Ameerikaa: Biyyoota kamirratti, qoqqobbii akkamiifaa keesse?

Madda suuraa, Getty Images
Ameerikaa dabalatee biyyoonni diinagdeen badhaadhan kaan, qoqqoobbiiwwan diinagdee, siyaasaa, daldalaa, waraanaa, deeggarsaafi kaanis biyyoota kaanirratti kaa'u.
Wayita sarbamni mirgoota namoomaa uumameera jedhamu yookaan gochaan seerota idil-ddunyaa cabeera jechuun, biyyoonni kunniin biyyoota kaan qoqqobu.
Mootummaan Ameerikaas qondaaltota, miseensota waraanaafi nageenyaa Itoophiyaafi Ertiraa; humnoota naannoo Amaaraa akkasumas miseensota TPLF irratti uggura viizaa kaa'uu beeksise.
Kanaafis akka sababaatti kan kaa'ame lolli Tigraayitti gaggeeffamu akka dhaabbatuufi waraanni Ertiraa naannichaa akka bahan, dhiyeessiin qarqaarsa namoomaa akka fooyya'u, akkasumas qaamoleen wallolan gara mariitti akka dhufan yaaliin taasifte fudhatama dhabuusaatiini.
Biyyoota isaan kam fa'irratti amma dura Ameerikaan qoqqobbii irra keesse? Muraasa isaanii haa ilaallu:
Odeeffannoon marsariitiiwwan garagaraarraa arganne akka mul'isutti; US hanga 2020tti biyyoonni qoqqobbii irra keesse: Belaarus, Burundii, Rippablika Giddugala Afrikaa, RD Koongoo, Hong Kong, Iraan, Iraaq, Libaanon, Liibiyaa, Maalii, Nikaaraaguwaa, Somaaliyaa, Sudaan Sudaan Kibbaa, Raashiyaa, Yaman fi kaanillee ni eeramu.
Qoqqobbii Ameerikaas tahe kaanii gama gaarii fi gaarii hintaaneen ilaalamuu danda'u. Qoqqobbiiwwan hundaa ulaagaa walfakkaatuun madaaluun hin danda'amu.
Haala qabatamaa biyyi qoqqobbiin irra kaa'ame, sababa uggurri itti kaa'ame, falmii biyya adabbicha fudhateefi itti kaa'ame gidduu jiruufi kaayyoon adabbichaa maali kan jedhu tilmaama keecha galuu qaba.
Gam tokkoon biyyooti qoqqobbii kaa'uun, faayidaa biyyasaanii eegsisuufi humna qaban agarsiifachuuf jechuun kan komataman jiru.
Gama kaaniin ammoo biyyootarra dhiibbaa uumuun, mirgoonni namoomaa akka eegaman, akkasumas seeronni idil-addunyaa akka hin sarbamne gochuun ni danda'ama kan jedhanis jiru.
Bu'aa qoqqobbii kaa'uu hangami? Diinagdeefi dhageettii dippiloomaasii biyya tokkoo miidhuun bu'aa qabaa? Biyyooti qoqqobbicha kaa'an dhageettii qabanis, biyyoota kaanirra uggura godhuuf seexaan qaban hangami? gaaffileen jedhan ni ka'u.
Biyyoota US qoqqobbii irra keesse jirtu muraasa?
Biyyoota yeroo dheeraaf uggurri irra kaa'ame keessaa Kubaan takka yoo taatu, qoqqobbiin kan kaa'ame erga mootummaan USn deeggaramu Fidal Kaastiroon mo'amee boodadha.
Ameerikaan gosti qoqqobbii Kuubaarra keesse kan daldalaati.
Biyyi kaan ammoo Iraan. Warraaqsa 1979 booda, hoogganaan michuu warra Lixaa tahan aangoorraa bu'aniiru.
Qoqqobbiin Ameerikaan Iraan irra wayita sana keesse, muddama biyyoonni kuni har'allee itti jiraniif sababadha.
Ameerikaan Iraaniin ''shororkeessummaa deeggaruun'' akkasumas gabbisa yuraaniyemiin walqabatee seerota idil-addunyaa cabsuun himatti.
Iraanis Ameerikaaf ilaalcha gaarii hinqabdu. Waldhibdeen biyyoota lamaanii barootaaf ture, har'allee inuma jira.
Biyyi biraa qoqqobbiin US isheerra kaa'ame ammoo Kooriyaan Kaabaadha. Waldhibdeen bara 1950 biyyoota lamaan gidduutti eegale kunoo hanga hardhaalee inuma jira.
Qoqqobbiin diingadee Ameerikaan biyyattiirra keesse dhiibbaa cimaa qaqqabsiisuus, Kooriyaan Kaabaa garuu ilaalcha biyyoonni Lixaa isheef qabaniin hagas mara hin yaaddoftu.
Qoqqobbiiwwan Ameerikaan keessu, kan biyyootarra xiyyeeffatan qofa miti. Namoota dhuunfaa, dhaabbilee daldalaafi dhaabbilee siyaasaa irrattis uggurri ni kaa'ama.
Fakkeenyaaf bara 2017'tti hokkora Miyaanmaar keessa dhalateen walqabatee, namoota muraasarra uggurri viizaa kaa'ame ture.
Kana malees qoqqobbiin Ameerikaan keessu kan: dhorkaa daldala meeshaalee waraanaa, dhorkaa meeshaalee teeknoolojii fi dhorkaan daddabarsa daldalaa keessatti argamu.
Dabalataanis, biyyoonni liqii akka hinarganne taasisuu, namoota dhuunfaa uggurri irra kaa'ame viizaa akka hin arganne dhorkuu, akkasumas daddabarsa maallaqaarrattis qoqqobbiin kaa'amuu ni danda'a.

















