Dhalataan Eertiraa namoota daddabarsuun barbaadamaa ture Keeniyaatti to'atame

Madda suuraa, interpo
Namoota seeraan ala daddabarsuun himatamee waggoota hedduuf barbaadamaa kan ture dhalataan Eertiraa lammii Neezalaandis ta'e Keeniyaa magaalaa Naayiroobii keessatti to'atamee Neezalaandis'f dabarfamee kennamuu Poolisiin Keeniyaa ibse.
Garee seeraan ala namoota daddabarsan sochoosaa ture jedhamuun waggootaaf barbaadamaa kan ture namni umrii waggaa 53 Joon Habtee, torbee lama dura ture poolisiidhaan to'atamee kan hanga yoonaa hidhaa ture.
Nama kana qabuuf Jaarmiyaan Poolisii Idil-addunyaa-Interpol-hatattamaan akka hidhamuuf ajajuusaa hordofeeti gareen qorannoo yakkaa Poolisii Keeniyaa qorannoo walirraa hin cinne gaggeessuun handaara magaalaa Naayiroobiitti kan to'atan.
Shakkamaan kun Naayiroobii keessa riphee yeroo hagamiif akka ture beekamuu baatus, kan to'atame garuu torban lama dura.
Namni kun battaluma sana dabarfamee mootummaa Neezarlaandis'f kan kenname yoo ta'u yeroo ammaas achumatti mana hidhaa jiraachuun ibsameera.
Joon Habtee garee namoota seeraan ala daddabarsu kan dursu ta'uusaa kan ibsu Interpol, namoota hedduu seeraan ala Afrikaarraa gara biyyoota Awurooppaatti daddabarsuudhaan himatamuu akka danda'u akeekeera.
Namni kun keessattuu lammiilee Eertiraa gara Awurooppaatti daddabarsuun kan beekamu yoo ta'u, yoo xiqqaate yakkoota daddabarsa seeraan alaan walqabatan afur waliin maqaansaa ka'a.
Akka poolisiin Keeniyaa jedhutti Joon Habtee erga qabamee booda of harka tursuun danntaa biyyaa waliin kan walitti bu'u waan ta'eef ajaja Ministeera Dhimma Biyya keessaatiin battaluma sana dabarfamee Mootummaa Neezarlaandis'tti kenname.
Joon Habtee adeemsa murtii isaa mana hidhaa Neezarlaandis turee kan hordofu yoo ta'u, yakkamaa ta'ee yoo argame hanga hidhaa waggaa saddeetiin adabamuu akka danda'u Interpol ibseera.
Dhalataan Eertiraa Joon Habtee namoota isa beekan biratti maqaa ''Obaamaa'' jedhuun kan beekamu yoo ta'u, godaantota Afrikaa karaa Singaappoor fi Filippiinsi gara biyyoota Awurooppaa seensisaa turuutu himama.
Namoonni hedduun doolaara kumaatamaan kaffaluun erga gara biyyoota kunneenii seenanii booda, maallaqasaanii fixanii gara deeman wallaalanii imala seeraan alaan qabamanii kan hidhaa jiran hedduudha.














