Lammilee Indiyaa ugguuraman keessaa lama gadhiifaman

Alaabaa Indiyaa

Madda suuraa, SOPA Images

Dubbi Himaan Abbaa Taayitaa Daandii Itoophiyaa Obbo Saamsoon wandimmuu BBC'tti akka himanitti hojjetoonni kampanii ijaarsa daandii pirojektii Amboo-Waliisoo ugguramanii turan lama gadi dhiifamaniiru.

Obbo Saamson akka jedhanitti kanneen hafan afur Bureetti ugguramanifi kan naannoo Naqamteetti Ugguurame tokko garuu amallee walii galteen uumamee akka furmaata argatu hojjechaa jirra jedhan.

Lammiileen Indiyaa shan piroojektii ijaarsa daandii Naqamtee-Buree keessatti qooda fudhachaa jiran kaampaniin ijaarsicha raawwatu mindaa hojjetootaafi kaffaltii dhaabbilee ijaarsaa waliin hojjetu kaffaluu dadhabuu isaatiin akka hin sochoone ittifaman hanga ammaatti hin gadhiifamne jedhan.

Kaampaniin ijaarsicha raawwatu kasaaraa isa mudateen miindaa hojjetootaa ji'a shanii hanga ji'a sadii ta'u osoo hin raawwatiin ijaarsicha addaan kuteera.

Guyyaa kaleessaa miindaa ji'a tokkoo hojjetootaa kaffalamuu kan nutti himan lammiilee Indiyaa afuur sababa Kanaan akka hin sochoone kaampii naannoo Buree jiruutti ittifaman keessaa tokko, ganama har'aa poolisootaan kaampichaa akka bahan yaaliin taasifame akka hin milkoofne himan.

''Ganama har'aa poolisoonni sadii nu fudhachuudhaaf dhufanii km 12 erga imallee booda hojjettoonni piroojektichaa naannichatti argaman nutti yaa'anii nu qabni.''

Poolisoota sana waliin gara Kaampichaattii deebi'anii kutaa isaanii keessa akka jiraniis himan.

Poolisoonni dhufan hojjetoota projeektiichaa naannichatti argaman waliin mariyachaa akka jiran kan dubbatan lammiin Indiyaa kun, ''amma waan ta'aa jirutti yaaddofneerraa'' jedhan.

Kaampaniin kun ijaarsa daandii aspaaltii Amboo-Waliisoo jirus mo'ate hojii eegalee kan ture ta'uus rakkoodhuma walfakkaatuun ijaarsichi adda cite hojjettootni lammii Indiyaa lamas kaampii dhiyeenya Walisoo jiruu akka hin sochoone ittifamanii turan.

Akka lammiin Indiyaa kun BBCtti himeetti, haallii fayyaa lameen naannoo Walisootti argamanii yaaddessaa waan tureef gadhiifamuu hin oolan.