Kaataar: Biyyoonni ollaa Kaataar qoqqobbii biyyattiirra kaa'anii turan kaasuuf

Qatar's Emir Sheikh Tamim bin Hamad Al Thani is greeted by Saudi Crown Prince Mohammed bin Salman on arrival in al-Ula, Saudi Arabia (5 January 2021)

Madda suuraa, Reuters

Oggantoonni biyyoota Galoo Galaanaa har'a Saawud Arabiyaatti walgahuun qoqophaa biyyoonni ollaa waggoota sadiif Kaataar irra kaa'anii turaniitti dhuma akka itti godhuu eeggamuu irratti hirmaataa jiru.

Hoogganaan Kaataar Sheeikh Taamiim Al Thaanii wayita walgahichaaf Saawudii qaqabaniitti Mootii Sawudii Mohaammad bin Salmaan simannaan taasifameef.

Wiixata alkan Saawudiin daalgaawwan ishee lafaa fi galaanaa Kaataar waliin qabdu deebiiftee kan bante yoo ta'u, waliigaltee akka mallaattaa'u qondaalli US himan.

Kunis waldhabdee Kaataar olloota ishee galoo galaanaa waliin yeroo dheeraaf qabaataa turte kan dhaabudha jedhameera.

Tarkaanfiin kunis gumii Kaawunsilii Walta'iinsa biyyoota Galoo-Galaanaa kan Kibxata har'aa Saawudi Arabiyaatti taa'amu dura kan fudhatameedha.

Qondaalli Ameerikaa olaanoon tokkos waliigalteen waldhabdee tureetti dhuma taasisu ni mallataa'a jedhan.

Olloonni Kaataar shororkeessummaa deeggarti jechuun waggoota sadiifi walakkaaf qoqqobbaa irra kaa'anii turan.

Gamtaan Emireetota Arabaa, Baahireeniifi Masriinis qoqqobbaa dippilomaasii, daldalaafi ilamaa Saawudiin Kaataar irra keessatti dabalamanii turan.

Kaataari biyya xiqqoo garuu biyya Galoo Galaanaa sooreettii yeroo hundumaa milishoota jahaadistii ni deeggarti jedhamte fudhattee hinbeektu.

Gamoowwan Dohaa

Madda suuraa, Getty Images

Attamiin achi gahamee?

Oduu gammachisaan kunis TV biyyattiin Ministira Haajaa Alaa Kuweet Ahimad Naasaar al-Saabaahiin himame.

Yaaliiwwan jaarsummaan Kaaraariin ogganamaa turanis hanga dhiheenyaatti waan guddaa hinbuufne ture, haata'u malee baatiiwwan muraasa keessatti mallattoowwan waliigaltee wal dhabdee turan kanneen hirmaatan hunda waliin hirrisuu guddataa dhufuu Gulaalaan Dhimmoota Arabaa Sabaastiyaan Ushee gabaaseera.

Bulchiinsi Ameerikaa gahee qabatamaa kan fudhate yoo ta'u, Qondaalli olaanaan Ameerikaas sirna mallattoo waliigalte Kibxata gaggeeffamu kana irrattis soddaa pirezidaanti Doonaald Tiraamp fi gorsaa olaanaan Jaareed Kushnan ni argamu jedhaniiru.

Hoogganaan Kaataar Taamiim bin Haamaad Al Thaaniis gumicha irratti hirmaachuuf Mootii Saawudii Saalmaan irraa affeerraan qaqabeera.

Maddii walgahicha qindeessuu keessatti hirmaate akka jedheetti Saawudii Arabiyaa daangaa lafaafi galaanaa akkasumas naannoo qilleensa ishee deebiiftee saaquuf taasifte tarkaanfii hoogganaan Kaataar hirmaachuuf amantaa umuuf taasifameedha jechuu, gabaafame.

Bara 2017tti wayita qoqophaan kaa'ameetti hogganaan Kaataar biyyoota lammiileen Kaataar akka hingalleef uggura kaa'an kamittu hinimalu jedhanii turan.

''Kunis fiixaan bahiinsa olaanaa hanga har'aatti arganneedha'' jechuu qondaalli bulchiinsa TiraampBarruu 'Wall Street'n eeramaniiru.

''Kana jechuunis isaaniis wal jaalatanii hirriyaa gaarii walii ta'u jechu miti, garuu waliin hojjachu ni danda'u jechuudha,'' jedhan.