Namtichi Aana Firaank Naazii Jarmaniif dabarsee kennuun shakkame ganna 77 booda barame

Madda suuraa, ANN FRANK MUSEUM
Namticha Aana Firaank fi maatii ishee Naazii Jarmaniitti dabarsee kennuun shakkame qorannoo haaraa gaggeeffameen adda baafame.
Mucaan durbaa Jewish oolmaa guyyaa guyyaa ishee barreessuun beekamtu Aanan Firaank waggaa lamaaf dawoo dhokannaa keessa erga turte booda kaampii Naazii Jewishoonni keessatti gidirfamaa turanitti umurii waggaa 15tti bara 1945 keessa duute.
Oolmaa guyyaa guyyaa ishee barreessaa kan turte Aanaan, erga duute booda barreeffamni ishee bifa kitaabatiin maxxanfameera.
Barreeffamni ishee kunis barreeffame harkaa hunda caala jiruu Jewishoota waraana bara sana keessatti maal fakkaatu agarsiisuun beekamu.
Gartuun qorataa duraanii FBI of keessa qabu akka jedhetti, dhalatan Jewish Armistadam jirataa ture Arnold Vaan di Bergi lubbuu maatii isaa olchuuf jedhee tarii maatii Aanaa Firaank dabarsee kennuu hin oolle jedhan.
Gartuun qorannoo gaggeesse sun ogeeyyii seenaa fi ogeeyyii biroo kan of keessa qabu yoo ta’u, tooftaa qorannoo haaraatti gargaaramuun galmee ‘’qorannoon hin goolabamiin hafe’’ ogummaan addaatiin qorachaa turan.
Qorannichi alogorizimii kompiyuutaraatti gargaaramuun hariiroo namoota sana gidduu ture barbaadanii adda baasuu kan of keessaa qaba. Malli kun hojii dhalli nama adda baasuuf sa’aatii kumaatamaan lakkaa’amu itti fudhatu salphisefi jira.
Vaan diin Bergi, miseensa koree Jiwishoota Amistadam turani.
Koreen Jiwishoota Amistadam qaama imaammata Naaziin Jarmanii Jiwishoota naannicha jiraataniirratti hordofu hojiirra oolchuuf nama dirqame ture.
Koreen sun bara 1943 addaan bittimfamuun, miseensonni isaanii kaampii Jiwishoonni dararaa itti arganitti geeffaman.
Haata’u malee, gareen qo’annoo kun akka qorannoon adda baasanitti Vaan di Bergha gara kaampii dararaa sanaatti hin ergamne. Yeroo sanatti namnichi kun jiruu idilee isaa gaggeeffataa ture.
Bara sanatti Koreen Jiwishoota Amistadam keessaa namni odeeffannoo Naazii Jarmaniif kennaa turee jiraachuu waanti akeeku jira.
‘’Vaan di Bergi waan kaampicha akka geeffamne isa eeguu hunda dhabnaan odeeffannoo heddu barbaadamu kennuun, ofii isaafi haadha warraa isaa nageenyan akka turan taasise,’’ jedhan qorataan duraanii FBI Viinsi Pankok wayita CBStti himan.
Gartuun qo’annoo dhimma Aana irratti gaggeessu kun tarii dhalatan Jiwish kan biraa Aana fa’aa dabarsee kennuu malaa jedhanii walfalmaa turan.
Haata’u malee, abbaan Aanaa Otto Firaank dhimmicha akka beekaniifi iccitii sana baasu dhiisan ragaa argatan.
Qorannoo duraan gaggeeffameeratti qorattoonni barreeffama tokko eenyummaan isaa otoo hin ibsiin gara Ottoo Firaankitti barreeffama tokko erge ture namticha Naaziitti dabrsee isa kennuu hin oolle jedhame Vaan di Bergitu erge.
Aab Pankook ‘CBS 60 Minutes’tti akka himetti, waa’een dhalata Jiwish Aana Firaank fi maatii ishee dabarse Naaziif kenne kan otoo hawaasaaf ifa hin ta’iin kan hafe qoollifanna Jiwishoota akka hin hammeessineefi jedhaniiru.














