni ganna 12 ummata ganamaa Awuustraaliyaa keessaa dhalate tokko damee Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti dhiyaatee dubbii dubbate booda dhimmichi xiyyeeffannoo argateera.

Dujan Hosaan ‘namoonni gurguddoon ijoollee ol adeemoo ganna kudhanii hidhuu akka dhiisaniin barbaada’’ jedhe haasaa dhageessise.

Sirnii barnootaa aborjinaalota giddugala godhate osoo bu'ureeffame, hidhaa daa'immanii hambisuu akka danda'u kaase.

Ogeeyyiin seeraa ijoollee hidhuun yakka hin hir'isu jechuun gorsu. Daa’imman ijoollummaan hidhaman carraan mana hidhatti deebi’uusaanii guddaa ta’u ibsan.

Ogeeyyiin fayyaa Awustiraaliyaas umriin namoonni yakkaan shakkamanii himataman akka ol siqu barbaadu. Kanaaf, daa’immanif hidhaarra wal’aansa fayyaatu isaan barbaachisa jedhu.

Seera baastonni biyyatti ammas murteerra hin qaqqabne

Abbaan alangaa dhimma kanarratti murtoo irra qaqqabe ni beeksisa jedhameetu ji’a darbe eegamaa ture.

Abbaan alangaa Maark Ispiikmaan, dhimmi ijoon umriin yakkaan himatamuu ol haa siqumoo hin siqinii kan jedhu dhimma qajeelfamaati' jedhu. ''Umriin yoo ol siqe filannoowwan biroo taa’u qabu’ jechuun dubbatan.

Ijoolleen yakka yoo raawwatan akkamitti to’achuun akka danda’amu filannoon biraa jiraachuu qaba jedhan.

Daa’imman baala sammuu namaa adoochu fudhatan maatiisaanii wajjin deeggarsi xiinsammuun walqabatu argachuu qabu kanneen jedhanii kaasan jiru.

Kanneen mirgaaf falman deeggarsa argachaa adeemuun seericha akka jijjiramu fayyada jedhanii kan yaadanillee jiru.

Dhimmoota yakkaan walqabatanirratti barsiisaa kan ta’an Kiriin Kanaan‘’ Sanyummaan walqoodu hambisuufi haqni akka jiraatuuf umriin namni yakkaan gaafamuu danda’u olsiquu qaba’’ jedhaniiru.