Gatiin geejjibaa magaalaa Finfinnee birrii shanii hanga 20'tti dabale

Madda suuraa, Getty Images
Gatiin geejjiba ummataa magaalaa Finfinnee birrii shanii hanaga birrii 20tti akka dabale ibsame.
taarifaa haaraa bahe kanaan daballii guddaan kan taasifame otoobisoota magaalaa irratti yoo ta'u, gatiin ol'aanaan birrii 50 irraa gara 70tti ol guddateera.
Biiroon Geejjibaa Magaalaa Finfinnee guyyaa har'aa Dilbata Bitootessa 15, 2025 baaseen daballii gatii kun waggaa tokkoo fi ji'a afur keessatti yeroo jalqabaatiif kan taasifame ta'uu beeksise.
Daballiin gatii yeroo dhumaaf Onkoloolessa bara 2014 kan taasifame yoo ta'u, yeroo sanatti gatiin beenzilaa liitiratti birrii 91 fi kan naafxaa ammoo 90 ture.
Yeroo gara waggaa tokkootti siquuf osoo fooyya'iinsi taarifa hin godhamin keessa gatiin beenzilaa leetiratti gara birrii 41 dabaleera. Kan Naafxaa adiis gara birrii 49 dabaleera.
Ministeerri Daldalaa fi walitti hidhamiinsa naannawaa torbee darbe gatiin gurgurtaa boba'aa dabaluu isaa beeksisera.
Akka gatii haaraa kanaan beenzila littirri tokko birrii 132 fi saantima 18'n gurguramaa kan jiru yoo ta'u,naafxaan ammoo birrii 139 fi saantima 84'n gurguramaa jira.
Biiroon Geejjibaa magaalattii ibsa har'a baaseen akka ibsetti, daballiin taarifa geejjibaa magaalaa Finfinnee ''sirreeffamni taarifaa gatii gurgurtaa oomishaalee boba'aa amma jiru irratti taasifameen'' ta'uu ibseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Taarifichis boruu irraa eegalee hojiirra kan oolu yoo ta'u taaksii minibaasii, otoobisoota giddu galeessaa kanneen akka "Haygerii fi Qixqixii", dabalatee otoobisoota gurguddoo magaalaaf kan qophaa'edha.
Kaffaltiin fayyadamtoota taaksii minibaasii imala hanga kiiloo meetira 2.5f hanguma dura ture birrii 10 ta'ee akka itti fufu taasifameera. Imalli hanga kiiloo meetira shanii ammoo birrii 15 irraa gara birrii 20tti ol guddateera.
Gatiin imala hanga kiiloo meetira 15tti godhamuus birrii shaniin wal fakkaataan dabaleera.
Kaffaltiin taaksii imala kiiloo meetira 15.1 hanga 17.5 gidduu jiru birrii 1kudhaniin dabalauun gara birrii 50tti ol guddateera. Kaffaltiin taaksii inniol'aanaanis daballii walfakkaataan taasifamuun birrii 55tti guddatee jira.
Taarifa haaraa kanaan gatii gad aanaan baasii giddu galeessaa akka ' Hayigerii fi Qixqixii' birrii 15, ol'aanaa ammoo birrii 45 akka ta'u murtaa'eera.
Daballiin guddaan, hanga birrii 20, kan taasifame taarifa baasii magaalaa irratti ta'uu ibsameera.
Gatiin baajaajii xiqqaan birrii 10 ta'ee kan turu ta'us, fageenyi ol'aanaa gatii kanaan imalu kiiloo meetira 12 irraa gara kiiloo meetira 7.5tti gadi bu'eera.
Biiroon Geejjiba Magaalaa Finfinnee dhaabbileen tajaajila geejjibaa kennan hawaasa sirnaan akka tajaajilan gaafatee warreen ajaja kaa'ame sarban irratti tarkaanfiin akka fudhatamu akeekkachiisera.
Torban darbe keessa Ministirri Maallaqaa Ahmed Shide, jeequmsi dhiyeessii boba'aa waraana Ameerikaa- Israa'elfi Iraan gidduutti gaggeeffamu hanga yoomitti akka turu waan hin beekamneef, hawaasni fi dhaabbileen boba'aa ''qusannaa guddaadhaan'' akka fayyadaman dhaamuu fi taarifa irratti jijjirraan akka taasifamu ibsuun niyaadatam















