Zarihun Wadaajoo - weellisaa waggoota 45 oliif aartiidhaan qabsaa'e

Weellisaa Zarihuun Wodaajoo
Ibsa waa'ee suuraa, "Zarihun wajjin sirba baayyee walarkaa fuunee sirbine'' - Ilfinash Qannoo

Abbaa isaa Wadaajoo Goobanaa fi haadha isaa Zawdituu Makoo irraa Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Naqamteetti bara 1949 dhalate, weellisaa Zarihun Wadaajoo.

Obboleettii quxusuun isaa Aadde Alamtsahaay Wadaajoo BBC'tti akka dubbatanitti, obboleessi isaanii hangafti yeroo lola Eertiraatti ture irratti hirmaatee hin deebine. Ergasii ilmi dhiiraa tokkichi maatii isaanii Zarihun qofa ture.

Kanaafis ijoollummaa isaa Naqamtee, Haaruu, Shawaa, Mandiifi Gimbiitti dabarse.

"Yeroo Mandii ture kutaa 7ffaa barata ture. Barumsaan alattis qabsoos achumatti jalqabe. Yeroo sana qabsoo 'Ye Gubboo Xaaxaa Ke Mandii Yiwuxaa' jedhu qindeessaa ture. Ijoollee kakaasaa ture," jedhan obboleettiin isaa.

Zarihun boodarra gara Naqamteetti deebi'uun hojiilee aartii ergaa jajjaboo qaban waltajjiiwwan argaterratti uummata biraan gahaa ture.

"Injiraan mataakoo maalumaaf na nyaatta,

si obseen dadhabe follosseen si gata," jechuudhaan sirbi yeroos waltajjii bulchaan Godinaa Nugusee Faantaa irra jirurratti sirbe hidhaa ji'a saddeetii adabsiise jedhu aadde Alamtsahaay.

Bara 1968 Addi Bilisummaa Oromoo garee aadaa jalatti Baandii aadaa Oromoo jedhamu dhoksaan hundeessee ture. Baandii kana keessatti wellistoonni hedduun walitti dhufuudhaani ture kan jalqaban.

Isaan keessaa Zarihun Wadaajoo, Ittaanaa Tolasaa, Ilfinash Qannoo, Amantee Dojaa, Abbitoo Kabbadaa, Salamoon Dannaqaa fi kanneen biroo hedduudha.

Hundeessitoota baandii sanaa kan ta'anii fi yeroo ammaa Norweey kan jiraattu weellistuu Ilfinash Qannoo, bara sana nuti sirbitootuma Adda Bilisummaa Oromoo taanee lafaa kaane jechuun yaadatu.

Zarihun Wadaajoo wajjin sirboota hedduu akka sirbanii fi isaan keessaa sirbi 'Nuwaliin dhaadanna, walmalee maa lqabnaree' jedhu beekamtii guddaa kan qabu akka ta'es himu.

"Zarihun wajjin sirba baayyee walarkaa fuunee sirbine. Wal jalaa cookanii sirbuunis jira ture," jedhan.

''Koottu aramaa aramnaa midhaan keenya keessaa,

Tuufoo bubuqqifnaa cobasaa balleessa

Lafasaa barqiidha kanaaf tuufoo baasa,.'' jechuun kan inni bara sana sirbe hedduu akka jaalatanis himu.

Weellisaa Zarihuun Wodaajoo dargaggummaa keessa

Agarsiisa aadaa Oromoo Finfinneettii fi rakkoo sana boodaa

Bara 1968 galma tiyaatira biyyoolessaatti agarsiisni aadaa Oromoo yeroo jalqabaatiif mootummaadhaan heeyyamamee dhihaatee ture.

Artist Ilfinash akka jedhanitti guyyaan suni guyyaa seena-qabeessa, danbaliin aadaa Oromoo tokko jedhee itti jalqabe ture jechuun yaadatu.

"Agarsiisa sana Oromoon kutaa saddeet irraa walitti dhufee tiyaatira biyyoolessaatti qopheesse. Gareen keenya Zarihun faa dabalatee Naqamteerraa dhufne. Warri akka Alii birraa, Alii Shabboo faan ammoo baharraa dhufanii achitti walargine. Bara 1969 Finfinneetti yeroo sana lafatu socho'e," jechuun yaadatu.

"Guyyaa sana baay'ina konkolaataa mul'atee hin beeknetu mul'ate. Nama Oromoodha jettee hin yaanne hedduutu Oromoo ta'ee mul'ate guyyaa sana. Namni Of dhokseetuma jiraachaa ture. Lafatu galagale yoon jedhe naaf salphata," jedhu Artist Ilfinash.

Waltajjii sanaan booda wellistoonni galmicha turan yeroo biyya biyya isaaniitti deebi'an, mootummaan Dargii karaa karaa irratti eegee hunda isaanii akka hidhes himu.

"Anaa fi Zarihun wajjin warri Naqamteedhaa dhufne nama sagaltu hidhame. Kaan keenya hidhaadhaa yoo nu gadhiisan Zarihun manuma hidhaatti hambisan. Anii fi Abbitoon achii badnee Finfinneetti galle," jedhan.

Waltajjiin seena-qabeessi bara 1969 galma Tiyaatira Biyyoolessaatti qophaa'e suni, amma yoo naaf galu Dargiin eenyutu Oromoodha jedhee nama adda ittiin baafachuuf waan qopheessee ture natti fakkaata jechuunis dubbatu.

Yeroo sana Zarihun Wadaajoo Naqamteetti mana hidhaatti yoo hafu Abbitoo Kabbadaa mana Qopheessaa Magaalaa Finfinnee yoo galu Ilfinash Qannoo ammoo poolisii seente.

"Murtii kanarra kan geenye tokkoffaan rakkannee waan jirruuf daabbuma nyaachufi. Lammaffaa poolisii yoon seene namni nan tuqu jedheeni. Boodarra Zarihunis mana hidhaa Naqamteetii bahee Finfinneetti walgeenye," jedhan.

Weellisaa Zarihuun Wodaajoo

Madda suuraa, Hiriya Pictures

ABO'n Finfinnee seenuu fi mudannoowwan sana boodaa

Bara 1990 yeroo Addi Bilisummaa Oromoo Finfinnee seenuun Waajjira Gullallee qubate, Zarihun Wadaajoo fi weellistoota biroof carraa aara galfii guddaa akka uume himu Ilfinash.

"Yeroo sana aduutu nuuf bahe. Amma gaaddisa keenya jalatti Gullalleetti walgeenye. Akka haaraattimmoo biqillee akka namaatti haasofnee akka namaatti sirbinee akka jiraannu carraan uumame," jedhan.

Yeroon biiftuu haaraa fi aara galfii waajjira Gullallee ture kuni garuu ji'oota sagaliif qofa kan itti fufe.

Dararaan bifa haaraadhaan mootummaa ADWUI'n yoo jalqabu Zarihun Wadaajoo fi Ilfinash Qannoo loltoota Adda Bilisummaa Oromoo Shawaa keessa socho'anitti makaman.

"Yeroo sana lafa qubannu dhabne. Bakki turrus hin jiru. Wayyaanee isa kaan ni hiiti isa kaan ni ajjeesti. Kanaaf jecha Nadhii Gammadaa nu lamaan fuudhee gara bosonaatti nu erge. Yeroos humni Gullallee ture waraana Badhaadha Dilgaasaatti makamee lolaa ture," jedhan Ilfinash.

'Zarihun... takkaa jireenya dhuunfaa isaa jiraatee hin beeku'

Lola tureen boodas humni waraana ABO waan injifatameef weellistoonni lamaan Ilfinash Qannoo fi Zarihun marsaa biraa carraa hidhaa seenuu mudate.

"Zarihun wajjin Qaxqaxootti qabamne. Achirraa Shinootti, Shinoorraa Holotaatti, Holotaarraa Ambootti, Amboorraa Dhidheessaatti daddabarsanii nu hidhan. Dhidheessaa ji'a jaha turree baane. Ani ergasiis hidhaattin deebi'e," jechuun waan yeroos ture yaadatu.

Haati warraa Zarihun Wadaajoo Aadde Olaantuu Gammachuu, Zarihun bara mootummaan biyyattii TPLFn hoogganamu keessa dararaa guddaa keessumeessaa ture jedhan.

"Yeroo hedduu ni hidhama, ni baha. Manni hidhaa inni itti hin hidhamne hin jiru. Ji'a sadii, waggaa tokko, sa'aatii muraasa hidhaan irraa hafee hin beeku. Waa'ee sabasaa malee takkaa jireenya dhuunfaa isaa jiraatee hin beeku," jedhan.

Weellisaa Zarihuun Wodaajoo

Zarihun Wadaajoo fi Mallas Zeenaawii

Irra deddeebiidhaan hordoffii tikaa fi hidhaatti kan ture weellisaa Zarihun Wadaajoo guyyaa tokko mana hidhaarraa baafamuun gara masaraa Mootummaa Finfinnee jirutti waamamee akka ture himu haati warraa isaa aadde Olaantuun.

"Zarihun waan qabsoo kana dhiisee akka mootummaa wajjin hojjetu wanti barbaadu hundi akka guutamuuf gaafachaa turan. Inni ammoo anaaf qofa makiinaa kennuun nan gammachiisu, ani faayidaadhaaf hin qabsoofne jedhee dide," jedhan.

"Boodarra [MM duraanii] Obbo Mallas masaraa Mootummaatti waamsisanii 'Ati gaafa nuti bosona turres inuma qobsoofta, ammas inuma qabsoofta. Waan hundi sii kenname maaf waan jedhamte hin fudhanne?' jedhanii gaafatan.

Ani ijoolummaa kiyyarraa qabee kanin qabsaa'e uummata kiyyaafi malee faayidaa dhuunfaatiif miti kanaaf hin barbaadu," jedhee akka deebiseef himu.

Dhumarratti Obbo Mallas "Namni kuni nama faayidaa osoo hin taane nama kaayyooti - dhiisaa" jedhee akka gaggeesses himu.

Yeroon suni yeroo ajajaan WBO Laggasaa Wagii ajjeefame, battala Zarihun Wadaajoo mana isaatii fuudhamee yeroo hidhame tures jedhu.

Hojiileesaa fi waan amma irra jiru

Weellisaa Zarihun Wadaajoo waggoota 45 hojii aartiitiin qabsaa'e keessatti sirboota waltajjiilee irratti sirbeen alatti sirboota 95 sirbuun uummata biraan gahuun ni himama.

Zarihun nama kaayyoo fi waan itti amane irratti duubatti hin deebinedha jechuun ibsu hiriyaan isaa yeroo dheeraafi weellistuun akkaan beekamtu Ilfinash Qannoo.

"Zarihun nama Oromummaa isaatiif miidhamee aarsaa kanfaledha. Nama hacuucamedha. Silaa nus akka namaa eessaaf eessa geenya turre. Sirba qabsootiin sabasaa dammaqsaa jiraate. Anaafis sirboota naakenneera." jedhan.

Wellisaa Zarihun Wadaajoo reebicha yeroo adda addaatti mana hidhaatti irra gahaa turerraa kan ka'e, fayyaan isaa miidhamee yeroo ammaa Hospitaalatti yaalamaa jira.