Daaktuu lubbuu namoota 100 bishaaniin nyaatamuurraa baraare

Dargaggoon Indiyaa ganna 30 Shivaa jedhamu magaalaa Kibbaa Indiyaatti argamtutti lubbuu namoota hedduu bishaaniin nyaatamuurra baraare.
Waggoota dheeeraaf reeffa namoota haroon Huseen Sagaa nyaatamanii baasaa ture. Haroon namtolcheen lubbuun namaa keessatti badu kun wirtuu magaalaa Kibba Indiyaa Haayidirabaad jedhamutti argama.
Dargaggoon kun poolisii biyyattii gargaaree namoota bishaan nyaate kana waggoota hedduuf barbaaduun gargaaraa ture.
Shivaan akkatti hojicha eegale wayita dubbatu, guyyaa tokko nama harichatti of darbachuu ka’e otoo bishaanitti of hin darbatiin yeroo jalqabaatiif baraaruu gabaasaa BBC Tulugu Balla Satishitti himera.
Shivaan, maqaadhuma tokkoon of waama, umrii isaa ganna 10tti poolisota maallaqa daaktuuf kaffalanii reeffa nama bishaan keessaa baasisaniin kan wal bare.
Poolisoonni biyyattii hedduun isaanii leenjii fi baajata gahaa hin waan hin arganneef, akkatti bishaan daakanii lubbuu namaa baraaranis hin beekani, akkasuma daaktuu qacaruuf baajata gahaas hin qaban.
Kanaaf maallaqa nama biraaf kaffalaniitu reeffa bishaan keessaa baasisuurratti hundaa’u.
Shivaan fedhisaatiin poolisoota gargaaruu wayita barbaade sanatti,‘’ati ijoolleedha’’jedhanii didanii turan.
‘’Ergan amansiise gara boodarra nan simataniiru‘’jedhe.
Hojicha hojjatee maallaqa biyyattii ruuppii 40 ykn $0.54 kaffalameef, maallaqni kun isaaf yeroosanatti kaffaltii gaarii jedhee yaada ture.
Shivaa waggaa 20 kana hojii kana hojjate, amma umriin isaa ganna 30 guutera.Shivaan ammas garuu poolisota naannoo gargaaru addaan hin kutne. Jiruun Shivaa haroo namtolchee Huseen Sagaa wirtuu magaalaatti argamurratti kan hundaa’edha.
Haricha iddoo turistoonni hedduun daawwatanii fi feestivaalli warra Hinduu itti gaggeefamuudha.
Harrii kun iddoo daawwanna qofaas miti, namoonni hedduun of ajjeesuu dhaqaniidhas.
Shivaan poolisota gargaare reeffa namoota hedduu bishaan keessaa baasera.
Yeroo kaanis lageen biroo keessaas reeffa namaa baasuu poolisoota gargaaraa ture.
Reeffa bishaan keessa baasuun olitti, otoo hin du’iin lubbuu nama hedduu bishaanitti namoonni kun Otoo of hin darbatiin baraara.
‘’Reeffa namootan baase hangam akka ta’an lakkoofsa isaanii dagadheera, lubbuu namoota 114 garuu du’a oolcheera’’jedhe BBCtti hime.
Shivaan haadha warraasaa isaas akkatti bishaan daaktee, reeffa dubartoota baasuu dandeessuu leenjisaas jira.
Qondaalli waajira poolisii naannoo haroo kanatti hojjatan tokko Shivaan‘’ hedduu nu deeggare’’jedhaniiru.
Lubbuu namoota 100 olii baraaru isaallee ragaas bahaniifiru.
Indiyaa keessatti of ajjeessuun akka yakkaatti ilaalama.
Kanaafuu,namootni Shivaan baraare otoo inni poolisii itti waamiin dafanii achii fiiganii badu.
Shivaan maatisaa hin beeku,warra hin qabu.
Ijoolummaasaa harka caalu daandiirratti dabarse.
Yeroo ta’e tokko wayii garuu, dubartii ijoollee ishee wajjin karaarra jiraaattu wajjin jiraachuu akka eegale yaadata.
Maatii ofisaanifuu mana hin qabnetti dhiyaachuu erga jalqabe booda, ilma dubartii mana hin qabne kanaatu bishaan daakuu na barsiisee jedhe Shivaan-Ogummaan kun jiruusaa akka jijjiruulle kaasun.
Shivaan akka jedhutti, namoonni of ajeesuuf waantoonni ka’uumsa ta’an gargari-kaan dhiibba jaalalaa, waldhabbii maatii fi maallaqa fa’aan akka walqabatulle dubbateera.
Kana malees, maanguddoonni ijoolleesaaniitiin wayita gataman of ajjeesuu yaalanillee jiruu jedhe.
Dhiyeenya kana immoo namni koronaavaayirasiin qabamuun hin oolle jedhee sodaate tokko haroo kanatti of darbeera jedhe.
Anis,hiriyaan nama bishaanitti of darbe kanaas baraaruuf bishaanitti utaallee ture, garuu ani lubbuu hiriyaasaatii qofaan baraare jedhe Shivaan.
Reeffa namtichi bishaanitti jalqaba utaalee maatiin isaallee koronaan qabamna jedhanii sodaachuun,otoo hin fudhatiin akka hafanillee dubbateera. Kanaaf reeffa namtichaa akka gubellee dubbate Shivaan.
Haroon Huseen Sagaa Shivaan Shivaan daakee ,lubbuu namaa keessaa baraaru kun amma hedduu faalamurran kan ka’e qaamn isaa hooksisuu fi dhibeewwan akka taayifooyidiin isa saaxileera.
Shivaan’’ nama bishaanitti of darbuu arginaan dafte atis bishaanitti utaaluu qabda, daftee deebii kennuu qabda’’ jedha.
Ganna keessa fooliin haroo kanaas ni haja’a/xira’a, boftillee qarqaraasaatti ni argama, Shivaan garuu hojiisaa dhiisaa hin jiru.
‘’Asuma turuun barbaada,yoon as ture lubbuu namaan baraara,lubbuu baraaruun hundaa caala’’ jedhe Shivaan.













