Tasfaayee Gabra’aab ‘Mootii Shaambuu’ jechuun kan leellise weellisaa Gabbisaa Mul’ataa eenyu?

Madda suuraa, Getty Images
Barreessaa Tasfaayee Gabra’aab kan dhiheenya kana du’aan boqote, kitaabasaa ‘Ye siddatanyaawu Maastaawashaa’ jedhu keessatti, fuula 181-187 irratti waa’ee weellisaa qaroo- dhabeessa Gabbisaa Mul’ataa jedhamuu, kan godina Horro Guduruu Wallaggaa magaalaa Shaambuutti argee dubbisee barreesse ture.
Tasfaayeen keewwatasaa mata duree ‘Ye Shaambuu Nigus’ jedhuun katabe jalatti, weellisaa kana ‘mootii Shaambuu gonfoo mataarra hin keewwanne’ jechuun isaan ibsa.
Yeroo Itoophiyaa keessa turetti Shaambuu hojiif deemuun achitti isaan arge.
‘’Farda irra taa’u. Luugama farda isaanii nama ga’essa wayiitu qabatee deema. Kophee funyaansaa rog-sadee fakkaatu diratu. Diimaadha. Rifeensi jirbiisaanii fakkaata.
Kobbortaa isaanii kiisii gurguddaa afur qaburratti, kutaa uffatanii osoo deemanuu daandii magaalaa Shaambuurratti arge,‘’ jedha barreefamni Tasfaayee.
Weellisaan qaroo-dhabeessi kun sirnoota darban sadii mormaa akka bahaniifi sababa kanaanis bara Dargii keessa akka hidhaman kitaabicha keessatti eerameera.
Ilmisaanii, barsiisaa Gaaddisaa Gabbisaa, abbaan isaa hamma gaafa lubbuun waggaa torba dura darbutti, ’’cunqursaa Oromoorra gahu mara didaa fi mormaa jiraatanillee mana hidhaa garuu galanii hin beekan,’’ jechuun BBC'tti himeera.
Tahus waa’ee mana hidhaa Shaambuu miseensonni Waraana Adda Bilisummaa Oromoo fi isaaniif michoota namoonni tahan itti hidhamanii turaniif inni isaan weellisan garuu sirruma jedhe:
'...Waaqni silaa hin dulloomu inni utubaan hoomii inni saanqaan baddeessaa
Silaa daanyaan naa hin hiiku qaxaroo fageessa.
Alaan zabiitu na eega qawwee gombifatee
Keessaan tafkiitu na eega mangaagaa jallifatee...''
Gaaddisaan abbaansaa weellisaa Gabbisaan, ‘’seenaan isaanii kitaabarratti akka bahe osoo hin beekiin lubbuun darbe. Aniyyuu ergasii namni biyya alaarraa naa ergee dubbisee baayyee na gammachiise. Nan nahesi. Sadarkaa kitaabarra bahutti beekamu jedhee hin yaaduun ture,’’ jedha.
Akkuma kitaabicharratti jedhuutti, mana daadhii ‘Xuruu Dabalaa’ jedhamutti yeroo haasa’an af-gaaffiidhaaf akka ta'ellee hin barre ture,’’ jedha.
Kitaaba sanarratti Obbo Gabbisaan, ’’gaazexeessitootatti haasa’u hin jaallu, weelluu koo garuu waraabuu dandeessa,’’ jechuun Tasfaayeetti himuun isaanii kaa’ameera.
Obbo Gaaddisaan, ‘’...hamman kitaabicha argee dubbisutti hin amanneen ture,’’ jedha.
Weellisaa abbaa sagalee furdaa jechuun kan isaan ibsu Tasfaayeen yeroo isaan dubbisee nama ganna 70 turan.
‘’Namni Mootii Shaambuu isiniin jedha,’’ isin maal jettu jechuun gaafateenii ture.
Isaanis kolfa dheeraa erga kolfaniin booda, ‘’Oromoon mootii hin qabu, sirna Gadaan bula,’’ naan jedhan jedha Tasfaayeen.
Obbo Gabbisaan sirna Gadaa Horro Guduruu Wallaaggaatti yeroo dheeraaf hin geggeeffamiin ture, ALI bara 1995 akka iddootti deebi’u godhaniiru jedha ilmi isaanii.
‘Farda mootii - Daalee’
Namni Shaambuu fi naannaashee Obbo Gabbisaa waan jaalataniif farda isaanis akkuma isaaniitti kabaju ture jedha ilimsaanii Obbo Gaaddisaan.
‘’Baadiyyaa yeroo deeman toora isaan deemanirra ni beeka, iddoo gaafa tokko bule bira immoo hin darbu. Michoonni isaanii isaaniin keessummeessanii bulchan fardasaas waan sooraniif fardi ni beeka,’’ jedha.
Obbo Gabbisaan magaalarra baadiyyaa deemuun yeroo isaanii achitti dabarsuu jaalatu kan jedhu ilmisaanii, ‘’yeroo deeman nama isaan qajeelchu waliin haa deemaniyyuu malee, baadiyyaa irraa wayita deebi’an namni isaan hin barbaachisu. Fardi isaanii hamma manaatti kallattii dhumaan isaan fidee dhufa,’’ jedha.
Mootummoonni darban hunda Oromoo cunqursaniiru jechuun waan mormaniif ‘’mana hidhaa galuu baatanillee yeroo garaagaraatti yaaliin ajjeechaa irratti taasifameera,’’ jedha Obbo Gaaddisaan.
‘’Yeroo tokko karaa Kistaana jedhamurra gara baadiyyaa osoo deemanu farda isaanii konkolaataadhaan dhahuu yaalanirree, fardarraa kufuun miidhamanii irraa hafan,’’ jedha.
Bulchitoonni naannichaa yeroos gochaa kana irratti raawwachuu yaalan ammallee lubbuudhaan jiru jechuun himu.
Obbo Gabbisaan fardeen garagaraa baayyee fayyadamanillee inni waggaa kudhanii ol isaan tajaajile fardi Daalee jedhamudha. Erga isaan lubbuudhaan darbanii boodas osoo hin turiin du’e jedha Obbo Gaaddisaan.
‘Sagalee bilisummaa’
Kitaabni Tasfaayee Gabra'aab Obbo Gabbisaan sagalee uummata Shaambuu akka tahan dubbata.
ALI Bara 1986 guyyaan hundeeffama Dh.D.U.O Bitootessa 17 yeroo kabajamu, Obbo Gabbisaan sirna kanarratti akka weellisan affeeraman.
Uummanni Shaambuu galma keessa tures hamma isaan maasinqoo isaanii waliin as bahanitti hin afanne ture.
Qondaalli mootummaa sirna sanarra tures akkas isaan waan barbaadan weellisan eeyyame.
Obbo Gabbisaan weelluu ‘’garaa uummata Shaambuu ciibse lama weellisan,’’ jedha kitaabichi.
‘’…Yaa muraa maqasii
Hin taane yaa Mallasii
Deebite roorroon barasii…’’
Weellisaan kun wal-tajjii kabaja hundeeffama DH.D.U.O sanarratti ‘’waa’ee ABO’’ sirbuu isaaniitiin qondaala dhaabichaa waliin wal-dhabuu kitaaba ‘Ye Sidatanyaawu Maastaawashaa’ kanarratti katabameera.
Barreeffamni kun walaloo weelluu Obbo Gabbisaa qondaala wajjin wal isaan dhabsiistes akkasiin kaa’a:
‘’…Shuraa shurshuraa kiyya
Ya shuraa xinnumaaf gabaabbatte na duraa
Shuraa koo shurshuraa koo
WBO koo hunkuraa koo...’’
Weellisaa Gabbisaan ’’Oromummaa isaanii irratti ejjennoon isaanii tokkoofi tokko. Qabsoon Oromoo fiixaan bahee arguuf hawaa turan hin milkoofne malee,’’ jedha ilmisaanii.
Obbo Gaaddisaa ilma arfaffaa Obbo Gabbisaa yoo tahan, abbaan isaanii ‘’hamma dhukkubsatanii afaan isaanii dubbachuu dhaabutti seenaa keenya akka beeknu baayyee nu akeekkachiisu ture,’’ jedha.
Weelluuwwan Obbo Gabbisaa waraabanii kaa’uuf dhaabbata tokko wajjin yaaliin taasifamaa turus, garuu gidduutti addaan citeera jechuun waan waraabamee of harkaa kan qabu akka hin jirre dubbateera.














