Molotoov Kokteel: Boombiin warri Yukireen mana manatti hojjetan maaliif Molotoov jedhame, Molotoov eenyu?

Humnoonni Raashiyaa magaalota Yukireenitti erga duulanii jiraattotni Yukireen kumootaan lakkaawwaman waarana isaanii duukaa dhaabbachuuf meeshaan itti fayyadamaa turan Molotoov Kokoteel jedhama.

Boombiin mana keessatti namuu hojjetachuu danda'u kun erga waraana Yukireenii dubbii ijoodha. Ofii dhuka'aa kanaaf maqaan Molotoov jedhu maaliif moogga'e, Molotoov eenyu?

Yukireen baay'ina uummataanis ta'e humna waraanaan Raashiyaan gadi taatus, lammiileen meeshaa waraanaa qabatanii akka lolan mootummaan waamicha godheera.

Magaalota akka Kiyeev keessatti warra fedhaan humnoota Raashiyaa loluu barbaaduuf meeshaa hirus, biratti ammoo akkamiin boombii Molotoov Kokteel jedhan akka hojjetan duulli leenjisuu gaggeeffamaa ture.

Molotoov Kokteel boombiiwwan manatti hojjetaman yeroo ta'an, qaruuraatti boba'aa ykn wanta ibidda uumu biraa itti naquudha.

Wanti akka ibiddi itti qabachuu danda'uu morma qaruuraasaniitti ni rarraafama. Sun ibiddi erga itti qabatee darbatama. Bakka itti darbatame yeroo bu'u qaruuraan cabee ibiddi ni qabata.

Ministeerri Ittisaa Yukireen Molotoov akkamiin akka hojjetamuufi konkolaataa waraanaatti darbatamu qajeelfama ibsu miidiyaa hawaasaa gubbaatti qoodeera.

Molotoov eenyu?

Ka'umsi boombii manatti hojjetamu kanaa raajii qaba.

Maqaan boombii kanaa kan fudhatame baroota dheeraaf Ministira Haajaa Alaa Gamtaa Rippabliika Sooshaalistii Sooviyeet (USSR) ta'uun kan tajaajilan Viyaacheslaav Mikhaayiloovich Molotoov irraayi.

Molotoov bara 1890 maatii Raashiyaa galii gidduugaleessaa qaburraa dhalatan.

Bara 1906 gartuu paartii Russian Social Democratic Labour Party, Bolsheviik jedhamutti makaman.

Bara 1917 yeroo Tsar kufu dhaaba kanatu aangootti bahee dhaaba Paartii Koministii Yuuniyeenii Sooviyeet ijaare.

Molotoov imala kana keessatti yeroo lama bara 1939-1949 achiimmoo bara 1953-1956 Ministira Haajaa Alaa ta'uun aangoo qabatan.

Waliigaltee Molotov-Ribbentrop

Molotoov bara 1939 Naazii Jarman waliin waliigaltee wal hin weerarru jedhu 'Molotov-Ribbentrop pact' USSR mallatteessite keessatti maqaan isaanii ni eerama.

Waliigalteen kun walta'iinsa icciitiin qabamee ture erga Naaziin bara 1945 kufee booda ifa bahe of keessaa qaba.

Akka waliigaltee iccitiin qabamee booda ifa baheetti, USSR fi Jarman Poolaandiin qircachuun Baha Awurooppaa, Baaltikii fi Fiinlaanditti dhiibbaa ofii geessisuuf walta'anii turan.

Fulbaana bara 1939 Jarman yaada USSR hin mufattu jedhuun Poolaandiin weerarte. Biriteeniifi Firaans ammoo dheekkamanii Naaziirratti waraana labsan. Achiis waraanni addunyaa lammaffaa dhalate. Guyyoota booda USSR's Poolaandiin weerarte.

Sadaasa keessa USSR Fiinlaandiin weerarte. Inni kun waraana biraa 'Winter war' jedhamuuf sababa ta'e.

Sababa kanaatti Molotoov Kokteel beekamtii argate.

Yeroo sanitti Molotoov gama raadiyoon bahuun USSR Fiinlaandiin jilbeeffachiisuuf boombiin akka hin reebne garuu ammoo isaan beelessuuf miidhaaniifi wantoota nyaataman xiyyaaraan akka fe'atan dubbatan.

Warri Fiinlaand gama isaaniin boombii kana hojjechuu eegalan.

Warri Fiinlaand nyaata jalaa saamamuuf dhugaatiin madaalu kana jedhanii boombii hojjetaniin Molotoov kokteel ittiin jedhan.

Konkolaattota waraanaa warra USSR ittiin haleeluus jalqaban.

Dhuka'aa kanaaf maqaa isaa ammaa kan kenne waraana 'Winter War' jedhamu kana ta'us, boombiin kun walitti bu'iinsa keessatti hojiirra kan oole saniin duradha. Waraana waliinii Ispeen bara 1936-1939 adeemsifame irratti.

Amma barkurnee hedduu booda Molotoov Kokteel waraana Yukireeniin walqabatee addunyaa irratti maqaan isaa irra deddeebiin ka'aa jira.