Muddama Raashiyaa-Yuukreen: Biyyoonni addunyaa hedduun lammiileensaanii Yuukreen keessaa akka ba'an akeekkachiisan

Namoota Yuukreen keessatti hiriira mormiif ba'an

Madda suuraa, Reuters

Biyyoonni lixaa Raashiyaan haleellaa raawwachuuf sodaa jedhu ibsuu erga eegalanii booda, biyyoonni hedduun lammiileensaanii Yuukreen gadi dhiisanii akka ba'an akeekkachiisan.

Ameerikaa, UK fi Jarmaniin biyyoota lammiileensaanii Yuukreen gadi dhiisanii akka ba'an akeekkachiisan keessaati.

Raashiyaan loltoota kuma 100 daangaarra qubsiiftus, darbitee Yuukreen seenuuf karoora akka hin qabne ibsiteetti.

Pireezdantiin US Joo Baayidan gitasaanii kan Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waliin bilbilaan wayita dubbatan, weerarri Raashiyaan itti jirtu balaa hamaa qaba jechuun akka biyyattiin irraa of qusattu akeekkachiisan.

Pireezdantiin Yuukreen Voolodmiir Zelensikii oduun weeraraa heddummaachuun namoota keessatti naasuu fi rifaatuu uumeera jedhan, kunimmoo waan diinni barbaaduudha jechuun oduu akkanaarraa namoonni akka of qusatan yaadachiisan.

Waayit Haawus weerarri yeroo kamuu mudachuu danda'a jechuun akeekkachiise, boombiin qilleensarraan darbamuu eegaluu akka danda'us eereera.

Hojjettoonni Imbaasii Ameerikaa magaalaa Kiyeev jiruu hunduu dhiisanii ba'uu danda'u kan jedhu Waayit Haawus, qoonsilaan biyyattii ammoo har'arraa eegalee hojii dhaaba jedhe.

Haata'u malee hojii yeroo balaa tasaa akka hojjetuuf jecha waajjira qoonsilaa magaalaa Liviiv keessatti argamu hojiisaa akka itti fufu himteetti Ameerikaan.

Kanaadaanis akkasuma hojjettoota imbasii ishee magaalaa daangaa Poolaand irratti argamtu Liviiv keessatti geessite, UKn ammoo gareen murteessaa ta'e tokko qofti Yuukreen akka turu murteessite.

Raashiyaanis gamasheen lammiileeshee Kiyeev keessa jiran irratti haleellaan raawwatamuu mala sodaa jedhuun lakkoofsa namoota ishee hir'isaa jiraachuu himte.

Ameerikaan loltootashee kanneen loltoota Yuukreen leenjisaa turan 150 ta'an gara biyyaa deebisteetti.

Daandiin qilleensaa Neezarlaandis KLM jedhamu ammoo balaliinsa gara Yuukreenitti taasifamu dhabeera jedhe.

Biyyoonni akka Awustiraaliyaa, Italii, Israa'el, Neezarlaandis fi Jappaan biyyoota lammiileensaanii hatattamaan Yuukreen keessaa akka ba'an ajajanidha.

Biyyoonni tokko tokko dippiloomaatotaa fi maatii baasuu eegalaniiru.

Pireezdanti Baayidan wayita Pireezdanti Putiin waliin bilbilaan dubbatan, ''weerarri kun gatii hin taanee fi ulfaataa ta'e Raashiyaa kaffalchiisuuf jedha,'' jechuun akeekkachiisuusaanii Waayit Haawus ibseera.

"US akkuma gama dippiloomaasiin tarkaanfii fudhachuuf qophii taate, tarkaanfii kaaniifis qophiidha,'' jechuusaaniis ibse Waayit Haawus.