Gamoon Sabbataatti jigee lubbuu hojjettoota guyyaa afur galaafate 'eeyyamaa ol ijaarame'

Madda suuraa, Sebeta town Communication
Gamoon magaalaa Sabataatti jiguun namootni afur lubbuu itti dhaban darbii heyyamameef ol ijaaramaa kan ture ta’uu qondaaltonni himan.
Gamoo guyyaa kaleessaa Mudde 26, 2021 naannoo sa’aa 7:00'tti magaalaa Sabbataa Alamganaa ganda 02tti qaqqabeen lakkoofsi namoota lubbuun isaanii darbee afur gaheera.
Suuraan miidiyaalee hawaasummaa gubbaa qoodame gamoon jigee namoonni rifaatuun itti marsanii yeroo daawwatan mul'isa.
Itti gaafatamaan Waajjira Konistiraakshinii magaala Sabbataa Obbo Qananiisaa Badhaasaa, gamoon jige heeyyama ijaarsa darbii Abbaa Taayitaa Konistiraakshiniirraa kennamee ol ijaaramaa kan ture ta’uu BBC'tti himaniiru.
“Abbaa Taayitaa Konistiraakshiniirraa heeyyama abbaa darbii tokkootu kenname. Haa ta’u malee abbaan ijaarsa kana gaggeessu darbii shaniin ijaaraa ture” jedhan.
Wayita balaan qaqqabuttis ijaarsi gamoo kanaa darbii sadaffaarra akka ture himaniiru.
Sababni jiguu gamoo kanaa maal akka ta’e ammatti kan hinbaramne ta’uu kan himan Obbo Qananiisaan, “rakkoo ogummaatimoo, rakkoo dizaayiniitimoo, qulqullinaan walqabatamoo kan jedhu koreen hundeeffamee qoratamaa jira” jedhan.
Namootni balaa kanaan miidhamanis hojjettoota guyyaa dhiira lamaafi dubartoota lama ta’u Waajjira Komunikeeshinii Magaala Sabbataarraa Obbo Mangistuu Zagayyee BBC'tti himaniiru.
Balaa kanaan reeffi namoota sadii barbaachaan argamuu akkasumas namni tokko immoo hospitaala erga geeffameen booda lubbuun darbuus dubbatan.
Hanga oduun kun qindaa’utti balaa kanaan walqabatee namni to’annoo jala oole akka hinjirre kan himan Obbo Mangistuun, “akka seeraatti kuni dhimma salphaa waan hintaaneef waan callifamu miti” jedhaniiru.
Sababa ijaarsa gamoon balaan yoo dhaqqabu kuni yeroo jalqabaaf miti.
Waggaa tokko dura Magaalaa Adaamaatti gamoon of eeggannoo malee ijaaramaa ture lubbuu namoota afurii galaafateera.














