Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Namni du'aa jiru hunduu sababa keessani' jechuun Zeleniskiin warra Lixaa komatan
Pireezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii warri Lixaa daangaa qilleensaa Yukireen irraa balalii dhorkuu(No fly zone) labsuu dhabuu isaaniif komataniiru
Pirezedanti Zeleniskiin uummata Yukireenif Jimaata galgalaa ibsa kennaa turan.
Waajjira isaanii Kiyeev jirurraa akka ibsa kennaa turan kan gabaafame yoo ta’u, Zeleniskiin hoggantoota NATO balalii xiyyaara guutummaatti Yukireenirraa dhaabu didan ifatti balaaleeffatan.
Zeleniskiin akkas jedhan: ''Namni du'aa jiru hunduu har’arraa kaasee sababa keessaniif du’u. Sababa dadhabbii keessanirra kan ka'e,’’ jedhan.
Itti dabaluun, ‘’Yaa'iin NATO har’a taa’ameera. Yaa’ichi dadhabaa fi waanti taa’amuuf hin galleef. Yaa’ii namoonni kamiyyuu bilisummaa Awurooppaaf akka falmu galma jalqabaa hingodhanne,’’ jedhan.
''Dhaabbileen basaasaa biyyoota miseensota NATO karoora diinni qabu ni beeku. Raashiyaan haleellaa akka ittifuftu dhaabbileen kun mirkaneessaaniiru’’.
- ‘’NATO’n itti yaadeetu daangaa qilleensaa Yuukireen cufuu dide. Biyyoonni miseensota NATO himamsa daangaa qilleensaa Yuukireenirratti cufuun Raashiyaan dheekkamsisuun haleellaa kallattiin NATO irratti akka bantu taasisa,’’ jedhu.
- Senaatarri US Puutiin akka ajjeefaman gaafachuun Raashiyaa dheekkamsiise
- UN mormii wayita ibsutti Puutiin 'Qoqqobbii dabaltanii dubbii hin hammeessinaa' jedhan
- Pirezidaantiin Yukireen kan Raashiyaan waraana irratti bantee, Voloodmiir Zeleniskiin eenyu?
‘’Kun warreen dadhaboon hubannoo ofiif qabaniidha, meeshaalee waraanaa keenya caala cimaa ta’e qabaatanille keessoon isaanii tasgabbii hin qabu,’’ jedhan.
Zeleniskiin gara boodarra mormii guddaan Awurooppaa keeessatti akka bahamu ibsuun, hiriirtotaan;’’ Yuukireen yoobalaa kanarraa hin haftu ta’e, guutummaan Awurooppaahin hafu,’’ jedhan.
‘’Yoo Yuukireen kufte guutummaan Awurooppaa ni kufa,’’ jedhan.
Seneetiin Ameerikaa Pirezedantii Yukireen Voloodimiir Zeleniskii waliin karaa intarneetii[Zoom] akkahaasa'aniif afferamu gabaasaleen himan.
Zeleniskiin Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayiden waliin wal dubbisaa kan turan yoo ta'u, erga Raashiyaan torban tokko dura Yukireen weerarte asitti yeroo jalqabaatiif Seneetiin Ameerikaa guutuun hogganaa Yukireenitti waliin haasa'uf jiru.
Torban darbe Ameerikaatti ambaasaddarri Yukireen Oksanaa Markavarovaa miseensota Seeneetii waliin wal arguun, biyyi ishee Raashiyaan loluuf deeggarsa dabalataa akka barbaaddu himte.