Keeniyaatti haleellaa giddugala gabaa Weestigeet 2013n namoonni lama balleessaa jedhaman

Huseen Hasan Musxafaa (bitaa) fi Mohammed Ahmad Abdi (mirga) yogguu himataman, Liban Abdullaahi (gidduu) balleessaan irratti hin argamne

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Huseen Hasan Musxafaa (bitaa) fi Mohammed Ahmad Abdi (mirga) yogguu himataman, Liban Abdullaahi (gidduu) balleessaan irratti hin argamne

Manni murtii Keeniyaa haleellaa bara 2013 giddugaleessa suuqiwwaan daldalaa beekamaa qabu Weestigeet irra qaqqabe namoonni lama deeggaraniiru jechuun balleessummaa irratti mure.

Haleellaa hidhattoonni al-Shabaab gamoo Weest geet magaalaa guddoo biyyattii Naayiroobiitti argamurratti qaqqabsiisan kanaan, namoonni 67 ajjeefamaniiru.

Hidhattoonni haleellaa kana qaqqabsiisan afur suuqiiwwan giddugaleessa gabaa Weest geet burkutaa’an kana jalatti argamuusaanii biyyattiin ibsite.

Hidhattooni kun guyyoota afuriif gamoo kana qabatanii kan turan wayita ta’u, haleellaa hamaa hidhattootni kun biyyaattiirratti qaqqabsiisan keessaa isa tokko ture.

Galmee himataa kanarratti namoonni 140 waan argan ragaa bahaniiru.

Namni sadaffaan himatame yakka shororkeessummaan ittiin himatame hundarraa bilisa ta’eera.

Lammileen Keeniyaa lamaan balleessaa raawwachuun isaanii irratti mirkaneeffame Onkololessa 22, bara 2020 murteen irratti dabarfamuuf jira.

Murtoon balleessummaa irratti darbus, biyyattiin haleellaa hidhattoonni kun qaqqabsiisuu malan qolachuuf ofeeggannoo olaanaa taasisuu itti fufti jedhameera.

Hidhattoonni garee al-Qaayidaatti hidhata qabanii fi biyya ollaatti argamtu Somaaliyaa keessaa maadheffatan kun deddeebi’anii Keeniyaa haleelu.

Loltoonni Keeniyaa biyya Somaaliyaatti hidhattootta kanaan lolan haaloo bahuuf jecha, hidhattoonni kun haleellaa raawwataniiru.

Namoonni balleessummaan itti murame eenyu?

Namoonni balleessaan itti murame lamaan Mohaammad Ahimad Abdii fi Huseen Hasan Musxaafaa jedhamu.

Lamaanuu haleellaa shororkeessummaa karoorsuu fi raawwachuu, akkasumas garee shororkeesummaa deeggaruun himataman.

Shakkamaan sadaffaan bilisaan gadhiifame Liiban Abdullaahii - baqataan Somaaliyaa waraqaa ragaa dharaa qabatee biyyatti seene jedhames bilisaan gadhiifameera. Himatamaan afreessollee bilisa baheera.

'Westgate'tti maaltu tahe?

People with children run for safety as armed police hunt gunmen who went on a shooting spree at Westgate shopping centre in Nairobi, September 21, 2013.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaan gaafasii guyyoota afuriif ture

Hidhattoonni al-Shabaab Fulbaana bara 2013 qawwee hidhatan gamoo Weest geet akkuma seenaaniin dhukaasa bananii, guyyoota afuurif qabatanii turan.

''Namoonni naasuu hamtuu keessa seenan, daa’imman ni boo’u ture,'' jechuun haleellaa kanarraa kan hafe Surajit Borkakyoty gaafas BBCtti dubbatee ture.

''Namoota tasgabbeessuuf yaalaa turre, akka bilbilasaanii hin fayyadamneef itti himaa turre ykn callisarra (silent) akka kaa'an itti himaa turre.

Yeroo mara dhukaasa qawwee dhagahaa turre. Dirree waraanaa fakkaata ture.''

Tamsaasa televizhinii kallattiin agarsisaa turan irratti aarri gamoo sana keessaa haalaan olkahee muldhata ture. Konkolaattonni poolisiifi waraanaa hidhatan naannicha marsanii, namootni keessaa baqatan.

Taateen kun guyyootaan booda yogguu xumura argatu, lubbuu namoota 67 tu darbe - 62 namoota hin hidhanne, qaamolee nageenyaa keessaa shaniifi kan haleelan afur.

Gareen al-Shabaab haleellicha akka gaggeesse amanuun, oppireeshinii waraanni Keeniyaa biyya Somaaliyaatti godhaniif haaloo bahuuf kana akka godhan himan.

Jalqabarratti angawoonni haleeltoonni 10 akka turan eeranis, boodarra garuu lakkoofsa kana gara afuritti hir'isaniiru.

Akka isaan jedhanitti haleeltonni hunduu kan ajjeefaman yogguu tahu, qorannoon reeffasaaniirratti gaggeeffame garuu ifa hin taane.