‘Isaan ijoolleedha malee haadha miti’: Biyya ijoolleen jaha guyyaa guyyaan ulfa baasan

Madda suuraa, Getty Images
Dr Melaaniyaa Amoorim yeroo hojiishee ogeettii gadameessaa taatee waggoota 30 dura jalqabdu sanitti shamarreen takka gudeedamtee ishee bira dhaqxee turte.
Shamarreen ganna 13 sun osoo harmeenshee mana keessatti hojjataa jirtutti ture kan manuma warrashee duubatti gudeedamte.
Erga gudeedamtee booda daa’iman afur ulfoofte.
Shamarreen sunis kaaba-Lixa Biraaziilitti gara hospitaalaa geeffamtus hakiimonni ulfa mucaa xiqqoon sun garaatti baattee garaashee baasuuf hayyamamoo hin turre.
“Hospitaalatti namni kamuu ishee tuquu hin feene. Isaanis ulfa mucaan sun baataa jirtuu baasuu akka hin barbaanne himan,” jetti Dr Melaaniyaan.
“Baay’ee mucaa turte, ta’us garuu ulfashee sana baasuun qaba jedheen gargaareen. Lubbuu daa’ima tanaa baraaruu akkasumas waan gudeedamtee ulfoofteef baasuun mirga ishee akka ta’e amanee ture,” jetti Dr Melaaniyaan osoo sagaleenshee ciccitu.
Guyyatti dubartoonni afur ni gudeedamu
Seerri Biraaziil ulfa baasuu kan hayyamu gudeeddii yookiin ulfi sun lubbuu dubartii sanaatiif yaaddoo kan uumu yoo ta’e qofaadha.
Abbaan seeraa shamarreen ganna 10 kan yeroosheen ganna 6 irraa jalqabdee abbeeraasheetiin qoccolamaa turteef ulfa baasuu akka dandeettu hayyameeraafi.
Sirni fayyaa hawaasa Biraaziil guyyaa guyyaatti yoo xiqqaate shamarran umuriinsaanii 10-14 jiddutti argaman jaha ulfa baasuuf akka galmaa’an mul’isa.
Ragaan dhaabbata miti mootummaa ‘Brazilian Public Safety Forum’ jedhamuu qophaa'e immoo biyyattii keessatti shamarran gannisaanii 13 gad ta’e sa’aatii tokko tokkoon akka gudeedaman mul’isa.
Balaa ulfi shamarran xixiqqoorratti qabu
“Hospitaala yoo gahan waan isaan mudateen shorarkaa’aniiti,” jetti Dr Melaayinaan.
Dr Melaayinaan yeroo shamarreen ganna 10 ulfa baasuuf dhuftu miira gaddaa keessa akka galtu dubbatti. Umurii sanitti ulfaa’uun balaa guddaa qaba.
Qorannoon ‘UNICEF’ akka mul’isutti shamarran umuriinsaanii 15 gad ta’e yoo dahan carraan dahuumsarratti du’uusaanii dubartoota umuriinsaanii 20’moota keessatti argamaniin harka shaniin caala jedha.
Daa’ima rakkoof saaxila
Daa’immanis dafanii du’uu danda’u.
Dr Melaayinaa Amooriim akka jedhanitti dubartoonni umuriinsaanii 10-15 jiran yoo ulfaa’an dhiibbaan dhiiga haalaan dabaluu fi koomaaf saaxilamuu akka danda’an himti.
“Daa’imman shamarran kanneeniin furdina dabaluu dhabuu danda’u. Guddinnisaanii kan daangeffame ta’a. Kanarraa kan ka’e daa’imman osoo qaamnisaanii haalaan hin guutamne dhalachuu danda’u,” jetti.
Ulfi shamarran umuriinsaanii 13 fi achii gad ta’e immoo isaan kaan caalaa rakkoo qaba. Sababni isaas qaamni shamarreesaanii guddinnarra jira waan ta’eefi.
“Qaamnii fi kutaalee qaamaa keessaa haalaan hin guddanne. Fakkeenyaaf, qaamni walhormaataa haalaan hin guddanne waan ta’eef, miixuurratti ishee rakkisuu danda’a,” jechuun ibsiti.
“Shamarran kanneeniif dahuurra ulfa baasutu gaariidha”
Dr Melaayinaan Yuunivarsiitii Kaampinaa Giraande Federaalitti piroofeesaras. Akka isheen jettutti ulfa baasuun gama seeraan deeggarame yoo ta'e dahumsarra fooyyee qaba jetti.
“Sadarkaa kamuurratti dahumsi dubartootaaf balaa qaba. Shamarran umuriinsaanii hin geenyeef immoo rakkoonsaa ni hammaata,” jetti.
“Ulfa baasuun ogeeyyii fayyaatiin deeggarame shamarran kanneeniif gaariidha.”
“Inni hamaan yoo shamarran kunneen gama nageeyummaansaa hin eegamneen ulfa baasaniidha,'' jechuun dhoksaan ulfa baasan hin gorsitu.
Ogeettin kuni miidhamtoota qoccollaan saalaa irra gahe waliinis ni hojjatti.
Akka ogeettii kanaatti, miidhamtoota umuriinsaanii ganna jahaa hamma 92’tti jiraniif gargaarsa taasistee jirti.
“Umriin gudeeddiirraa nu ittisu hin jiru. Nuti dubartoonni umurii keenyaan ittifamnee hin jirru,” jechuun qeeqxi.
Gudeeddiin hundi dhumti isaa ulfa baasuu hin ta’u. Shamarran gudeedaman muraasnisaanii osoo daa’imnisaanii dhalachuuf yeroon muraasni gahu hospitaala dhaqu.
Garuu, “Dubartoonni hedduun gama seeraatiin mirga ulfa baasuu akka qaban hin beekan,” jetti ogeettiin kuni.
Dr Melaayinaan yeroo ganna 17 fi barattuu fayyaa turtetti yeroo haati takka duutee gadda dhaqxe ni yaadatti.
“Shamarreen sun ganna 13 turte, sababa dhoksaan ulfa baasaa turteef duute. Wanni nama gaddisiisuu gama seeraan hospitaalatti ulfashee san baasuu dandeessi turte,” jetti.
Bayyanachuu fi to’annaa jala oolfamuu
Sababa hospitaalli Viiktooriyaatti argamu ulfa baasuu dideef shamarreen ganna 10 kan yeroo ammaa biyya Biraazilitti dhimmi ishee ijoo dubbii ta'e sun guyyoota sadi booda km1,650 imaltee ulfa baafte.
“Hospitaalli dhimma dahuumsaarratti hojjatu kamuu gama seeraan ulfa baasuuf dirqama qaba.
''Isaan dhimma seera qabeessummaasaa osoo eegan ulfichi guddateera, ammatti ulfa baasuu hin dandeenyu jedhan,” jetti Dr Melaaniyaan.
Shamarreen tun “haala gaarii keessa jirti” jedhame. Abbeeraanshee ishee gudeeduun shakkame eega bulchiinsa ollaatti imale booda to’annaa jala oolfameera.
Dr Meelaaniyaan shamarree akkanaaf akkuma miidhamtoota biroo kunuunsi xiinsammuu taasifamuufiin barbaachisaadha jetti.
“Gudeeddiin madaa yoom hin badne kaa’ee darba. Shamarran kunneen yeroo hospitaala gahan shorarkaa’aniiti. Isaan shamarran malee, haadhaa miti,” jetti.
“Bu’aa gudeeddiirraa dhufe gadameessasaanii keessatti arguu hin barbaadan.”
“Deeggarsa barbaachisu yoo argatan, karooraa fi kabajasaanii irra deebiin ni argatu.”
“Dhimmi shamarree Espiriitoo Saantootti mudatee dhimma gudeeddii fi ulfaa’uutii miti, '' jechuun himti.
''Shamarreen kun oso mirga ulfa baasuu qabduu hawaasni rakkoo dabalataaf ishee saaxile,'' jetti Dr Melaaniyaan.















