Xalayaa MM Abiy Ahimad Yamaniif: "Waraana keessatti hunduu mo'amaadha"

Madda suuraa, Pacific Press
MM Abiy Ahimad uummati Yaman mariifi ogumaan garagaarummaa gidduu isaanii jiru hiikkatanii nagaafi badhaadhina biyyattii akka deebisan waamicha dhiyeessan.
Jalqaba ALA bara 2015 erga gareen finciltootaa Huutii, Yaman gara Lixaa bal'inaan to'atanii, pirezedaantii biyyittii yeroo sanaa Abdarrabuu Mansur Haadii akka biyyaa bahu taasisanii as waraanni Yaman kan eegale.
Waggoota sadan darbanitti namoota 10,000 kan ajjeese yoo tahu, miliyoonotaan kan lakkaa'aman qe'ee irraa buqqiseera waraanichi.
Akka Mootummoonni Gamtoomanii jedhutti waraanichi balaa hamaa addunyaa ilmaan namaa irra gahedha.
Xalayaan afaan Arabaafi afaan Ingiliziin gama marsaalee hawaasaa waajjira MM'tiin tamsa'e akka mul'isutti, MM Abiy gartuuwwan biyyatti keessatti wal waraanaa jiran maraaf waamicha kan godhan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
"Waraana keessatti hunduu mo'amaadha. Waraanni badii, jibba, abdii murannaafi wal qoodinsa malee homaa argamsiisuu hin danda'u," jedhaniiru.
Biyyi Yaman Macaafa Qulqulluufi Quraana keessatti gaarummaan maqaa dhahamuu eeruun maaliif maatiin tokko bakka gara garaatti wal qoodee akka wal waraanus gaafataniiru.
"Maaliif wal geessanii maaltu biyya keessaniif akka malu hin mari'attan, osoo dhiiga hin dhangalaasiin waliigaluunis waliigaluu dhabuunis ni danda'ama."
"Garaagarumma gidduu keessan jiru dhiisaati, marii, sababa, ogumaafi qixxummaan mari'adha" jedha ergaam MM Abiy.
"Wal waraansi akka dhaabatuu, araarrifi nagaan akka bu'u waan gochuu qabnu mara ni goona," jechunis waadaa galaniiru.

Torban darbe keessas lammiileen Itoophiyaa dhibbaan lakkaa'aman karaa Jaarmiyaa Gargaarsa Baqattootaa IOMtiin deeggarsa taasifamuufiin biyyatti deebiyuun isaanii ni yaadatama.














