Kaataar himannaa Eertiraa 'dhara' jetteen

Imira Quwaatar shee Tamiim al Taanii

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Imira Quwaatar shee Tamiim al Taanii

Kaataar isa Eertiraan anga'oota olaanaa kiyya ajjeesuuf karoorsiteetti jechuun himatte fudhatama dhabsiifte.

Ministirri odeeffannoo ibsa himannaa ofkeessaa qabu baase Kaataar 'dhara' jechuun himannaa irratti dhiyaate hin fudhadhu jetteetti.

Mootummaan Eertiraa Kaataar gartuu mormitoota deeggaruun diddaa mootummaarratti kakaasuuf yaaluun ibsicharratti eerameera.

Kaataar ibsa baasteen gartuu hidhates ta'e, gartuu kamiyyuu wajjin hariiroo akka hin qabne ibsuun ''dhimma kanas mootummaan Ertiraa sirriitti beeka '' jetteetti.

Minsteerri dantaa alaa Kaataar 'hawaasa addunyaa biratti karaa dippilomaasii fi seeraan beekaman fayyadamuu caala'' ibsa Ministeerri Odeeffanno biyyattii baaseen burjaaja'uu ibseera.

Ministeerichi ibsa ba'eerratti, kanaan dura Eertiraa wajjin hariiroo gaarii qabaachaa turuu fi karaa sanaan hojjachaa turuu ,hariiroo Eertiraan Jibuutii wajjin qabdu waliif galchiisuuf tattafachuu akka fakkeenyatti eertetti.

Mootummaan Ertiraa ibsa baaseerratti ' Kaataar mootummaa biyyatti leellistoota Islaamummaa mormitoota giddutti uumuudhaan lammilee keenyatti akka ka'an barbaaddi jechuun himata.

Dhiyeenyatti magaalaa qarqara doonii Poorti Sudaan dabalatee baha Sudaanitti jiraattota gidduutti jeequmsa uumuudhaan walqabatee magaalaa qarqara doonii kanatti jeequmsi qomoo akka mudatuuf qooda qabaachuu qeeqxee turte.

Himannaa Eertiraa hordofuun Ministeerri Dantaa alaa Kaataar deebii kenneen Eertiraan 'odeeffannoo dharaa fayyadamuu caalaa dhugumatti rakkoolee hundeerraa fureeraa? isa jedhu akka qorattu waamicha dhiyeesseef.

Biyyoota naannoo galoo galaanaa jiran gidduutti waldhabbiin erga mudatees hariiroo cimaa yeroo dheeraaf ture qabdi.

Waldhabbiin biyyoota Sa'udii fi Kaataar gidduutti wayita uumame Eertiraan michummaaf Sa'udii fi UAE cinaa hiriiruun duula Yaman keessatti ta'u deeggarteeetti.

Sababii kanaan biyyootni kun duula Yaman keessa ture deeggaruuf Eertiraan magaalaa buufata doonii Asab maadhee godhachuun UAE akka itti gargaaramtu eeyyamte.