Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Yuukireen: Yakki Waraanaa maali? Vilaadimiir Puutin yakka waraanaatiin himatamuu danda'uu?
Pireezidantiin Yuukireen Volodimoor Zeleniskiin haleellaa hospitaala haadholiifi daa’immanii Maariyupool irraa qaqqabe "yakka waraanati" jedhanii ibsanii turan.
Haleellaan qaqqabe yakka waraana kan raawwatame fakkaata. Taatullee waraannillee seera mataa ofii qaba, akka Koreen Fannoo Diimaa Addunyaa jedhutti.
Seeronni kunneen Waliigaltee Jeneevaa, seerota idil-addunyaafi waliigalteewwan biroo keessatti hammatameera.
Yakki Waraanaa maali?
Namoonni nagaan beekaa, itti yaadame haleellaan irra gahuu hin qabu- akkasuma bu’uuraalee misoomaa namoota nagaaf barbaachisan haleeluuf irratti qiyyaafatamuu hin qabu.
Kana malees, meeshaleen waraanaa muraasni jumlaan miidhaa qaqqabsiisaniif jecha dhorkamaniiru.
Meeeshaaleen kunis dhootuwwan/fanjiiwwan lafa keessa awwalamuun namoota miidhan, meeshaalee baayoloojiikaala fi keemikaalaa dabalata.
Loltoota mada’aan, kanneen waraanaarratti booji'aman dabalatee namoonni dhukkabsataniifi madaa’an yaala argachuun dirqama.
Seeroonni biroo immoo dararaafi duguuggaa sanyii dhorkaniiru. Itti yaadanii namoota garee murtaa’e tokkoo balleessuuf yaaluun yakka waraanati.
Yakkoonni jajjaboon kanneen akka ajjeechaa, gudeeddii, ykn garee tokko jumlaatti walitti qabanii dararuun akka ‘’yakka dhala namaarratti raawwatamutti’ ilaalamu.
Yuukireen keessatti maaltu raawwatame jedhamee himama?
Yuukireen akka jettutti, haleellaan xiyyaaraa Raashiyaan Maariyupool kutaa hospitaala haadholii fi daa’immaniirratti raawwatte yakka waraanati.
Haleellaa sanaan daa’immanii dabalatee namoonni sadii ajjeefamuufi hojjattoota hospitaalichaa 17 fi dhukkabsattoonni wal’aansarra turan mada’aaniiru.
Gabaasaaleen biroo akka akeekanitti, loltoonni Raashiyaa lammilee nagaa Yuukireen biyyaa baqatan irrattis qiyyaafataniiru.
Kana malees, boombiwwaan julmaan miidhan qaqqabsiisan ‘cluster bombs ‘ jedhaman gargaaramuun namoota nagaa Karkiiv jiraatan haleeluu ragaaleen agarsiisan bahaa jiru.
Raaashiyaas ta’ee Yuukireen addunyaarratti boombiiwwan kunneen addunyaarratti akka dhorkamu hin mallatteessine, garuu ta’iin kun ammas akka yakka waraanatti ilaalamu danda’a.
Ministirri Ittisaa UK Been Waalaas akka jedhanitti, Raashiyaan dhootuu ‘thermobaric explosives’ jedhamu kan oksijiinii xuuxee ona guddaa ta’e uumuu gargaaramteetti.
Dhootuun balaa guddaa qaqqabsiisu kun hin dhorkamne, garuu itti yaadanii namoota nagaa biratti itti gargaaramuun seera waraanaa cabsa.
Ogeeyyin hedduun weerarri kun mataan isaayyu yakka jedhaniitu falmu.
Akkamitti shakkamtoonni yakka waraanaa hordofamu?
Biyyoonni kamiyyuu shakkamtoota yakkaa waraanaa qorachuuf dirqama qabu. Biyyoon muraasni kannen biroo caala kan ni raawwatu.
UKtti qondaaltonni poolisii olaanoon Yuukireenitti waanta yakkoota kanaa ka’umsa ta’uu malan sassaabu akka gargaaran gaafatamaniiru.
Shakkamtoonni yakka waraana akkamitti gaafatamu?
Waraana addunyaa lammaffaan asitti manneen murtii tartiiban hundeeffaman jiru- boordii yakka waraanaa Yuugolaaviyaan addaan qoodamuu hordofee hundeeffame ni dabalata.
Qaamni namoota duguuggaa sanyii Ruwaandaatti raawwatame keessatti namoota ittigaaafaman murasaa seeraatti dhiyeesuuf hundaa’e ture.
Duguuggaa sanyii Ruwaandaatti wayita qaqqabetti, finxaaleyyiin Hutuu namoota 800,000 guyyoota 100 bara 1994 keessatti fixanii turan.
Amma immoo Manni Murtii Yakkaa Addunyaa(ICC) fi Manni Murtii Haqaa Addnyaa(ICJ) seerota waraana akka kabajamuu deeggaruuf qooda qabu.
Manni Murtii Yakkaa Addunyaa yakka Yuukireen keessatti raawwatame ilaalaa?
Hogganaan Abuukaatoo Mana Murtii Yakkaa Addunyaa, lammii Biritiish Kariim Kaan QC akka jedhetti, waanti yakkii waraanaa rawwaachuu amanuuf waanti danda’mu Yuukireenitti raawwatameera.
Biyyoonni 38 akka dhimmichi qoratamu eeyyamaniiru.
Qorattoonni bara 2013 yeroo Raashiyaan Kireemiyaa Yuukireen irraa humnaan fudhatturraa jalqabee, kan amma raaawwamuun shakkamus ni ilaalu.
Ragaan namoota dhuunfaarratti yoo argame abbaan alagaa abbaan seeraa Manni Murtii Yakkaa Addunyaa nagayee dhaddachattii akka dhiyaatan gaafatu baasu-kunis Heegitti gaggeeffama.
Manni murtichaa humnoota poolisii kana ofii isaa hin qabu. Shakkamaa to’achuuf biyyoota biroorratti hirkata.
Raashiyaan garuu miseensa mana murtichaa miti-bara 2016 keessa baate.Pirezedant Puutin nama tokkoyyu dabrsanii hin kennan.
Shakkaman biyya biraa yeroo adeemu qabamee hidhama.
Pirezedant Puutin ykn hoggantoonni biroo seeratti dhiyeeffamuu?
Amma yoonaatti hoggantoota yakkicha akka raawwatamu ajajan caala, loltuu raawwate yakkamaa gochuun caala salphaa dha.
Taatullee, Manni Murtii Yakkaa Addunyaa(ICC) yakka ‘’waraana hamaa lafa kakaasuun’’qorachuu ni danda’a.
Kuni yakka weerara sababa quubsaa hin qabne ykn lola, tarkaanfii waraana ofirra ittisuuf jecha fudhatame hin taanedha.
Kunis Nurembergitti kan eegalame yoo ta’u, abbaan seeraa Mooskoon hoggantoonni Naazii ‘’yakka farra nageenyaatiin’’ akka himataman garee biyyoota yeroo sanatti waltumsaa turanii amansiisuu isaan booda ture.
Yunvarsiitii Kolleejjii Landanitti ogeessii seerota addunyaa Piroofesar Fiilip Saandis QC akka jedhutti, Manni Murtii Yakkaa Addunyaa hogganaan Raashiyaa yakka kanaaf qorachuu hin danda’u, sababni isaa biyyattii Mana murtii kana walii waliigaltee hin mallatteesine.
Akka yaadatti garuu Manni Maree Tasgabbii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Manni Murtii Yakkaa Addunyaa yakkicha akka qoratu ni gaafata.
Kanarrattis Raashiyaa mirga sagalee sagaleen kuffisuu mana marichaa keessatti qabduun kuffisuuf jirti.