Barbaachi carrallaa balaafamaa attamiin raadaarii abuure

Madda suuraa, Getty Images
Argannoowwan hedduudhaaf hangam akka uumamuu xiyaaraa irratti hundoofne faana dhahuu dandeessa. Tarii motora jeettii, ykn xiyaaruma mataasaa.
Yeroo tokko tokko garuu humna jiru guutummaatti fayyadamuuf argannoowan argannoowwan biroo barbaadu.
Industirii aveeshinii keessatti, seenaa argannoo carallaa balaafamaa ykn (Death ray) irraa eegala, ykn yoo xiqqate caarraaqqii balaafamaa tolchuu bara 1935tti deebii'a.
Anga'oonni Ministeera Xiyaaraa Biriitish dorgommii tekinooloojii humna waraanaan Naazii Jarmanii gadi ta'uun isaan yaaddessee ture.
Yaadni death ray isaan kakaase: Nama oolaa tokko sadarkaawwan dhibbaan balleessuu danda'uuf badhaasa £1,000 kennaa turan. Amma sanatti garuu, namni nan danda'a jedhe hin ture.
Kanaaf garuu qorannoo si'ataa dabalataan maallaqaan degeruu qabuu? Carallaa balaafamaa ykn (Death ray) danda'amayyu turee?
Seeraan ala, Rooberti Waatsaan Waat, Buufata Qorannoo Raadiyoo, beeksisan.

Madda suuraa, Sasha
Achumaan jaallee hojiisaa kan ta'e Iskiip wiilkinsiif gaaffii herregaa hojii sammuu dhiyeesseef.
"Haa jennu, mee haa jennu," Waatsaan Waat wilkiinsiin akkas jedhe, " bishaanii saddeti, km1 [trakaanfii 3,000] lafarraa ol qabda ture.
"Bishaan sun ammo F98 [37C] jira haa jennu, atimmoo hanga F105 ga'utti danfisuu barbaadda.
"Fageenya km5 irraa humna firikuweensii raadiyoo hangam barbaaddaa?"
Carraa
Iskiip Wiilkinsi gowwaa hin turre.
Dhiigni kooktaaliin saddeet hamma dhiigaa dardara tokko keessa jiru ta'uu, temireecharri qaamaa sirriin digirii faranaayitii 98 ta'uu, akkasumas 105 ammoo baayyee ho'aa fi du'arraan kan nama ga'u ta'uu, yookiin akka of wallaaltu kan nama taasisu ta'uu fi to'annoo ala taanaan roophilaarrattis taatee wal fakkaataan akka mudatu ni beeka.
Kanaafuu Wiilkiinsii fi Waatsoon wal hubatu, carallaan miidhaa hamaa qaqqabsiisu akka abdii hin qabnerrattis waliif galu: human guddaa gaafata.
Garuu carraa argan qabu.
Dhaabbatichi qorannoo qorachuuf baasii guddaaf akka saaxilame ifadha. Watsan Waat fi Wiilkiins garuu filannoo baasii baajataa fooyya'aa tarii kaa'anii turanii laata?

Madda suuraa, Getty Images
Wiilkiinsi baayyee itti yaadeera. Tarii ni danda'ama ta'a jedhee yaadrimeesse, danbalii raadiyootiin yaaluu. Danbalii sagaleetiin qofa otoo hin argamin fageenyarraa argamasaa baruun itti ba'amaa dhufe.
Watsan argannoosaa kana hatattamaan Koree Dhimma Qorannoo Saayinsaawaa Humna Qilleensaa Ministirichaatiin ga'e. yaada kana gabbisanii itti fufsiisuu laata? Eeyyeen sirriitti ta'eera.
Wanti Wiilkiins ibsaa ture kun Raadar jedhama.
Namtichi Rooberti Budeerii jedhamu kitaabasaa 'The Invention That Changed the World' jedhu keessatti akka ibsetti, Jarmanoonni, Jappaanonnii fi Warri Ameerkaas of danda'anii teeknooloojii kanatti fayyadamuu eegalan.
Jalqabbii ajaa'ibsiisaa
Bara 1940 keessa garuu jalqabbii ajaa'ibsiisaa kan raawwatte Biriiteeni. Ujummoo bareedaa fi ajaa'ibsiisaa kan raadaariidhaan danbalii sagalee haala fooyya'aa ta'een daddabarsu hojjette Biriiteen.
Boombii warra Naaziitiin kan barbadaa'e warshaan Biriiteen meeshaa kana oomishuuf akka ifaajaa turan ni dubbatama.Warri Ameerkaa garuu oomishuu danda'aniiru.
Ji'ootaaf warri Biriiteen meeshaa maagniitiroon jedhamuun kan warra ameerkaatiin geeddarachuuf tarsimoo daldalaaa baasanii hojjechaa turan.

Madda suuraa, Getty Images
Booda Wiinistan Chaarchil aangoo qabatee murtee yaaddessaa tureef yeroon yaaddessaan akka barbaachisu murteessan.
Ulaagaa kamiinuu Laaboraatooriin carallaa 'MIT Rad Lab' jedhamu milkaa'aa ture. Badhaafamtoota Noobelii 10 horateera. Raadaariin inni oomishe kan roophilaa fi doonii ta'achuu danda'u waraana irra aanuuf fayyadeera.
Garuu qophaa'ummaan yeroo waraanaa yeroo nageenyaa hatattamaan dhabamuu danda'a.
Tajaajilli geejjiba qilleensarraa ummataas raadaarii fayyadamuu akka barbaachisu ni hubatama,saffisaan babal'achaa jira waan ta'eef.
Bara 1945 xumura waraana addunyaa lammaffaarratti humni qilleensaa biyya keessaa Yuunaayitiid Isteetis imaltoota miiliyoona 7 fe'ee ture.bara 1955 lakkoobsi kun gara miiliyoona 38tti guddate.

Madda suuraa, Getty Images
Akkuma samiin xiyyaaraan guutamaa dhufeen raadaariin walitti bu'uu xiyyaarotaa hambisuuf jecha barbaachisummaansaa baayyee dabale.
Akkaataan biyyoonni itti hojiirra oolchan garuu baayyee duubatti harkifataadha.
Ta'us galatni teeknooloojii raadaarii fa hata'uutii walitti bu'iinsi xiyyaaraa hafeera, duumessi hangam yoo heddummaatellee jechuudha.












