Miseensoti garee Naazii dhorkamee hidhaman

Adaam Toomaasfi Kilaawudiyaa Paataatas

Madda suuraa, West Mids Police

Ibsa waa'ee suuraa, Adaam Toomaasfi Kilaawudiyaa Paataatas miseensa garee shororkeessummaa dhorkame tahuun himataman

Cimdooliin maqaa mucaa isaanii Adoolf Hitlar jechuun moggaasan miseensa garee shororkeessaa 'National Action' jedhamuu tahuun himataman hidhaa bu'aniiru.

Nama ganna 22 Adaam Toomaasfi nama ganna 38, Kilaawudiyaa Paataatas, nam Daani'eel jedhamu wajjin Ingilaandittii ''sanyummaatti amanuun seenaa dheeraa qabu'' isaan jedhaniiru murteessaan.

Dhaddachi Barmiinghaamitti taa'ame cimdooliin kunneen ''dinqisifannoo'' Adoolf Hitlariif qaban agarsiisuuf maqaa mucaa isaanii maqaa isaatti moggaasan jedheera.

Walumaagalatti qabata kanaan namoota jaha irratti hidhaan waggaa 6 caalu murtaa'eera. Daanyaan dhadachichaa hirmaattota 'kaayyoo hammeenyaa' isaan jedhaniiru.

"Kana malees daanyaan '' Gochaan kuni diimookiraasii dhabamasiisuun biyya kanatti hokkorrifi ajjechaan akka babala'tu gochuu dha. Adeemsa Naaziin fayyadamuun immoo hawaasa duguuuguu dha'' jedhaniiru.

Himatamaan Toomaas jedhamu yaada sanyummaa akka qabu yoo amanu, kitaabni qajeelfama shororkeessumma Anarchist Cookbook jedhamu harkatti argameera.

Poolisiin mana cimdoolii kanaatti xiyyaafi meeshaalee waraanaa lafa ciisichaa mucaa biratti aragchuu dabalatee, alaabaafi meshaalee mallattoo Naaziitiin bocaman argachuu himeera.

Gareen sirna haaraa Naazii gaggeessu National Action bara 2013tti kan hundaa'e yoo tahu bara 2016tti seera shaororkeessummaatii seeraa ala taheera..