Dhalataa Naayjeeriyaa waraana warra Naazii irratti gaggeeffame keessatti hirmaate

Agboola Browne

Madda suuraa, Public Domain

Namoota Poolaandi warraaqsa bara Waraana Addunyaa Lammaffaa keessatti ishee gargaaruun akka gootaatti maqaa kaastu keessaa dhalataan Naayijeeriyaa Augudt Agboola Browne isa tokko.

Lammiilee gurraachota keessaa nama kana qofatu waraana warra Naazii irratti gaggeeffame keessatti hirmaate jedhama.

Gosa muuziqaa Jaaz jedhamuun kan beekamu August Agboola Browne, umriinsaa wagga 40 keessa osoo jiruu qabsoo warraaqsa Poolaanditti makame.

Bara 1939 wayita qabsoo diddaa warri Poolaandi weerara warra Naazii irratti agarsiisaa turan Poolaandi tumsuun kan hirmaate namni kun waggoota 17'f Poolaandi keessa jiraateera.

Waraana waarsoo kan warri Poolaandi weerara warra Jaramanii ofirraa itti qolataa turan, irratti kan hirmaate August Agboolaa Browne, maqaa iccitii Ali jedhamuun beekamaa ture.

Warraaqsi erga raawwatee ji'a kana keessa waggaa 76 guuta.Waraana kanaan jiraattota magaalaa Poolandi keessaa %94 ajjeefamaniiru yookiin ammoo qe'eesaaniirraa har'amaniiru.

Namni kun garuu carroomee lubbuudhaan hafeera.Achiis hanga bara 1956'tti magaalaa barbadoofte keessa erga jiraatee booda maatiisaa waliin gara Biriteen imale.

Siidaa yaadannoo Waarsoo keessatti

Madda suuraa, Wojciech Załuski

Ibsa waa'ee suuraa, Siidaan yaadannoo August Agboolaa Browne bara darbe ijaarame

Siidaa xiqqoon dhagaa xiqqoo kanaan ijaaramte kun ga'ee August Agboola Browne Waraana Waarsoo keessatti ba'e kan agarsiisuudha.

Garuu yoom akka waldaa namoota duulanii turanii seene hin mul'isne. Osoo waraqaan inni ittiin bara 1949 waldaa kanatti seene jiraachuu baatee ragaan sun hin jiru ture.

Humnoonni waraanaa Poolaandi waraana guyyaa 63 booda ugguramaniiru.

Madda suuraa, Keystone

Seenaan Browne bara 2009 wayita Poolaandi keessatti gootonni faarfamuu eegalan kan mul'achuu jalqabe.

Ergasii namoonni warraaqsa Poolaandi keessatti qooda olaanaa gumaachan akka mallattoo biyyaatti ilaalamuu eegalan, siidaanis olka'ee siideffameef.

Browne magaalaa Landan keessatti awwaalame
Ibsa waa'ee suuraa, Browne magaalaa Landan keessatti awwaalame

Browne erga gara Ingilaandi imalee hojii muuzuqaa hojjechaa ture, jireenya giddu galeessaa maatiisaa waliin qabaachaa ture.

Bara 1976 umriisaa waggaa 81'tti dhibee kaansariitiin addunyaa kanarraa du'aan boqote.Iddoo awwaalchaa Kaaba Landanitti kabajaan awwaalame.