Arsenaal itti mudde, Siitiin si'achi balaa itti ta'u danda'aa?

Erliing Halaand

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Erga Antoyine Semeeniyoon Siitii seeneee Halaand galchii lama qofa galche
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Osoo taphoonni liigii saddeet hafanii morkiin Maanchistar Siitiin waancaa liigichaaf taasisu xumurameera jechuu hin dandeenyu.

Inumaa liigicha kan dursaa jiru Arsenaal Maanchistar Siitii waliin tapha qaba.

Gaafa Sambataa Evartan yeroo injifatamu Siitiin immoo West Haam waliin qixa bahe.

Siitiin osoo tapha tokko si'achi taphatan of harkaa qabanii Arsenaal irraa qabxii sagaliin duubatti fagaataniiru.

Fagaachuu qofa osoo hin taane ga'umsi isaanii gaarii hin jiru.

Tapha booda leenjisaan Maanchisar Siitii Peep Gaardiyoolaa garee isaanii ga'umsa duriitti deebisuuf yaalaa akka jiran amananiiru.

Jifataan isaanii jabaa yeroo hedduu abdatan Erliing Halaandiis bakka durii hin jiru.

Maanchistar Siitii miti gareen kamuu tapha torban 30'f taphate torban muraasa yeroo hafu sadarkaa akkanaa keessa of argu hin fedhu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara dorgommii baranaa taphoota jalqabaa 17 irratti Halaand galchii 19 galche. Taphoota 12 darban irratti garruu sadii qofa galche.

Peep Gaardiyoolaan waan Siitii keessa godhee hin beeknee jifataa lamaan taphachuufis yaaleera. Garuu, itti hin milkoofne.

''Galchiin dhibuu qofa miti... Carraa galchii uumuu qabna. Ni deebi'a [ga'umsa isaatti],'' jedhan waa'ee Halaand yeroo dubbatan.

Siitiin akka durii amansiisee mo'aa hin jiru.

Maanchistar Siitiin taphoota liigii 18 booda kanaa kessaa takka qofa mo'aman. Garuu, qabxii 10 dabarsanii kennaniiru.

Silaa yoona kana mataa kilaboota pirimeer liigii isaan gochuu mala ture.

Osoo mo'uu danda'anii Chelsii, Biraayitan, Totanihaam, Nootingihaam ammammoo West Haam waliin qabxii qooddatan.

Karri eegaa duraanii Maanchistar Siitii Joo Haart Arsenaal akka waancaa duraa hin fudhanneef taphattoonni Siitii abdii kutachuu hin qaban jedha.

''Baay'ee ni cima garuu [Siitiin] tapha tokko of harkaa qaba, taphni kuni dirree Siitii irrattidha.

''Ani salphaadha jechaa hin jiru garuu abdiin jira,'' jechuun dubbate.

Maanchistar Siitiin Chaampiyeens Liigii irratti Riyaal Maadirid waliin tapha deebii qabu.

Isa booda gaafa Sambataa tapha xumuraa Liig Kaappiif Arsenaal morkatu.

Achi tapha idil-addunyaaf boqonnaatu jira. Achi booda hirboo maayii Waancaa FA'f Liivarpuuk morkatu.

Siitiin erga Chelsii morkate booda Arsenaal waliin taphata.

Yeroos liigiicha irra aanuuf carraa qaban hubachuu malu.

Arsenaal erga waancaa Pirimeer Liigii nyaate waggaa 22 ta'eera. Waggoota muraasa darban morkatee jala gahee dhabaa ture.

Baranas irra deebiin akkana ta'amoo Siitiin ol baha?

Taphoota hafan

Pirimeer Liigii Ingiliziin gaafa Dilbataa Kiristaal Palaas Liids Yunaayitid morkata.

Maanchester Yunaayitid immoo Aston Viilaa waliin, Liiverpuul immoo Tootenhaam yeroo beellamatu Foorast Fulihaam morkata.

Wiixata Bireentifoord fi Woolvis wal morkatu.

Liigicha Arsenaal qabxii 70'n yoo dursu, tapha hafu tokko kan qabu Maanchistar Siitiin immoo qabxii 61'n itti aana.

Maayikil Kaarik jalatti guddoo kan dammaqe Maanchistar Yunaayitid immoo qabxii 51'n sadaffaadha.

Aston Viilaaniis ida'ama galchiin afraffaa ta'e malee Yunaayitid waliin qabxiin isaa tokkuma.