Qataar maatii 'daa'ima buufata xiyyaaraatti gatamtee argamte adda baaste'

Madda suuraa, Reuters
Qataar maatii daa'ima buufata xiyyaaraa Dohaattii qodaa balfaa keessatti gatamtee argamte adda baasuu himte
Dubartii 'lammii Eeshiyaatu' daa'ima kana gatee biyya alaatti baqatte jedhan abbaan alangaa. Ishee deebisuufis yaaliin taasifamaa jira jedhan.
Qorannoon DNA daa'imaa abbaanillee lammii Eeshiyaa akka tahe agarsiisa.
Gama biraan hojjettoonni buufatichaa dhimma sakkatta'insa dubartootaan wal-qabatee himannaan irratti banameera.
Dubartoonni gara Sidnii imalan kan lammii Awustiraaliyaa, UK fi Niiw Ziilaand tahan dhihootti dahaniiru yoo taheef ragaa akka fidan gaafatamuun dheekkamsa kaaseera.
Mootummaan Kaataar rakkoon kun daa'imni gaafa Onkololeessa 2 pilaastikii kosii keessatti erga argamteen booda jalqabe jedhan.
Akkuma mucaan argamteen barbaachi maatii battaluma xiyyaarota 10 naannoo jiran sakatta'uun jalqabe jedhan.
Dubartoonni baayyeen Xiyyaara Kaataariin gara Siidnii deemaa turan xiyyaara irraa bu'anii uffata jalaa baasaa jedhamuun akka sakatta'aman dubbatu.
Dubartoonni kunneen gama mootummaan maaliif akka sakatta'aman akka itti hin himamneefi eeyyamni isaanii akka hin gaafatamne dubbatan.
Ministirri mummee Awustiraaliyaa Iskoot Moorisan mudannoo kana 'fudhatama kan hin qabneefi jibbisiisaa,' jedhan.
Gitni isaanii Kaataar Sheek Kaaliid Biin Kaaliifaa Al Taaniinis adeemsi gulantaa sarbameera jechuun ''dubartoota kana keessa darbaniin dhiifama gaafadha,'' jedhaniiru.
Gaafa Wiixataa abbaan alangee Kaataar hojjettoota dhimma kana raawwatan jedherratti himannaa irratti baneera.
Hojjettoonni kunneen ''hakiimoota dubartootaa waamuun imaltoota dubaraa akka sakatta'an gaafachuun,'' hanga waggaaa sadiitti adabamuu danda'u.
Abbaan alangee haadha mucaas yaalii ajjeechaan himateera, to'annoo jala oolchuufillee adeemsa seeraa biyyoota addunyaa akka fayyadaman dubbatan.
Yoo qabamtee mana murtiin balleessaadha jedhamte hidhaa waggaa 15nin adabamuu dandeessi.
Abbaan mucaa haadha waliin hariiroo akka qabuufi mucaa akka deesseen suuraa akka ergiteefi dubbateera jedheera abbaan alangaa.
''Xalayaa marroo lammataan barreesite keessatti mucaa akka gattee fi biyyaa akka baqatte hima,'' jedhu
Abbaan mucaa ammallee Qataar keessa akka jiru barameera. Isarratti himannaan haa banamuu haa dhiisuu waanti beekame hin jiru.
Daa'imni mootummaa Qataariin kunuunsi taasifamaafi jira.












