Haleellaa Kaappitaal Hiil: Poolisiin hookkara Kaappitaal Hiil dura dhaabbate 'goota' jedhame

Madda suuraa, Igor Bobic
Poolisiin Ameerikaa tokko yeroo galmi Kaappitaal Hiil deeggartoota Tiraampiin weeraramu qofaa isaa dhiibee seenetii akka hin seenne gochaa ture hojii isaan 'goota' jedhamuun jajame.
Viidiyoo irratti akka mul'atetti poolisiin maqaan isaa Iguunee Guudmaan tahuu himame namoota humnaan galmicha seenan irraa tarkanfii tokko qofa siquun namootni hookkara kaasan akka ol hin galle dhorkuufi isaanis isa yeroo dhiibaa turan agarsiisa.
Mr Guudmaan keenyaan galmichaatti dahachuun nama hookkara kaasuun ol seene akka seenetitti hin galleef yeroo dhorku mul'ata ture.
Hookkara Kaappitaal Hiilitti mudateen poolisii tokko dabalatee namootni shan ajjeefamaniiru.
Poolisiin tokko yeroo galmichi weerarame hojii irra ture akka of ajjeese maatiin isaa himaniiru.
Gootummaan loltuu muuxannoo guddaa qabuu fi yeroo lola Iraaq yeroo dheeraa achi keessa ture Mr Guudmaan kan dhagahame yeroo poolisoonni Kaappitaal Hiil hookkaricha dhaabsisuu irratti dadhabina agarsiisaniiru jedhamuun ceepha'amanitti ture.
Wiixata galgala waajjiri Poolisii biyyichaa ofiserootni poolisii lama hojii irraa dhorkamuu fi hedduun isaanii ammoo hookkaricha keessatti hirmaataniiru jedhamuun qoratamaa jiraachuu ibseera.
Pirofeserri seera Yakkaa Yuunvarsiitii Seeraa Niw Yoorkii fi waajjira poolisii Niw Yoorki waggoota 20'f tajaajilaa ture Kiirki Burkhalter gochaa Mr Guudmaan kana 'ajaa'iba' jechuun ibse.

Madda suuraa, Igor Bobic
''Leenjiin haala akkasii kanaaf nama qopheessu jira jedhee hin yaadu.'' jedhe Burkhaalter.
Poolisiin gurraachi kun deeggartoota Tiraampi adii tahaniin yeroo ari'amaa tures viidiyoo irratti mul'ateera.
Namni fuula duratti osoo poolisii kana ari'anii mul'atu ture booda kutaa Lowa irraa kan dhufeefi maqaan isaas Doog Jeensen akka tahe adda bahe.
Innis poolisiidhaan to'annoo jala ooleera.
Miseensotni poolisii 2,000 tahan galma Mana Maree Ameerikaa Kaappitaal Hiil eegu.
Isaan kunneen poolisii magaalaa DC maagalicha eegan irraa addadha.
Hogganaan poolisii Kaappitaal Istiivan Saandi torban darbe humni poolisii isaan gaggeessan hojii irraa eegamu haalaan hin bahanne jedhamanii ceepha'amuun aangoo gadhiisanii ture.
Qondaalli Dimokiraatotaa beekamtuu Nansii Peelosiis akka aangoo gadhiisaniif waamicha gootee ture.
Abbaan alangaa waliigalaa yeroofii biyyattii Mikaa'el Sherwiin waajjirri haqaa miseensa poolisii kamiyyuu hookkaricha keessaa harka qaban irratti himata bana jedhan.
Pirezidaantii Ameerikaa tahuun kan filataman Jooy Baayiden Amajji 20 galma Kaappitaal Hiil keessatti waadaa galu jedhamee eegama.















