Gamtaan Awurooppaa Raashiyaan Yuukreen akka hin weerarre akeekkachiisa dhumaa kenne

Madda suuraa, AFP
Biyyoonni miseensota Gamtaa Awurooppaa ta'an Raashiyaan gonkumaa akka Yuukreeniin hin weerarre yeroo dumaaf akeekkachiisuuf walga'aa jiru.
Gamtaan Awurooppaa Putiin akkuma jedhame Yuukreeniin kan weeraran yoo ta'e biyyisaanii gatiishee ni argatte jechuun itti dhaadataa jira.
Miseensonni gamtichaa walga'ii kaawunsilii isaa Biraaselsitti taa'aa jiranirratti murtee kanaa fi murtoo jajjaboo biroo ni dabarsu jedhamaa jira.
Bulchiinsi Kireemlin garuu yaada weerara jedhu gonkumaa hin jiru jechuun haale.
Qaamoleen tikaa biyyoota lixaa Raashiyaan yoo xiqqaate loltoota kuma 100 daangaa Yuukreen irra qubsiisuu odeeffannoo akka qaban ibsaa jiru.
Aanga'oonni Yuukreen ammoo Mooskoon bara faranjootaa haaraa kanatti haleellaa raawwachuuf qophiittijirti jechuun yaaddoo qaban ibsaa jiru.
Hooggantuun Komishinii Gamtaa Awurooppaa Ursulaa Voon Der Leeyan Raashiyaan dhiphina naannoo daangaa jiru akka tasgabbeessitu gaafataa turan.
Raashiyaan weerara jalqabnaan qoqqobbiin dabalataa biyyattiirra akka kaa'amu ibsan qondaalli kun.
Raashiyaan akeekkachiisa itti kennamaa jiru kana fudhattee of hin soroorsitu taanaan qoqqoobbiin kaa'amuuf jiru akkaan cimaadha jedhan.
Namoonni hedduun akka tilmaamanitti qoqqoobbiin hamaadha jedhamu kun ujummoo boba'aa Raashiyaan gara Jarmanii diriirsaa jirtu-Nord Stream 2 jedhamu addaan kutuudha.
Ujummoon boba'aa guddichi kun ammallee xumuramee hojii hin eegalle.
Akeekkachiisi kun erga Pireezdantiin Firaans Imaanu'eel Maakroon fi Chaansilarri Jarman Oolaaf Shoolzi gitasaanii kan Yuukreen Volaadmiir Zalansikii waliin Biraaselsitti walarguun mari'atanii dhagahame.
Dureen Yuukreen Zalansikii qoqqobbiin Raashiyaarra kan kaa'amuu qabu ergasheen Yuukreen weerartee booda osoo hin taane yeroonsaa amma ta'uu qaba jedhan.
Raashiyaan waliigalteen daangaa seeraa biyyoota lixaa waliin akka jiraatu feeti. Kunimmoo Nato'n gara daangaasheetti akka hin kaloofne akeekkachiisuu of keessaa qaba.
Naton ammoo sochiinkoo mala ofirraa ittisuu irratti kan qiyyaafateedha jedha.
Yuukreen daangaa Raashiyaa fi Awurooppaa kan qooddatu yoo ta'u, jiruu fi jireenyi uummataa gara caalu kan Raashiyaa fakkaata.












