Namni Itoophiyaa lammummaa Ameerikaa argachuuf jecha sobeera jedhame to'atame

Qajeelcha Haqaa Ameerikaa

Madda suuraa, Kevin Dietsch

Jiraataa kutaa bulchiinsa Joorjiyaa kan ta'e namni Itoophiyaa tokko lammummaa Ameerikaa argachuuf jecha sobeera jechuun to'annoo jala oolfamuu isaa Qajeelchi Haqa Ameerikaa ibsa baaseen beeksiseera.

Namni Itoophiyaa yakka waliin dha'uudhaan himatame kun Obbo Mazammir Abbabaa kan jedhamu yoo ta'u gaheessa umuriin isaa waggaa 65 ta'edha.

Namni kun Itoophiyaa keessatti bara mootummaa Dargii Goolii Diimaa ture keessatti hirmaannaa qabaachaa ture hin dubbanne jedhameera.

Mana hidhaafi bakka itti nama hiraarsan magaalaa Diillaa keessa turetti sadarkaa dhuunfaa isaatti qorataa ta'ee akka tajaajileeru himni Qajeelchi Haqaa Ameerikaan dhiyeesse kun ni ibsa.

Mana hidhaa sana keessattis Obbo Mazammir namoota ilaalcha siyaasaa isaaniitiif jecha hidhaman miidhaa qaamaa hamaa, akkasums dararaa tureera himannaa jedhutu irratti dhiyaate.

Himannichi akka jedhutti Obbo Mazammir lammummaa Ameerikaa kan argate karaa seeraan alaatiin.

Kanaaf ammoo akka sababaatti kan eere, namni kun Goolii Dimaa keessatti hirmachuun isaa osoo beekameera ta'ee lammummaa Ameerikaa hin argatu ture. Kanaaf, kana ta'e jedhee dhokseera kan jedhudha.

Dabalataanis, ilaalcha siyaasaa isaaniitiin nama kamirrattiyyu yakka hin hojjenne kan jedhu sobeera jedha ibsichi.

Yakka mirgoota namoomaa keessatti hirmaachuu dhabuun alatti akka seerri Ameerikaa jedhutti namni lammummaa argatu tokko kan yakka hin raawwanneefi hin hidhamne ta'uu qaba.

"Namoonni yakka mirgoota namoomaa raawwatan Ameerikaatti biyya hin qaban," jechuun Qajeelcha Haqaatti gargaaraan yeroo abbaa alangaa dhimmoota yakkaa Nikoolaas El Maak Kowaayid dubbachuu isaanii ibsicharratti eerameera.

"Yakkawwan raawwataman kan baroota hedduu lakkoofsisan ta'anillee, Qajeelchi Haqaa Ameerikaa namoota biyya ofiisaanii keessatti yakka raawwachuun Ameerikaa galuudhaaf eenyummaa isaanii dhoksan barbaadee adaba."

Itti dabaluun akka jeha ibsi kun: "Ameerikaan namoota yakki irratti raawwatameef da'oo taati; namoonni yakka miidhaa geessisuu raawwatanis ammoo callifamanii bira darbamuu hin qaban," jechuun bulchaan kutaa bulchiinsa Kaaba Joorjiyaatti abbaa alangaa waliigalee yeroof kan ta'e Kurt R Eriksan dubbateera.

"Sobni Mazzammir fi gocha badaa inni hojjete haala nama gammachiisuun amma saaxilameera. Yeroo ammaa kana itti gaafatamaa ta'a. Qaamoleen nageenyaa kana saaxiluuf hojjetan, ogeessota seera. aanga'ootaafi qaamoleen biroo nan galateeffadha.

Haqni ni baha," jechuun kutaa biyyaa Albaamaafi Joorjiyaa keessatti ogeessi addaa qorannoo nageenya biyya keessaa olaantummaatiin kan gaggeessu Kaatiriinaa W Bargar ibseera.

Obbo Mazammiir lammummaa isaanii karaa seeraan alaa argataniiru kan jedhu himatni lama kan irratti dhiyaate yommuu ta'u, lamaani isaaniitiin yakkamaa ta'ee argamnaan tokkoo tokkoo isaatiif hidhaa waggaa kuhaniitu isa eeggata jedhameera. Kana maleellee, lammummaan isaaniis akka irraa fudhatamus ibsichi addeesseera.

Ameerikaatti wiirtuun bara 2009 keessa hundeeffame nani yakka mirgoota namoomaa sarbuu raawate; yakkawwan waraanaatti kan hirmaatan ykn kan shakkaman, duguuggaa sanyii kan gaggeessan, namoota dhuunfaarraan gidiraa kan geessisan, ta'e jedhanii kan beekaa nama ajjeesan, gocha ijoollee durbaa dhaqna qabuu kan raawwataniifi namoonni loltoota calalan murtiitti ni dhiyaatu.