Dubartoota falfalaan himatamanii ajjeefamaniif jaarraa 5 booda dhiifamni godhame

Madda suuraa, Getty Images
Paarlaamaan Kaataloniyaa, dubartoota dhibbaan lakkaawwaman kan jaarraa 15 ffaa fi 18ffaa gidduutti toshituu ta'uu isaaniif ajjeefamaniif dhiifama godhe.
Parlaamaan murtee kanarra kan ga’e sagalee deeggarsaa harka caalaan yoo ta’u, yaadannoon dubartoota 700 ol dararamanii ajjeefaman kanaa akka jiraatuuf jecha.
Qorattoonni seenaa Ispeen akka hubatanitti, Awuroppaa keessatti bulchiinsi Kaatalaan ajaja falfaltoota yookaan toshitoota adamsuu gaggeessuun ishee jalqabaadha.
Yeroo sanatti yakkoota adabbiin du'aa irratti muramu keessaa isa hammaatadha.
“Dhiyeenya maqaa dubartoota 700 ol kan jaarraa 15 fi 18ffaa gidduu adamasamanii, dararamanii fi murtee du’aan ajjeefaman adda baasneerra,” jedha gartuun murteen kana duuba jiru.
Yeroo sanatti yoo daa’imni tasa du’e ykn qonnaan marguu baate toshitootatu itti gaafatama ture jedha Yunivarsitii Baarseloonaatti piroofessarri seenaa ammayyaa Pawuu Kaasteel.
Gartuuleen walabummaa fi siyaasa gara bitaa gaggeessan dubartoonni kun “dhibbaa olaantummaa dhiirotaan miidhamtootadha” jechuun yaadannoon isaanii kabajamee dandileen maqaa isaaniin akka moggaafaman barbaanna jedhu.
Awurooppaa keessatti namootni kumaatamaan lakkaa’aman harka caalaan dubartoonni himata toshaan ajjeefamaniiru.
Murteen kun kan dhufe sochii Iskootilaand, Siwiizarlaand fi Noorwaay keessatti taasisamaa ture hordofuuni.
“Kana dura toshituu nuun jedhani, ammammoo ‘femenazis’ ykn maraatuu ykn saal-qunnamtii dhabdeeti nuun jedhu.
Kana dura adamsa toshituu gaggeessani, ammammoo wanta femicides (ajjeechaa dubartoota irratti xiyyeeffate) nurratti gaggeessu,” jechuun itti aantuun bulchaa paartii hogganaa naannichaa ERC, Jeen Diyaaz, dubbachuu ishee AFP gabaaseera.














