Namtichi kutaa motara xiyyaaraa keessa dhokate baliinsa sa'aatii 11 booda Amastardaamiitti lubbuun argame

Xiyyaara qubate

Madda suuraa, Getty Images

Poolisiin Dachi namticha kutaa motara (nose) xiyyaara Afriikaa Kibbaatii ka'uun buufata xiyyaaraa Amastardaam Schiphol qubate keessa dhokate tokko lubbuun arguu beeksiise.

Balaliinsi xiyyaarraa Johaansbarii hanga Amastardaam jiru sa'aatii 11 kan fudhatu yoo ta'u, xiyyaarri mi'aa garuu Naayiroobi keeniyaa keessatti yeroo tokko dhaabbachuun akka darbu amanama.

Sababii qorraafi ol fageenyaattiin hanqina oksijiinitiin namtichi dhokatee kun balaliinsii fagoo akkasii firraa lubbuun hafuunsaa baayyee waan hin baramneedha jedhameera.

Poolisiin akka jedheetti umuriifi lammummaan nama kanaa ganaa adda hinbaafamne.

''Namtichi kutaa motara fuldura xiyyaaraa keessatti lubbuun argame. Innis gara hospitaalaatti kan geeffame yoo ta'u haasa gaariirratti argama,'' jedhe dubbii himtuun poolisii Dachi Jo'aanaa Heelmoondis madda oduu AFPtti himan.

''Namtichi ammalleen lubbuun jiraachuunsaa baayyee kan nama ajaa'ibuudha,'' jette.

Dubbi himaan dhaabbata fe'uumsa meeshaa xiyyaaraa Cargolux karaa imeelitiin Rooyitarsiif akka mirkaneesseetti namtichi dhokate argame kun balaliinsa Cargolux Xaaliyaaniitiin bulfamu keessaa argame.

Akka odeeffannoo balaliinsichaatti, balalinsi mi'aa Cargolux tokkichi guyyaa Dilbataa Johaansibargii gara Schiphol taasifame kun Naayiroobii qubatee ture.

Kanaafuu namtichi kun xiyyaaricha keessa kan dhukate Afriikaa Kibbaa ykn Keeniyaatii akka ta'e ammatti adda hinbaane.

Presentational grey line
Ibsa waa'ee viidiyoo, Xiyyaaroota keessa namoonni eessa dhokatuu? (gabaasa bara 2019)