Hidhattootni Islamaa 'hamoodha' jedhaman mana hidhaa Keeniyaatii miliqan barbaadamaa jiru

Mana hidhaa Kamittii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hidhamtootni 'Islamists' sadii mana hidhaa Keeniyaa magaalaa Naayiroobii ala jiru keessaa miliqana

Keeniyaatti hidhattootni finxaaleyyii Islaamaa sadii ''baay'ee hamoodha'' jedhaman mana hidhaa eegumsa cimaa qabu keessaa erga miliqanii namootni eegumsa irra turan torba to'annoo jala oolan.

Namootni mana hidhaatii miliqan keessaa tokko Alii Abiikar, kan haleellaa yuunvarsiitii Gaarisaa irratti bara 2015 raawwatee lubbuu namoota 148 galaafate keessaa qooda qaba jechuun himatamuun yakkamaa jedhamedha.

Qondaalonni to'ataman maal na dhibdeefi gahumsa dhabuu irraa kan ka'e akka miliqan tahan jechuun to'ataman.

Guutummaa biyyattiitti dhaabbilee tikaa baay'ee dabalatee namoota kanneen barbaadaa jiru.

Qondaalonni mootummaas nama odeeffannoo waa'ee namoota miliqan kanaa kenneef shilingii Keeniyaa miliyoona 20 yookaan doolaara 178,000 kennina jechaa jiru.

Warra miliqan keessaa inni lammataa bara 2012 kan to'atame yoo tahu, paarlaamaa Keeniyaa irratti yaalii haleellaa fashalaa'e gaggeessuuf osoo jedhuu ture.

Kan sadaffaan ammoo Somaaliyaatti hidhattoota al -Shabaabitti dabalamuuf osoo jedhuu kan to'annoo jala ooledha.

Ministirri Dhimma Biyya Keessaa Fireed Matiyaangii ibsa kennaniin sababni namootni kunneen mana hidhaa Kamiti keessaa itti miliqan jedhamee qondaalotaan kenname homaa waan dabalu hin qabu jedhan.

''Namoota sadeen deebisnee to'achuuf barbaacha guddaa gochuuf jirra. Yakkamtoota hamoodha. Isaan argachuu qabna,'' jedhe.

''Gochaan maal na dhibdee akkasii akka irra deebi'ee hin uumamneef kutannoon hojjenna,'' jedhan.

Itti dabaluun poolisiin hojii qorannoo isaa akka xumureen namoota dabalataa baay'ee adabuu fi to'annoo jala oolchuun itti mala jedhan.

Alii Abikaar bara 2019 hidhaan waggaa 41 itti muramuun namoota biroo sadii haleellaa yuunvarsittii Gariisaa keessaa harka qabu jedhamn waliin mana hidhaa Kamitii keessa jira.

Eebla 2, 2015, namootni haleellaa raawwatan hidhannoo guutun yuunvarsiiticha weeraran. Barattoota qormaataaf qophaa'aa turan osoo hin ajjeesiin dura eegdota lama rukutuun ajjeesan.

Namootni ijaan argan akka jedhanitti barattootni amantaa Kiristaanaa hordofan adda bahuun ajjeefaman.

Hidhattootni afur achumatti rukutamuun ajjeefaman. Namni haleellaa kana qindeesse Mohaammad Kunoo ammoo sakattaa Somaaliyaa keessatti godhamaa tureen bara 2016 ajjeefame.

Kun haleellaa hamaa Keeniyaatti raawwate isa lamaffaa ture.

al-Qaayidaan bara 1998 Imbaasii Ameerikaa haleeluun namootni 200 ajjeefamaniiru.