DR Koongoon kanneen oggeessoota UN ajjeesanirratti addabii du'aa murteessite

Zaayidaa Kaataalaan

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Zaayidaa Kaataalaan

Dimookraatiik Rippaabliik Koongoon miseensoota milishaa ajjeechaa oggeessoota Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) lama keessaa harka qabu jetteen du'aan akka adabaman murteessite.

Lammummaa Siwiidishii fi Chiilii kan qabdu Zaayidaa Kaataalaan fi lammiin Ameerikaa Miikaa'el Shaarp bara 2017tti ture bulchiinsa Kaasaayi keessaa butamuun fudhatamanii kan ajjeeffaman.

Hojjattoonni UN kunneenis waraana humnootii mootummaa fi garee milishootaa jidduutti uumame hordofuun awwaala ajjeechaa jumlaa raawwatameera jedhame qorachuurra ture.

Namni oggeessota kanneeniif turjumaanummaan hojjatu Beetuu Tishaantilaas ajjeefameera. Namoonni kunneenis ukkaamsamuun erga fudhatamanii guyyoota 16n booda ture reeffiisaanii kan argame.

Zaayiidaa Kaatalaan mormishii muramuun ture kan ajjeesamte.

Yeroo sanattis Motummaan Gamtoome ajjeechaa raawwatameen nahuu kan beeksiise yoo ta'u, Barreessaa Mummeen dhaabbatichaa Antooniiyoo Gutereez ammoo ''haqni akka argamuuf UN kan danda'amu hunda ni raawwata'' jedhanii ture.

Waraanni Kaasaayi bara 2017tti dhaabbate du'aatii namoota dhibba hedduutiif sababa ta'e ture.

Walitti bu'iinsa hogganaan naannichaa Kaampiiwunaa Saapuu bara 2016tti ajjeeffamusaanii hordoofee ka'een namoonni miiliyoonaa ol buqqaafamaniiru.

Adeemsi haqaa waggaa afur kan fudhate yoo ta'u, murteen addabbii kunis kan darbe mana murtii waraana biyyattiini.

Ajjeechaa ogeessota kanneeniin kan himataman 51, kanneen miseensa milishaa ta'an hunda isaaniitti murteen du'aa murtaa'eera. Haata'u malee DR Koongoon addabbii du'aa kaan haqxe yoo ta'u, addabbiin namoota kanneenii gara hidhaa umurii guutuutti geedaramu akka danda'u himamaa jira.

Namoonni kunneenis shororkeessummaa, ajjeechaa fi itti yaaduun qaama hir'isuu, yakka waraanaa raawwachuu kaasee hanga himannaawwan adda addaa irratti dhiyaachu AFP gabaaseera.

Kooloneel Shaan D Diiyuu Maambewenii gama saanitiin ajaja dabarsuun himatamanii hidhaan waggaa 10 itti murtaa'eera. Namoonni lama; gaazexessaa fi qondaalli poolisii ammoo bilisaan gadhiifamaniiru.