Namichi buufata xiyyaara pirezidaantii Ameeriikaa galuun xiyyaara keessatti argame to'atame

Madda suuraa, Getty Images
Namtichi tokko buufata xiyaaraa bakka pirezidaantiin Ameerikaa itti fayyadaman 'Air force One' keessa kutee seenuun isaa dhagahame.
Kana hordofees humni qilleensaa Ameerikaa buufataalee xiyyaara waraanaa biyyattii kanneen sadarkaa addunyaatti aragaman hunda irratti sakkatta'iinsa nageenaa taasisuuf.
Guyyaa Kamiisaa ture namni maqaansaa hin eeramiin tokko buufata xiyyaara waraanaa Meeriilaandiitti argamu keessa cabsee seenuun, xiyyaara C-40 jedhamu keessa erga galeen booda kan to'atame.
Buufanni xiyyaaraa kunis bakka xiyyaarootaafi hiliikoptaroota aanga'oonni motummaa itti fayyadaman qubatan ta'uun kan tajaajiluudha.
Dubbii himaan raayyaa ittisaa Joon Kiirbii guyyaa Jimaataa ''dhimma kana hundumtuu cimseeti hordofaa jira'' jedhan.
Haata'u malee namtichi buufaticha keessa cabsuuf seenee jedhame kun hidhanni inna warra mankaraareessitootaa waliin qabu homaa hin jedhamne.
Ibsa humni qilleensaa baaseen, shakkamaan battalumatti to'annoo humnootii nageenyaa jala oolfameera. Motummaa federaalaatti dabarfamee kennamuunis yakka bakka dhorkamee darbanii seenuutiin himannaan irratti ni banamas jedhameera.
Wayita namtichi cabsee seeneettis miidhaan qaqabe kamu hin jiruus jedhame.
Shakkamaa himannaawwan lama akka eegatan himamulleen waa'ee himannaawwan kanneenii bal'inaan himurraa of qusatan.
Buufannii xiyyaara waraanaa kunis Waayit Hawuusi irraa faggeenya KM 24 irrratti kan argamu yoo ta'u, yeroo baayyees pirezidaanitii Amaarikaa, itti aanaa pirezidaantiifi aanga'oota biyyattii olaanootu itti fayadama jedhameera.
Guyyaa Jimaataas pirezidaanti Joo Baayidan buufatuma xiyyaaraa kanaa ka'uun gara mana jireenyaa saanii itti argamu Wiilmiingitaniitti balalii'an.

Madda suuraa, Getty Images
Janaraalli qorataan humna qilleensaa namtichi attamiin cabsee seenuu danda'e kan jedhu irratti qorannoo akka gaggeeffamu ibsichaan eerera.
Itti dabaluunis buufataalee xiiyyaara waraana Ameerikaa addunyaa maratti argaman irratti sakkatta'iinsi nageenyaa akka gaggeefamu ibsaniiru.
Oduun kunis kan dhagahamee deeggartoonni Donaald Tiraampi Kaapitaal Hiil cabsuun erga galanii baatii tokkoon boodas.
Raayyaan egdoota Biyyaaleessaas hanga Bitooteessaatti Waashingitan keessatti eeguumsa irra turu jedhameera.













