Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Paarlaamaawwan biyyoota 10tti kan dubbate Zeleniskiin haasawaa isaa akkamiin tolfata?
Pireezidantii biyya weerara Raashiyaa jala Jirtuu Yuukireen kan ta'e Voloodmiir Zeleniskiin torbee lama gidduutti paarlaamaa biyyoota 10'f haasaa godhee, ajandaa barbaadu addunyaarratti dhiibuu danda'eera.
Waraanni isaa naannolee Yuukireen keessatti humnoota Raashiyaa qolachuuf qabsoo yeroo finiinsan Zeleniskiin ammoo biyyoota Lixaa keessatti duula odeeffannoofi ajandaa uumuu raawwachaa jira.
Seneetii Ameerikaa dabalatee paarlaamaawwan biyyoota 10 irratti haasaa yeroo godhu miseensonni teessuma isaaniirraa ka'anii isa simatan.
Haasaawwan kana kan godhu magaalaa guddoo biyya isaa Kiyeev irraa gama Viidiyoon malee qaamaan argamee miti.
Biyyi isaa dhimma jiraachuufi dhiisuurratti qabsootti waan jirtuuf haasaawwan bukkee labuu hedduu hin qabneef kallattiin dhimma barbaadu irratti ibsatu erga xumuree gara dhimma isa kaaniitti ce'a.
''Miira biyyattii akkamiin ibsuu akka danda'u ni beeka'' jedha Inistiitiyuutii Royal United Services irraa Jonaataan Eyaal. Waan dubbatuun qofa osoo hin taane, akkitti dhiyaatuufi magaarajaan duuba isaa jiraatus'' jedha.
Walfakkaata garuu garaagarummaa qaba
Haasaan paarlaamaawwan biyyoota Lixaa kan eegale Bitootessa 3, Paarlaamaa UK irratti. Kaayyoon isaas deeggarsa idil-addunyaa dabaluudha. Zeleniskiin kaayyoo isaa kana haasaa akka gaariitti bocameen dhiyeesse.
Kufaatii keenyaan Barliinii hanga haleellaa 9/11 Niiwu Yoorkiifi Waashingitan ta'iiwwan biyyaalessaa gurguddoo fi madaa hambisan tuttuqeera.
Paarisitti yoo dubbatu ammoo dhaadannoo biyyaalessaa "liberté, égalité, fraternité" jedhu itti fayyadameera. Jaappaniitti ammoo dubbii balaa niikuleeraa kaase.
Haasaan isaa bukkee labuu hin qabu, ta'uunis irra hin jiraatu. Miira keessoo isaa ibsa. Zeleniskiin yeroo dubbatu eroo hin gubu. Miseensota Paarlaamaa Landanitti yeroo dubbatu daqiiqaawwan jalqbaa lama keessatti waraana Yukireen guyyaa 13 lakkofsiseefi waraana Biriteen yeroo waraana addunyaa lammaaffaa walbira qabee dhiyeesseera.
Yaada hoogganoota waraanaa Biriteen duraani kaasee haala Yukireen ibsuu danda'eera.
''Mukoota gidduutti, dirree keessatti, qarqara galaanaatti, magaala fi gandoota keessatti, daandiiwwan gubbaattis ni waraanna'' jedhe Zeleniskiin.
Zeleniskiin waan biyyoota Lixaarraa barbaadee hin argannes kallattiin itti hime.
Kongireesii Ameerikaatti yeroo dubbatu, Zeleniskiin maqaa namoota siyaaa gurguddoo akka Peerl Haarboory, Maartiin Luutarkiing, Maawunt Raashmoor fa'a kaasuun haasaa dippiloomaatotaa keessatti haala hin baratamneen ''deebii isinirraa barbaanna'' jedhe. ''Shororkeessummaaf deebii. Kuni waan guddaadhaa gaafachuudhaa?''
Warra UK'tiin waan gahaa hin goone jechuu akkuma qaanessan paarlaamaa Xaaliyaaniin namootni Putiinitti siiqan Room keessaa bashannanu jechuun komatan.
''Bakka bashannaan warra nama ajjeesuu hin ta'inaa'' jedhan miseensota paarlaamaa Xaaliyaaniin.
Bakka bu'oota uummataa biyya biroo bira dhaqxeeqaana'uu qabdu jechuu hin dandeessu kan jedhan profeesar Lazaar san jechuuf hamilee qabaachuutu sirra jira jedhan. Immoo Zeleniskiin pireezidantii biyyi isaa weerarmteeti jedhan. Akkaataan dubbii Zeleniskii kun haala biyyattiin keessa jirtu irraa yoo laalamu ni hubatamaaf jedhan.
Namni hanga tuqamuu malu hin dammaqfamne jedhanii yaaduun Zeleniskiifi garee isaa bira jiraa jedhu ogeessii Catham House Orysia Lutsevych.
Dubbii Zeleniskii gargaaraa isaa Dimytroo Litviin barreefamu kun miseensoota paarlaamaa biyyoota Awurooppaa hedduutti hamiilee fi miira addaa uumeera. Miira warra Yukireenis agarsiisuu danda'eera.
Akkuma warra Lixaatti dubbatu lammiilee isaattis ni dubbata.
Wantii Zeleniskiin waraana kanaan walqabatee agarsiisaa jiran fudhatamummaa isaa akkan dabaleera.
Zeleniskiin torbanootaaf Nato'n daangaa qilleensaa Yukireen balaliin ala godhee akka labsu('no-fly zone) gaafachaa ture. Kana akka hin arganne ni beeka. Garuu ammoo kana yoo dhabes waani biraa barbaachisaa ta'e akka argatu abdata. Yoo isa inni gaafate kennuufii baatan waan biraa hin dhowwataniin waan ta'eef kun tarsimoo natti fakkaata jedhu Laazaaras
Kibxata darbe hoogganaan waajira pireezidantii Andriiy Yermaak '''no-fly zone' erga diddanii humna ittisaa haleellaa qilleensaa amanamaa nuu kennaa'' jedhee ture.
US dabalatee biyyoonni kaanis sirna ittisaa qilleensaa Yukireen jabeessuuf meeshaalee gurguddaa gumaachaa jiru.
Yaaliin Zeleniskii bu'aa buusaa jiraa jedhan Jonaataan Eyaal.