Paakistaan: Cabbiin miseensa maatii lamaa nama 12 dabalatee hedduu galaafate

Madda suuraa, EPA
Waqtii cabbii hammaataa Paakistaanitti miseensa maatii tokko nama torba dabalatee yoo xiqqaate namootni 21 du'uu aanga'oonni biyyattii beeksisan.
Balaan kun kan qaqqabe Kaaba biyyattiitti namoota taatee kana daawwachuuf imalaa turan cabbiin tuulamee isaan danquu isaatiini.
Tuuristootni kuma tokko ta'an waqtii cabbiin itti bu'u kana magaalaa tabba gubbaa jirtu Murree jedhamtu irraa daawwachuuf garasitti imalaa turan.
Poolisii tokko, haadha warraa isaafii ijoolleen isaanii jaha, akkasumas maatiin miseensota shan qabu kanneen balaa kanaan lubbuun isaanii darbe keessa ta'uu dhaabbatni tajaajila baraaraa yeroo balaa tokko beeksiseera.
Waraanni biyyattii namoota 300 cabbii kanaan danqaman baraaruu beeksiseera.
Dubbii himaan waraanichaa dabaluun ogeeyyiin isaa daandii gara magaalaa Murree geessuu haxaa'uu eegalaniiru jedheera.
Ministirri dhimma biyya keessaa Paakistaan balaan kun kan qaqqabe namoota hedduu gara bakka Kaaba Islaamaabaad jirutti imalaa jiran irratti ta'uu himaniiru.
Guyyoota muraasa darban magaala qarreerra jirtu kan bara kolonii hundeeffamte daawwachuuf konkolaattotni 100,000 ta'an imalaniiru jedhama.
Miiidiyaaleen hawaasummaas suuraalee magaalittiirraa kaafamaniin guutaniiru.
Jimaata darbe tuuristootni cabbiin danqamuun kan gabaafame yeroo ta'u, Sanbata ammoo naannichatti labsiin balaa labsameera.

Madda suuraa, EPA
Akka dhaabbileen gargaarsa yeroo balaa jedhanitti namoota du'an 21 ta'an keessaa 10 daa'immani.
Kanneen keessaa jaha konkolaataa isaanii keessatti qorraan hadoodanii du'anis jedhu. Kanneen hafan hanqina Oksijinii isaan mudateef gaaziin ofitti fudhatan sababa du'a isaanii ta'uutu himame.
Tuuristiin naannicha daawwachuu dhaqee danqame Usmaan Abbiis AFP bilbilaan yoo dubbatu ''namootni haala hammaataa keessa jiruu'' jedheera.
Rakkoon kun kan tuuristoota qofa mudate osoo hin taane iraattota naannichaalee kan mudde ta'uu himeera. Hanqinni gaaziifi bishaanii jiraachuus dubbate.

Madda suuraa, Getty Images
Jiraattotni naannichaa kanneen danqamaniif bullukkoofi nyaata dhiyeessaa jiru.
Kanneen magaalittii qaqqaban ammoo sirrii galaanaaarraa ol-ka'iinsa meetira 2,300 irrattii manneen barnootaafi gamoowwan mootummaa keessa buufataniiru.
Ministirri Muummee biyyattii Imraan Kahaan du'a tuuristootaatti akkaan gadduu ibsani. Qorannoon akka gaggeefamuufi badiin akkanaa akka hin qaqqabne tarkaanfiin akka fudhatamus ajajaniiru.
Magaalli qarree gubbaatti hundeeffamteefi tuuristiin cabbii lafatti gadi bu'u ilaaluuf itti yaa'u Murree'n jaarraa 19ffaa keessa warra Biritishiin bu'uureffamte.












