Finfinneetti balaa abiddaa mudateen abbaafi ijoolleen isaa afur lubbuu dhaban

Obbo Gizee Birruu fi ijoollee isaanii arfan balaa abdiddaan du'an

Madda suuraa, Abrham Yirga

Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Gizee Birruu fi ijoollee isaanii arfan balaa abdiddaan du'an

Jimaata darbe, Finfinnee bakka Kolfee Qaraaniyoo jedhamun beekamutti halkan naannoo sa'aatii 5:00 irratti balaa ibiddaa mana jireenyaa tokko keessatti uumameen abbaa fi daa'imman isaa afur du'uu isaanii maatiin BBCtti himan.

Haadhi isaanii Aadde Amsaal Yirgaa, garuu daa'ima harma hoosistu umurii ji'a kudhanii waliin balaa kana irraa oluu dandeesseetti.

Obboleessa Amsaal, Obbo Abrahaam Yirgaa ''ka'umsi isaa yeroo sanatti mana keessatti nyaata bilcheessaa turte, duungoos ibsatani turani, kasallis qabatee ture, sababiin isaa nannoo Kolfee Qaraaniyoo guutummaatti ibsaan hin jiru waan taheef,'' jedhe.

''Abbaan warraa ishee soofa irra mucaa ishee tokko waliin rafee ture, isheen ammoo daa'ima ishee xiqqoo mana cisichaatti raffisuuf harma utuu hoosistuu achumaan akka hirribni ishee fudhate natti himte.''

Tasa yeroo dammaqxu ibidda jiru agartee da'ima hoosistu san qabattee baate, achii booda yeroo manatti ol deebitee ijoollee ishee kaan baasuuf yaaltu ollaan akka ibiddatti hin deebineef ishee oolchani jedhe.

Sababa balaa kanaan lubbuun haadha warraa oolus warra kaan garuu lubbuun olchuun hin danda'amne.

Ijoolleen ishee afran fi abbaan warraan aarri uukkamseeni lubbuun isaanii darbe.

Ijoolleen Aadde Amsaal lubbuun isaanii darbe afran umurii ganna 15, 11 8, 6 ta'uu isaani kan himan Obboleessi isaanii kun, hundi isaani gara hospitaalaa geeffamanii lubbuun isaani akka darbe ibsun utuu gargaarsi dafee qaqqabeera ta'ee tarii tokkollee lubbuun oolu dandeessi turte jechuun BBCtti himaniiru.

Ambulaansiinis, konkolaataan ittisa ibiddaas kan dhufani erga ibiddi dhaabbateedha jedhan.

'' Utuu dafanii dhufanii jiraatee daa'ima tokko ykn lama lubbuun olchuun tarii ni danda'ama ture kan jedhu dhaga'eera,'' jedhan.

Itti dabaluun Ambulaansichi balaa ibiddaa ta'uu isaa utuu beeku harka qullaa homaa utuu hin qabatiin, Oksijiiniillee utuu hin qabatiin dhufe jedhe.

Konkolaataan gara mana isaanii ga'uuf daandiin waan hin jirreef namootni baatanii yeroo achitti isaan geessan mucaan isheen hangafaa harmeekoo jettee boo'aa akka turte nutti himaniiru.

''Ta'us hundi isaanii lubbuun isaani darbeetu hospitaala ga'ani. Waan akkanaa maatii ofiirratti miti orma irrattiyyu yeroo uumamu dhaga'uun ni cima. Reeffa shan awwaaluun baayyee cima. Obboleettiinkoo sammuu isheetti deebi'uun itti cimee ture, eessatti akka isaan awwaalaman kan barteeyyu har'adha,'' jechuun waan mudate BBCtti hime.

Dubbii himaan komishiinii Ittisa balaa ibiddaa magaalaa Finfinnee Obbo Gulilaat Geetaanee, balaa Kanaan lubbuun namoota shan darbuu mirkaneessuun, ka'uumsi ibiddichaa maalii kan jedhu ammoo qoratamaa jiraachuu himaniiru.