Humnootni nageenyaa Hindi naannoo Kaashmir keessatti namoota hedduu dararaa jiru jedhamuun komataman

Miilla isaa duubaan nama dararamuu isaa agarsiise

Kaashimir naannoo Hindi jalatti bultu keessatti humnootni nageenyaa uleedhaan jiraattota akka malee dararaa jiru jedhamuun himatamaa jiru.

Jiraattotni hedduun BBCtti akka himanitti humnootni nageenyaa ulee fi kebiliidhaan jiraattota Kaashmir reebuun dabalataan humna elektirikaan dararaa jiru.

BBC'n qondaaltota mootummaa irraa adda baasuu dadhabus, jiraattotni miidhaa isaan irra gahaa ture agarsiifachaa turan.

Humni waraanaa Hindi garuu, waan qabatamaa hin taaneefi dubbii sobaati jechuun deebise.

Kaashmir erga torbanoota sadiin as dhorkaa hedduu keessa galuun odeeffannoo hedduunis bahaa hin jiru. Kunis erga keewwatni 370 mirga addaa naannichaaf kennu irraa mulqameeti.

Loltootni kumaatamaan naannichatti bobbaafamaniiru, namootni 30,000 ol namoota siyaasaa, daldaltootaa fi aktivistoota dabalatee hidhamanii jiru jedhama.

Hedduun isaanii ammo gara mana hidhaa naannichaan alaatti fudhatamaniiru jedhama.

Qondaaltotni garuu tarkaanfichi dursinee seeraa fi danbii kabachiisuuf jecha kan fudhatamedha jedhan.

Hindi keessaa naannoon Kaashmiir naannoo addatti Islaamotni baay'inaan keessa jiraatan yoo taahu amma bakka lamatti qoodamuun mootummaa federaalaan bulaa jirti.

Loltootni federaalaa finciltoota Kaashmiriin adda kutanii akka biyyatti baasuuf qabsaa'an waliin waggota 30 oliif waraana irra turaniiru.

Hindi finciltoota kanneen Paakistaantu gargaara jechuun irra deddeebiin komataa jirti.

Lammiileen Hindii hedduun Keewwata biyyattii mirga bulchiinsa addaa Kaashmiriif kennu 370 deebisee irraa mulquu isaaniif MM Naarendiraa Moodii galateeffataniru.

Murtoo guddaadhas jedhan. Ergasii loltootni mootummaa mana irra deemuun jiraattota gadi baasuun akka malee dararaa akka jiran BBC'n iyyaafateera. Hakiimonni garuu raga kennuuf eeyyamamoo miti.

"Nu reeban. Maal goone jennee gaafachaa turre. Yoo nu sobdu jettanii yaaddu tahe jiraattota ollaa ilaalaa turan gaafadhaa, yoo balleessaa tokko hojjenneerra tahes. Homaas dhagahuun hin barbaadan. Homaas jedhanii nutti hin dubbanne'' jedhan obbolaan manaa baafamuun akka malee dararaman.

"Uleen nu reebanii yeroo nuyi gaggabnee kufnu shuboo elektirikii nutti qabsiisuun akka kaanu gochaa turan jedhan.

Yeroo nuyi iyyinu ammo dhoqqeedhaan afaan keenya cufu jedhe namni BBCtti dubbate.

Balleessa tokkollee hin qabnu jennee dubbataa turre kan jedhu dargaggoon gara biraa immoo ''yaa waaqayyo na fudhadhu'' jedheen gaafadhe jedhe. Dararama kana keessaa du'uu naaf wayya ture jedhe.

Dargaggoon gara biraan ammo namoota bira na geessanii kanneen keessaa eenyufaatu dhagaa darbataa ture jedhanii na gaafatan jedhe.

Hin beeku yommuun jedhu uffata koofi kophee koo hundaa narraa baasanii na reebanii yoon of wallaalu elektirikiin deebisanii na dararaa turan jedhe.

Yoo lammaffaa natti deebi'an waanan barbaade hundaa gochuuf qophiidha jedhe. Qawween itti fudhadha jedhee kana caalaa dararamuu hin danda'u jedhe.

Dargaggoota ganda kees akeekkachiisi yoo fincila keessatti hirmaatan dararaa wal fakkaataan akka isaan irra gahu itti himi naan jedhan jedhe.

Nama Kaashmir keessatti dugdi isaa reebame.

Humni waraanaa biyyattii garuu haala jedhame kanaan nama dararre hin qabnu jechuun BBC'f ibsa erge.

Miidhaan akkanaa gahuu himanni gara keenya dhufe tokkollee hin jirus jedhan. Dubbiin akkanaa namoota dubbii ho'isuu barbaadan irraa dhufe jedhan dubbii himaan human waraana Hindii Koloneel Amaan Anaandi.

Namoota nagaa tiksuuf tarkaanfiin fudhatamaa jira garuu miidhaa qaamaa namni geesise hin jiru jechuun dubbatan.

BBC'n garuu gandoota hedduu irra deemuun miidhaa gahe jedhu miidhamtoota irraa iyyaafateera.

Namni tokko ammo loltootni mootummaa bakka hidhattotni jiran beekta jechuun ergana reebanii booda areedakoo harkisaa turan jedhe.

Ani akka waan ilkaankoo buqqa'eetti natti dhagahamus namni biraa na ilaalaa ture garuu loltuun tokko areeda kee gubuuf osoo jedhu loltuu biraatu dhaabsise jedhe.