Chaayinaatti hoteelli jigee namoonni 17 du'anii shan ammoo madaa'an

Suuraan kun Adoolessa 12, 2021 wayita gareen baraartotaa nama barbaadaa jiran kaafame

Madda suuraa, Getty Images

Baha Chaayinaa Magaalaa Suzhou keessatti gamoon hoteelaa tokkoo erga jigeen booda namoonni 17 du'anii kaan ammoo madaa'an.

Hojjattoonni lubbuu baraartotaa erga sa'aatii 36'f barbaacha taasisanii booda reeffa namoota 17 fi namoota 6 ammoo lubbuun jigaa gamoo jalaa baasan.

Global Times akka gabaasetti gamoon kun jigu kan danda'e waan abbaan qabeenyaa caasaa isaa geeddaruuf yaalii taasisaa tureef.

Kana malees erga yeroo dhiyootiin asi gamichi hojiiwwan haaromsaa hedduun irratti gageeffamaa tureera.

''Jalqaba gamoon kun darbiiwwan sadii qofa kan qabu yoo ta'u, walgalaan kan biraa itti dabalamaa adeemaa ture,'' jechuun jiraataan tokko midiyaalee biyya keessatti himan.

Motummaan bulchinsa naannichaa dhimmicha qorataa jiraachuu himuun, ''namoonni itti gaafatamoo'' ta'an seeraan ni gaafatamu jedheera.

Garee lubbuu baraartootaa

Madda suuraa, Reuters

Hoteelli kunis guyyaa Wiixataa akka sa'aatii biyyaatti 15:33 irratti mudate.

Hojjattoonni lubbuu barbaartootaa 600 ol bakka balaan mudateetti bobbaafamaniiru.

Wayita taateen kun mudateetti tarii kutaalee 54 hoteelichaa keessa namoonni 18 ni jiraatu jedhamee tilmaamamee ture.

Booda garuu namoonni hingalmaa'iin shan hoteelicha keessa jiraachun barame.

Namoonni 23 jijjigaa jalaa argaman keessaa jaha lubbuun bahan

Madda suuraa, Getty Images

Namoota jahan lubbuun argaman keessaa shanan isaanii miidhaa irra gaheen alatti haala tasgabbaa'aa keessa jiru. Namni tokko garuu baayyee miidhameera.

Chaayinaa keessatti gamoon wayita jigu ijaarsa gaarii hintaaneen akka wal qabatu himama.

Bara darbes erga gamoon hoteelaa tokko bulchiinsa Fuji'an keessatti jigeen booda namoonni 29 du'anii ture.

Qorattoonnis boodarra haalli ijaarsa hoteelichaa ''rakkina cimaa'' qabaachusaa adda baasan, akka Xinhua gabaaseetti.