Ameerikaatti namtichi xiyyaara socho'aa turerraa utaalee bu'e

Buufata xiyyaaraa Loos Anjalas

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Taateen kunis guyyaa Jimaataa buufata xiyyaara Loos Anjalasiitti mudate

Ameerikaa Buufata xiyaara Idil-Addunyaa Loos Anjalasiitti namtichi kutaa balaliisaa seenuuf yaalee ture booda xiyyaara socho'aa ture irraa utaaluun bu'e.

Namtichi eenyummaansaa ammatti ifatti hinhimamne kunis, guyyaa Jimaataa karra xiyyaaraa saaquun karaa balaa tasaa ittiin bahaniin soloolaatee bu'uu, Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa (FAA) biyyattii beeksiise.

Isaan boodas karaa taaksii itti qabatan irratti to'annoo jala erga oolfameen booda miidhaa addatti hinibsamneef jecha mana yaalaatti geefamuun gabaafame.

Ameerikaa keessatti taateewwan balaliisa irraa dabalaa jiru. Bara kana qofaa taateewwan gara 3,000 galmaa'aniiru.

Taatee guyyaa Jimaataa kunis kan mudate akka lakkoofsa biyyaatti naannoo sa'aatii 19:10 (Sanbata 02:10 GM) irratti ture, wayita xiyyaarri Yunaayitid Eksipras kan abbumaansaa Daandii Qilleensaa SkyWest ta'e gara 'Salt Lake City' jedhamuutti balalii'uuf ture.

Miseensoonni garee balaliinsaas osoo xiyyaarichi gara daandii itti samiitti ol ka'uutti socha'aa jiruu wayita imalaan tokko teessuma isaa irraa ka'u arguu gabaasan.

Jalqabas osoo karra yeroo balaa tasaatiin xiyyaara keessaa utaalee hinbahiin dura gara kutaa balaliisaatti dafee fiigaa ture jechusaanii, maddi oduu NBC gabaase.

Abbaan Taayitichaa taatee kanaafi kaayyoo imalaa kanaarratti qorannoon akka taasifamuuf ajajeera.

Jalqaba baatii kanarrattis Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa (FAA) sarbama seeraa erga bara 1995 as gamaa'an asi olaanaa ta'e qorachu hime ture. Taateewwan kunneenis irra caalli kan namoota maaskii uffachu diduun wal qabataniidha.

Ajansiichi akka jedheetti taateewwan 394n imaltoonni ''hojiiwwan hojjattoota xiyyaara jidduu galaniiru'' jedhamuu erga Caamsaa 25 as galmaa'eedha.

Kunis kan guutuu bara darbe kan taateewwan 183 itti galmaa'anii dachaa lama jedhameera.