Waraana Yukireen: Putiin maal barbaadu? Raashiyaan waraana dhaabuu dandeessii?

    • Barreessaa, Pool Kiirbii
    • Gahee, BBC News

Viilaadimiir Puutin biyya uummata miliyoona 44 qabdu Yuukireen irratti waraana yoo labsan, biyyi ammayyooftuu fi warra Lixaatti michoomtu Raashiyaaf yaaddoo dhaabbiidha. Raashiyaan "nagaa ta'uu, misoomuufi jiraachuu hin dandeessu" jedhanii ture.

Haleellaa qilleensarraa hedduu Raashiyaan raawwatteen namootni kumaan lakkaa'aman yoo du'an, miliyoonaan kan lakkaa'aman biyyaa baqataniiru.

Gaaffileen ijoon; Raashiyaan maal feeti?, Yoo maal ta'e waraanni kun dhaabbachuu danda'a? jedhan ammallee deebii hin arganne.

Wanti Puutiin barbaadan maali?

Waraanni Aab Puutiin yeroo gabaabaa keessatti injifannoon akka xumuru yaadanii itti seenan, akka yaadan hin taane. Ammoo Aab Puutiin wanti itti jiran waraana ykn weerara biyya birmaduu qabduu ta'uu ammallee hin amanne - "tarkaanfii waraanaa addaa" jechuun yaamu.

Haata'u malee kana seenaa Raashiyaa keessatti akka taatee guddootti ilaalu. "Egereen Raashiyaa fi bakki isheen addunyaa irratti qabdu balaaf saaxilamee jira," jedha hogganaan basaasaa alaa Raashiyaa Sargee Naariishkiin.

Kaayyoon jalqabaa Aab Puutiin Yuukireen battalatti weeraruun mootummaa biyyattii fonqolchee, fedhii biyyattiin garee tumsa waraanaa biyyoota Lixaa kan ta'e NATOtti makamuuf qabdu fashalsuu ture.

Kaayyoon isaanii "Yuukireen waraanaa fi Naaziizimii irraa walaboomsuun" uummata waggoota saddeetii oliif mootummaa Yuukireeniin cunqurfamaafi gochi sanyii balleessuu irratti raawwatamaa jiruuf eegumsa gochuu akka ta'e uummata Raashiyaatti himan.

"Daangaa Yuukireen weeraruun karoora keenya miti. Waa tokko nama kamirrattiyyuu humnaan fedhuuf yaada hin qabnu," jechuun dubbatan.

Haata'u malee duguuggaan sanyiis ta'e Naaziin Yuukireen keessa hin jiru. Inumaa Raashiyaan magaalotaa Yuukireenifi lammilee biyyattii weerara Raashiyaa morman irratti humna jabaan tarkaanfii fudhachaa jirti.

Erga dhiyeenyaa as marii nagaa biyyootni lamaan taasisan irratti Raashiyaan galmi ishii mootummaa Yuukireen buqqisuu osoo hin taane, Yuukireen walaba taate akka barbaaddu himteetti.

Puutiin maaliif Yuukireen walaba akka taatu fedhu?

Yuukireen bara 1991 battala Sooviyeet Yuuniyen diigamte erga walabummaa argatteen booda, suuta gara warra Lixaatti siquu eegalte - Gamtaa Awurooppaa fi NATOtti jechuudha.

Kufaatiin Sooviyeet "diigamuu Raashiyaa seena qabeettiiti" kan jedhu Aab Puutiin isa Yuukireen warra Lixaatti siquu feetu fashalsuu barbaadan.

Raashiyaanonni fi Yuukireenonni uummata tokko kan jedhan Aab Puutiin, "Yuukireen seenaa biyyummaa hin qabdu" jechuun haalu.

Bara 2013 pirezidantiin Yuukireen Raashiyaa deeggaru Viktoor Yaanukooviich Gamtaa Awurooppaa waliin waliigaltee akka hin mallatteessine dhiibbaa irratti godhee ture.

Kunis mormii guddaa kaasee Bitootessa 2014 pireezidantichi aangoorraa akka kaafamu sababa ta'e.

Raashiyaan kana gadoo qabattee bara 2014 naannoo Kibba Yuukireen kan taate Kiriimiyaa weeraruun qabatte. Itti fufuunis Baha Yuukireen keessatti finciltoota deeggaruun mootummaa akka lolan goote.

Waraana finciltootaa fi mootummaa Yuukireen jidduutti ergasii waggoota saddeetiif itti fufeen namoonni 14,000 ol ajjeefamaniiru.

Bara 2015 waliigaltee nagaa buusuurra gahamee ture garuu hin kabajamne. Aab Puutiin osoo weerara hin eegaliin dura, waliigalticha cabsuun, naannolee Baha Yuukireen lama kan irra hedduun finciltoota Raashiyaan deeggartuun qabamanii jiran Yuukireen irraa walaba ta'uu beekamtii kennaniif.

Akkuma loltoota isaanii gara Yuukireen bobbaasaniin, NATOn "hegeree keenya seena-qabeessa ta'e balaarra buuse" jechuun ragaa malee biyyoonni miseensa NATO waraana Kiriimiyaa irratti labsuufi jedhan.

Waraana kana akki itti keessaa bahan jiraa?

Gorsaan pireezidantii Yuukireen Miykaaloo Podoliyaak loltoonni Raashiyaa bakka amma jiranitti waan danqamaniif guyyoota itti aanan waliigalteen dhukaasa dhaabuu jiraachuu mala jedhu.

Marii darbe irratti biyyoonni lamaanuu miira gaariin mari'atan, pireezidantiin Raashiyaas haal-dureewwan isaanii laaffisaniiru jedhu aanga'aan kun.

Jalqaba waraanichaa irratti haal-dureewwan Raashiyaa Yuukireen Kiirimiyaan qaama Raashiyaa ta'uu akka amantuufi naannoleen lamaan Baha Yuukireen finciltootaan qabaman walaba ta'uu beekamtii akka kennitu kan jedhan turan.

Itti dabaluunis Yuukireen heera ishii jijjiirtee NATO fi Gamtaa Awurooppaatti akka hin makamne wabii akka kennitu kan jedhus ture.

Dhimmi Kiriimiyaa fi naannolee Baha Yuukireen lamaan Doneesk fi Luhaanisk yoo boodarra furmaata itti barbaaduuf waliif galan malee salphaatti waan furmaata argatu miti.

Fedhiin Yuukireen maali?

Haal-dureewwan Yuukireen ifadha jedhu gorsaan pireezidantii: dhukaasa dhaabuufi loltoonni Raashiyaa Yuukireen keessaa akka bahan kan jedhudha.

Dabalataan wabii seeraan deeggarame kan garee biyyoota walta'anirraa Yuukireeniif eegumsa kennuufi haleellaa irraa qolachuu dandaa'u, yoo haleellaan dhufes Yuukireenirra goruun loluu dandeessisu feeti jedhan.

Loltoonni Raashiyaa daangaa Yuukireen keessaa bahuun fedhii Yuukireen qofa osoo hin taane kan biyyoota Lixaatis.

Yuukireenis akkuma Raashiyaan haal-duree ishee laaffiste, dhimma NATOtti makamuu irratti ejjennoo ishee waan laaffiste fakkaatti.

Pireezidantiin Yuukireen Volodimiir Zeleniiskiin NATOn miseensa godhee akka Yuukireen hin simanne amma ifadha, uummanni Yuukireen kana fudhachuu qaba jechuun dubbatan.

"Waliigaltee pireezidantoonni lamaan waliin fuulduraatti irratti mari'atanii mallatteessan qopheessaa jirra. Kuni yeroo dhiyootti ni dhufa, sababni isaas karaan waraanni kun itti xumuramu kana qofa," jedhan Podoliyaak miidiyaa US PBStti yoo himan.

Puutiin NATO waliin waliigaluu danda'uu?

Yaaddoon Aab Puutiin walta'iinsa waraanaa NATO miseensa biyyoota 30 qaburraa qaban yeroo gara yerootti dabalaa jira.

Yuukireen waliin mari'achuu danda'u, garuu warra Lixaa akki itti ilaalan - Raashiyaa qoqqooduun balleessuu waan taa'eef ejjennoon isaanii waan jijjiiramu hin fakkaatu.

NATO'n bara 1997 booda miseensota hedduu qabaachuun daangaa isaa kan babal'ifate yoo ta'u, Aab Puutiin miseensummaan biyyoota 1997 booda miseensa ta'anii akka haqamu fedhu.

Akka pirezidant Puutinitti warri Lixaa bara 1990 NATOn gara Bahaatti akka daangaa hin babal'ifanne waadaa seenus garuu babal'ifachuu hin dhiifne.

Aab Puutiin biyyoonni miseensota NATO Yuukireen seenanii akka isaan hin lolle ni beeku garuu qoqqobbii hagana gahu itti roobsu jedhanii waan yaadan miti.

Qoqqobbiin biyyooti Lixaa Raashiyaa irra kaa'an gamanumaan diinagdee Raashiyaa irratti dhiibbaa guddaa uumaa jira. Aab Puutiin kanatti hedduu aaran.

Yuukireen waliin nagaa yoo buusaniyyuu qoqqobbiin biyyoota Lixaa akka irraa ka'u Puutiin wabii hin qaban.

Aariin isaanii kana lammilee Raashiyaa waraana morman irratti baafataa kan jiran Puutiin lammilee isaanii 15,000 ol hidhaa buusanii jiru. Miidiyaaleen walaba ta'an marti ukkaamfamanii jiru.

Mormitoonni hedduun gariin hidhamaniiru, gariin ammoo biyyaa baqataniiru.